The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesHud [Hud] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah Hud [Hud] Ayah 123 Location Maccah Number 11
Alif Laam Raa (Qur’aanni kun) kitaaba keeyyatoonni isaa sirriitti qindeeffamtee, eegasii addaan baafamtee, (Rabbii) ogeessa, keessa beekaa ta’e biraayi. [1]
“Rabbiin malee waan biraa hin gabbarinaa” jechuun (addaan baafamte). Ani isiniif Isa irraa akeekkachiisaafi gammachiisaadha.
“Gooftaa keessan araarama kadhadhaa; ergasii gara Isaatti tawbaa deebi’aa, qananii bareedaa isin qanansiisa, hanga beellama beekamaatti. Abbootii tolaa hundaafis tola (mindaa) isaa ni kenna” jechuun (addaan baafamte). Yoo (irraa) gara galan, ani adabbii guyyaa guddaan isin irratti sodaadha. [2]
Deebiin teessan gara Rabbiitti. Inni waan hunda irratti danda’aadha.
Dhagayaa! isaan Isa jalaa dhooysuuf qoma isaanii maru. Dhagayaa! yeroo isaan uffata isaanii haguuggatan, (Rabbiin) waan isaan dhoksaniifi waan isaan mul'isanis ni beeka. Inni beekaa waan qoma keessa jiruuti. [3]
Lubbu qabeeyyiin dachii keessatti tokkollee sooranni ishee Rabbi irratti ta’u malee hin taane. Iddoo qubannoota isheetiifi iddoo du’a ishees ni beeka. Hundumtuu kitaaba ifa ta’e keessa jira.
Inni (Rabbiin) Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumeedha. Arshiin Isaas bishaan gubbaa ture. Eenyuu keessantu dalagaan isaa irra gaarii ta’uu isin qormaatuuf (isaan uume). Yoo ati “isin du’a booda kaafamoodha” jetteen, isaan kafaran nijedhu “kun sihrii ifa ta’e malee waan biraatii miti”
Azaaba yoo hanga beellama lakkaawamaa ta’eetti isaan irraa tursiifne, “maaltu isa tursiise?” jedhu. Dhagayaa! guyyaa inni isaanitti dhufu isaan irraa deebifamaa miti. Wanti isaan ittiin qishinaa turan isaanitti bu'a. [4]
Yoo Nuti rahmata Nu biraa ta’e Nama dhandhamsiifnee ergasii ishee isa irraa mulqine, (abdii muratee itti kafara). inni akkaan abdii murataa, akkaan kafaraadha.
Yoo Nuti eega rakkoon isa mudatee booda qananiiwwan isa dhandhamsiifne, dhugumatti “hamtuuwwan narraa deemte” jedha. inni akkaan gammadaa, akkaan dhaaddataadha. [5]
Garuu isaannan obsaniifi toltuuwwan dalagan malee, warri sun araaramaafi mindaa guddaatu isaaniif jira.
Garii waan gara keetti buufamee dhiisuun, isattis onneen kee dhiphachuun, sirratti sodaatama “Maaliif qabeenyi guddaan isa irratti hin buufamne, yookiin maleykaan isa waliin hin dhufne” jechuu isaanii sodaachuuf jecha. Ati akeekkachiisaa qofa. Rabbiin wanta hunda irratti tiksaadha.
“moo isatu (Qur’aana) of biraa uume” jedhuu? jedhiin "suuraa kudhan kan (isin biraa) uumamtuu taate kan isa fakkaattu fidaa. Rabbiin malee waan dandeessan waamadhaatii,“yoo kan dhugaa dubbattan taatan. [6]
Yoo isaan isiniif hin awwaatin, beekaa inni (Qur’aanni kun) kan buufame beekumsa Rabbiitiin akka ta’eefi Isa malees gabbaramaan haqaa akka hin jirre. Sila isin Muslima hin taatanuu? (Muslima ta’aa jedhiin).
Namni jireenya Addunyaatiifi miidhagina ishee fedhe, Nuti dalagaalee isaanii ishee keessatti guunnee isaaniif kennina. Isaanis ishee keessatti hin hir’ifamanu.
Isaan sun warra Aakiraatti ibidda malee homtuu isaaniif hin jirreedha. Wanti isaan ishee keessatti dalaganis ni bade. Wanti isaan dalagaa turanis (waan iimaanni bira hin jirreef) badaadha.
Sila namni ragaa mul’ataa Gooftaa isaa biraa ta’e irra jiru, kan ragaan Isa (Allaah) irraa ta’e isa hordofuufi isa duras kitaabni Muusaa kan hogganaafi rahmata ta’ee (ragaa isaaf ba’e) (akka nama jiruu addunyaa fedhuu ni ta’aa)? Warri sun isatti (Qur’aanatti) ni amanu. Ahzaabota irraa warra isatti kafare ibiddi itti gala isaati. Isa irraa shakkii keessatti hin ta’in. inni dhugaa Gooftaa kee irraa ta’eedha. Garuu irra hedduun namootaa hin amananu.
Isa Rabbi irratti kijiba kijibe caalaa namni of miidhe eenyu? Warri sun Gooftaa isaanii irra fidamu. Ragoonni nijedhu “isaan kun warra Gooftaa isaanii irratti kijibaniidha”. Dhagayaa! Abaarsi Rabbii miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu.
Isaan warra karaa Rabbii irraa (namoota) deebisaniifi dabiinsa ishees fedhaniidha. Isaan isaanumatu Aakhiraatti kafaroodha.
Warri sun dachii keessatti (Rabbiin) dadhabsiisoo hin turre. Rabbii malee gargaaraan tokkolleen isaaniif hin taane. Aazzbnii dachaa isaaniif godhama. (Haqa) dhagahuu kan danda’an hin turre; kan arganis hin taane.
Warri sun isaan lubbuulee isaanii hoonga’anii wanti isaan ofirraa (kijibaan) uumanii (gabbaraa) turanis jalaa badeedha.
shakkiin hinjiru isaan Aakiraatti isaanumatu hoonga’oota.
Isaan amananii gaggaarii hojjatanii, Rabbii isaaniitiif gadi jedhan isaan sun warra jannataati. Isaan ishee keessatti hafoodha.
Fakkeenyi gareewwan lamaanii akka jaamaa, duudaafi argaa, dhagayaati. Sila fakkeenyatti isaan lamaan wal qixxaa’uu? Sila isin hin gorfamtanii?
Dhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaa ergine. (Innis ni jedhe): “Ani isiniif akeekkachiisaa ifa bahaadha.
Rabbiin malee (waan biraa) hin gabbarinaa; Ani adabbii guyyaa laalessaan (guyyaa qiyaamaa) isin irratti sodaadha.”
Ummata isaa iraa qondaaltonni isaannan kafaranii nijedhan “nama fakkii keenya taatee malee si hin agarru. Gadi aantota keenya warra yaada gadhee (yartuu) malee kan si hordofes hin agarre. Isiniif nurratti caalmaya tokkollee hin agarre. Inumaayyuu sobdoota ta’uu keessan shakkina” (jedhan).
Inni ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Mee naaf himaa; yoo ani ragaa ifa bahaa (dhugaa tahuu kiyya mirkaneessu) Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee, Innis rahmata Isa biraa ta’e (nabiyyummaa) naaf kennee, isin jalaa dhokate, sila nuti odoo isin isheedhaaf jibbitoota taatan dirqamaan isin fudhachiifnaa?
Yaa ummata kiyya! Ani isa (ergaa qaqqabsiisuu) irratti mindaa isin hin gaafadhu. Mindaan kiyya Rabbiin qofarratti malee hintaane. Ani ari’aa warra amananiitii miti. isaan Gooftaa isaanii qunnamoodha. Garuu ani ummata wallaalaa ta’uun isin arga.
Yaa ummata kiyya! (adabbii) Rabbii jalaa eenyu na baraara? Yoo ani isaan ari’e. Sila hin gorfamtanuu?
Ani kuusaan Rabbii na bira jira isiniin hin jedhu. Gaybii (wanta fagoo) hin beeku. Ani maleeykaadhas isiniin hin jedhu. Isaannan iji keessan tuffattu (xinneessituu)nis Rabbiin toltuu isaaniif hin kennu hin jedhu. Rabbiin waan lubbuulee isaanii keessa jiru beekaadha. Yoo san, ani dhugumatti warra miidhaa hojjatan irraayyi”
[Isaan] nijedhan “yaa Nuuh! Ati dhugumatti nu mormitee jirta. Mormiiwwan keenyas baay’essitee jirta. waan nuun sodaachiftu sana nutti fidi, Yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate”.
Nijedhe "Isa kan isinitti fidu Rabbuma qofa Yoo fedhe. Isin dadhabsiisoo hin taane”.[7]
“gorsi koo isin hin fayyadu Yoo an isin gorsuu barbaade, yoo Rabbiin isin jallisuu fedha ta’e, Inni Gooftaa keessani, Garuma isaa qofa deebitu”(jedhe).
Sila “ isa of irraa uume” jedhuu?. jedhi “Yoo ani of irraa isa uume, badiin kiyya anuma irratti taha, Ani badii isin hojjattan irraa qulquulluudha”.
Gara Nuuhitti (akkana jechuun) beeksisa godhame: “Dhugumatti, warra kana dura amanan malee ummata kee irraa kana booda homtuu hin amanu; Kanaaf waan isaan kan hojjatan tahanitti hin gaddin.
Doonii laalchota (tika) keenyaafi beeysisa keenyaan hojjadhu. Warra miidhaa dalagan keessatti natti hin dubbatin. isaan bishaanin dhidhimfamoodha.” [8]
Innis (Nuuh) doonii tolchutte seene, Dhawaatuma qondaalonni ummata isaa irraa ta’an isa irra qaxxaamuraniin, isatti qishinu. Innis ni jedhe: “Yoo isin nutti qishnitan nutis akkuma isin qishnitan isinitti qishinuuf jirra.
Beekuuf jirtu Namni azaabni isa salphisu itti dhufuufi azaabni itti fufaan isa irra qubatu eenyu akka ta’e.
hanga ajajni keenya dhufee, alawaadaa (keessaa bishaan) burqe jenneen “Wantoota hunda irraa (saala) lama lama (kormaafi dhalaa), maatii keetis nama jechi (adabaa) isa irratti dabre malee, namoota amananis ishee keessatti fe’i” (isaan jenne), Isa waliin namoota muraasa malee (baay’een) hin amanne.[9]
Nijedhe ishee yaabbadhaa “Haala deemsi isheetiifi dhaabbatiinsi ishees maqaa Rabbiitiin taa’een. Rabbiin kiyya araaramaa, rahmata godhaadha. [10]
Isheen danbalii akka gaarotaa keessa isaanin deemti. Nuuh ilma isaa (ka kafare) niyaame. (doonittii irraa) fagoo ture “Yaa ilma kiyya! Nu waliin yaabbadhu, Warra kafaran wajjin hin ta’in” jedheen.
(Ilmi isaa) ni jedhe: “Ani gara gaara bishaan jalaa na baraarsuun qubadha (dheeysa).” (Nuuh) ni jedhe: “Har’a wanti ajaja Rabbii jalaa (bishaaniin nyaatamuu jalaa) nama baraarsu hin jiru; nama Rabbiin rahmata isaaf godhe malee” . Danbaliin gidduu isaanii haguuge. Inni warra bishaaniin nyaataman irraa ta’e. [11]
Ni jedhame: “Yaa dachii! Bishaan kee liqimsi, Yaa samii! (rooba kee) qabadhu.” Bishaan xuuxamee hir’ate. Murtiin Rabbii (adabichi) ni raawwatame. Isheen tabba juudiyyi jedhamu irra dhaabbatte (qubatte). Ni jedhame: “(rahmata Rabbii irraa) Fageenyi ummata miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu!”
Nuuh Gooftaa isaatti lallabee, nijedhe “Gooftaa kiyya! dhugumatti, ilmi kiyya maatii kiyya irraayi. Waadaan kee dhugaadha. Ati irra haqa murteessaa abbootii murtiiti”.
(Rabbiin) nijedhe “Yaa Nuuh! inni maatii kee (kan amanan) irraa miti. Inni (nagaafachuun kee) hojii gaarii hin ta’iniidha. waan beekumsa itti hin qabne na hin gaafatin. Ani akka ati wallaaltota irraa hin taanen si gorsa”.
(Nuuh) nijedhe “Gooftaa kiyya! Ani waan beekumsa itti hin qabne si gaafachuu irraa sittin maganfadha. Yoo Ati naaf araaramtee rahmatas naaf hin godhin, warra hoonga’an irraan ta’a”.
Nijedhame “Yaa Nuuh nageenyaa Nurraa ta’eefi barakaa siifi garii ummata si wajjin jiran irratti ta’een, (doonittii irraa) gadi bu’i. (Sanyii isaanii irraas) ummata (kafaran) kan yeroof isaan qanansiifnee san booda Nu biraa adabbiin laalesaan isaan tuqutu jira”.
Isheen tun (oduun nabi nuh tun) oduu fagoo tan gara keetti beeksisa goonu irraayi. Sis ta’ee ummanni keetis kana dura kan ishee beektan hin turre. Obsi booddeen (gaariin) kan warra (Rabbiin) sodataniiti.
Gara Aaditti obboleessa isaanii Huudiin (erginee jirra). Innis ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraa. Gabbaramaan (haqaa) Isa malee isiniif hin jiru. Isin kijibdoota malee waa biraa hin taane.
Yaa ummata kiyya! Ani isa (ergaa geessiisuu) irratti mindaa isin hin gaafadhu. Mindaan kiyyas Isa na uume irratti malee hin taane. Sila isin hin xiinxaltanii?
Yaa ummata kiyya! Gooftaa keessan araarama kadhaa, ergasii gara Isaatti tawbaa deebi’aa. rooba walitti dhaabbataa godhee isinirratti ergaa (isinii roobsa). Humna keessan irratti humna isiniif dabalaa. Yakkamtoota taatanii irraa gara hin galinaa.”
Nijedhan “Yaa Huud! Ati ragaan nutti hin dhufne. Nuti jecha keetiif jennee gabbaramtoota keenya kan dhiifnu hin taane. Nuti siif amanoo miti”.[12]
Garii gabbaramtoota keenyaatu hamtuun si tuqee malee waan biraa hin jennu. (Huud) ni jedhe: “Ani Rabbiinin ragaa godha; ani waan isin qindeessitan irraa qulqulluu ta’uu’ isinis ragaa ba’aa.
Isaa gaditti (waan gabbartan irraa ani qulqulluudha, Yoo dandeessan) shira natti baasaa haala hunda taataniin; eegasii yeroo naaf hin kenninaa.
Ani Rabbii Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan ta’e irratti irkadheera. lubbu qabaattuun takkas Inni sammuu ishee qabu malee hintaane. Gooftaan kiyya karaa qajeelaa irratti tahe.
Yoo gara galtan, dhugumatti ani waanin ittiin gara keessanitti ergame isintti geesseera, Gooftaan kiyya (isin dhabamsiisee) ummata isin hin ta’in bakka buusa. Homaa Isa hin miitan. Gooftaan kiyya waan hunda irratti eegaadha.
Yeroo ajajni keenya (kan isaan dhabamsiisuudhaa) dhufe, Huudiifi warra isa waliin amanan rahmata Nurraa ta’een nagaa baafne, adabbii cimaa ta’e irraa nagaa isaan baafne.
Isheen sun (ummata) Aadi Mallattoowwan Gooftaa isaanii mormanii, ergamtoota Isaas didan; ajaja of tuulaa, haqa mormaa ta’e hundaa hordofan. [13]
Addunyaa tana keessatti abaarsaan hordofsiifaman; Guyyaa Qiyaamaas (akkasuma). Dhagayaa! Aad Gooftaa isaaniitti kafaraniiru. Dhagayaa! Ummata Huud kan ta’an Aadiif (rahmata irraa) fageenyi haa ta’u.
Gara Samuudis obboleessa isaanii Saalihiin (erginee jirra). Ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraa, Isa malee dhugaan gabbaramaan biraa isiniif hin jiru, Inni dachii irraa isin uumeeti, ishee keessa isin jiraachise. araarama Isa (qofa) kadhaa; ergasii gara Isaatti tawbaa deebi’aa. Dhugumatti, Gooftaan kiyya (beekumsa Isaatiin) dhihaataa, awwaataa dha.”
Ni jedhan: Yaa Saalih! Ati kana dura nu keessatti nama kajeelamaa turte. Sila ati waan abbootiin keenya gabbaraa turan gabbaruu irraa nu dhorgitaa? Nuti waan ati itti nu waamtu irraa shakkii keessatti jirra.
(Saalih) ni jedhe: “Yaa ummata kiyya mee naaf himaa! Yoo ani ragaa ifa ba’aa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee, Innis rahmata Isa biraa ta’e (nabiyyummaa) naaf kenne, yoo ani Isatti dilaaye Rabbiin jalaa eenyutu na tumsa? Isin hoongeessuu malee homaa naaf hin dabaltanu.
Yaa ummata kiyya! Isheen tun gaala Rabbiiti, isiniif (dhugaa dubbachuu kiyyarratti) mallattoodha. Dachii Rabbii keessa haa nyaattuu ishee dhiisaa, Hamtuudhaan ishee hin tuqinaa. (Yoo akkas gootan) adabbiin dhihoo ta’e isin tuqa.”
Ishee ni waraanan, Inni nijedhe “ganda keessan keessa guyyoota sadihiif qanani’aa. Kun waadaa (adabbii) hin kijibsiifamneedha”.[14]
Yeroma ajajni keenya (isaan dhabamsiisuun) dhufe, Saalihiifi warra isa wajjiin amanan rahmata Nurraa ta’een nagaa (isaan) baafne; xiqqeenya guyyaa sanii irraas (isaan baraarsine). Dhugumatti Gooftaan kee isatu jabaa, injifataadha.
Iyyansi hamaan miidhaa hojjattoota qabatee, manneen isaanii keessatti kan jilbeenfatan ta’anii (du’anii) bariisifatan.
Akka waan ishee keessa hin jiraatinii ta’an. Dhagayaa! Samuud Gooftaa isaaniitti kafaranii jiru. Dhagayaa! (rahmata Rabbiirraa) fageenyi Samuudiif haa ta’u.
Dhugumatti ergamtoonni keenya Ibraahiimitti oduu gammachiisaan dhufte, nijedhan “nagaya (sirratti buufna)” Innis nijedhe “nageenyi (isin irra haa jiraatu)”. Odoo hin turre jibicha waadamaan dhufe. [15]
Yeroma harkoowwan isaanii gara isaa (nyaatichaa) kan hin geenye ta’uu (nyaachuu dhabuu isaanii) argu, isaan morme; isaan irraas sodaa dhokfate, (sodaa isaa arganii) nijedhaniin “Hin sodaatin; nuti gara ummata Luux ergamnee”.
Niitiin isaa (saarraan) dhaabattuu taatee nikolfite, Nuti Isihaaqiin (dayuu isiitiin) ishee gammachiifne, Isihaaq boodas Ya’aquubiin.
Ni jette: “Yaa badii kiyya! Sila odoo ani dullattii, ta'e jiruu (ilmoo) dayaa? dhirsi kiyya kunis dullachaa. Dhugumatti kun waan dinqisiisaa dha!”
Ni jedhan: “Sila murtii Rabbii irraa dinqisiifattaa? Rahmanni Rabbiitiifi barakaan Isaa isin irra haa jiraatu Yaa warra mana (ibraahiim)! Inni faarfamaa, guddaadha.”
Yeroma Ibraahiim irraa sodaan deemee gammachuun isatti dhuftu, (waayee) ummata Luux keessatti Nuun (Ergamtoota teenyaan) falamuu eegale.
Ibraahiim obsaa, Rabbitti waywaataa, (gara Rabbii) deebi’aadha.
Yaa Ibraahiim! (Falmii) kana irraa gara gali. Dhugumatti, ajajni Gooftaa keetii dhufee jira. Isaan adabbiin hin deebifamne isaanitti dhufa. [16]
Yeroma ergamtoonni keenya Luuxitti dhufan, inni isaanitti gadde; qomti isaas isaaniin dhiphate “Kun guyyaa hamaadha” jedhe. [17]
Ummanni isaas gara isaatti kan ariifatan ta’aa isatti dhufan, Sana duras (baalagummaa) fokkataa (dhiiratti qunnamtii saalaa) kan hojjatan turan, (Luux) ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Isaan kun dubara tiyya, (yoo seeraan fuutan) isaantu isiniif qulqulluudha. Rabbiin sodaadhaa; keessummaa tiyya keessatti nan xiqqeessinaa. Sila isinirraa namni qajeelaan tokkolleen hin jiruu?”
(ummanni isaa) ni jedhan: “Dhugumatti, ati akka nuti ijoollee dubaraa kee irraa dhimma hin qabne beektee jirta, ati waan nuti barbaannu nibeekta.”
Ni jedhe: “Ani odoon humna isin irratti qabaadhee yookiin gara roga (lammii) jabduu hirkadhee (keessummoota kiyyarraa isin dhoowwee) (isinin adaba ture).”
(keessummoonni isaa) ni jedhan: “Yaa Luux! nuti ergamtoota (malaaykota) Gooftaa keetiiti; Isaan gara keetti hin ga’anu. Maatii kee qabadhuu kutaa halkan irraa taate keessa deemi (bahi), Isin irraa tokkollee of duuba akka hin mil’anne, Niitii tee malee. wanti isaan tuqu (azaabni) ishee tuqaadha. Beellamni isaanii (kan azaabni itti buufamu) bariisaadha. Sila bariisaan dhihoo mitii?” [18]
Yeroo ajajni keenya dhufu, gubbaa ishee (magaalattii) jala ishee taasifnee (dachii garaangalchine), Ishee irratti dhagaa dhoqqee gubamaa (biyyee faaraa) irraa tahe wal hordofaa roobsifne.
(Dhagattiin) Gooftaa kee biratti kan milikkitteeffamte taatee (ishee roobsine), Isheen miidhaa hojjattoota irraa fagoo miti.
Gara Madyan obboleessa isaanii Shu’aybiin (erginee jirra) nijedhe “Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraa, Isa malee dhugaan gabbaramaan biraa isiniif hin jiru, Safaraafi miizaana hin hir’isinaa, Ani toltuuf qananii keessattin isin argaara, ani adabbii guyyaa marsaa ta’eetin isin irratti sodaadha.
Yaa ummata kiyya! Safaraafi madaalas haqaan guutaa, Namoota jalaa wantoota isaanii hin hirdhisinaa; dachii keessattis balleessitoota taatanii hinyaa'inaa (badii hin facaasinaa).
waan Rabbi isiniif hambisetu isiniif caala;Yoo mu’uminoota taataniif(sanumarratti geessifadhaa), Ani isin irratti eegaa miti.”
Ni jedhan: “Yaa Shu’ayb! Sila salaata keetu waan abbootiin keenya gabbaraa turan akka dhiifnu yookiin akka nuti qabeenya keenya irratti akka feene hin dalagne si ajajjii? ati simatu obsaa, qajeelaa dha!”
Ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Mee naaf himaa; yoon ragaa ifa ba’aa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee, innis kennaa gaarii Isa biraa ta’e naaf kenne, (sila qabeenya karaan alaatiin walitti makuun qabaa), Ani waanin irraa isin dhorge (hojjachuun) isin faallessuu hin fedhu, Ani hangan danda’een (isin) tolchuu malee hin fedhu, Haqa qunnamuun kiyyas Rabbi irraa malee hin taane, Isa irratti hirkadhe; garuma isaan deebi’a.
Yaa ummata kiyya! ana faallessuun akka fakkaataa waan ummata Nuuh yookiin ummata Huud yookiin ummata Saalih tuqee isin tuquu irratti isin hin kaasne, Ummanni Luux isin irraa fagoo miti.
Gooftaa keessan araarama kadhaa, Ergasii gara Isaa deebi’aa, Dhugumatti, Gooftaan kiyya rahmata godhaa, jaalataadha.”
nijedhan “Yaa Shu’ayb! Irra hedduu waan ati jettuu nuti hin hubannu, Nu keessatti dadhabaa taateetiin si argina, Odoo gosti tee jiraachuu baattee, silaa dhagaan tumnee si ajjeefna, Ati nurratti jabaa miti”.[19]
Ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Sila gosa kiyyatu Rabbi irra isinitti jabaataa? duuyda duuba keessanitti isa godhattan, Gooftaan kiyya waan isin dalagdanutti marsaadha.
Yaa ummata kiyya! Isin sadarkaa keessaniin hojjadhaa; Ani hojjataadha, Nama adabbiin isa xiqqeessu isatti dhufuufi nama isa kijibaa ta’e fuula dura beektu, Isin eegaa! Anis isin waliin eegaadha.”
Yeroma ajajni keenya dhufu, Shu’aybiifi warra isa waliin amanan rahmata Nu biraa ta’een nagaa baafnee, warra miidhaa hojjatan iyyansi cimaan ni qabde, Manneen isaanii keessatti jilbeenfatoo ta’anii (du’anii) bariisifatan.
Akka waan ishee keessa hin jiraatinii ta’an. Dhagayaa! akkuma Samuud fagaatte! Madyaniif fageenyi haa ta’u.[20]
Dhugumatti, Muusaa mallattoota keenyaafi ragaa ifa ta’een erginee jirra.
Gara Fir’awnaafi qondaalota isaa (ergine), Ajaja Fir’awnaa hordofan, Ajajni Fir’awna sirrii miti.
يَقۡدُمُ قَوۡمَهُۥ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ فَأَوۡرَدَهُمُ ٱلنَّارَۖ وَبِئۡسَ ٱلۡوِرۡدُ ٱلۡمَوۡرُودُ [٩٨]
Guyyaa Qiyaamaa ummata isaa dursee, ibidda isaan seensisa, (Inni) seensa seenamaa (ta’uun isaa) waa fokkate!
Addunyaa kana keessatti abaarsaan hordofsiifaman, Guyyaa Qiyaamaas (akkasuma), Badhaasni badhaafaman waa fokkate!
Kun oduu magaalotaa irraayi; isa sirratti odeessina, Ishee irraa dhaabbataafi haamamaatu (lafarraa dhabamsiifamaatu) jiru.
Nuti isaan hin mine; Garuu isaan lubbuulee isaanii miidhan. gabbaramtoonni isaanii kan isaan Rabbii gaditti gabbaraa turan homaa isaan hin fayyadne Yeroo ajajni Gooftaa keetii dhufu. Hoongessuu malees homaa isaaniif hin daballe.
akkuma kana Qabaan Gooftaa keetii yeroo magaalota miidhaa hojjattuu taate qabe, Dhugumatti, qabaan Isaa laalessaa, jabaadha.
Dhugumatti, kana keessa namoota adabbii Aakiraa sodaataniif mallattootu jira. Sun guyyaa namoonni isaaf walitti qabamaniidha; sun guyyaa dhufamaadhas.
Beellama lakkaawamaaf malee isa (guyyaa qiyaamaa) hin tursiifnu.
Guyyaa inni dhufu lubbuun takkallee hayyama Isaatiin malee hin dubbattu. Isaan irraas warra hoonga’aafi milkaa’aatu jira.
Isaan hoonga’an ibidda keessatti tahu, Ishee keessatti iyyansaafi himimsaatu isaaniif tahe. [21]
Hanga samiifi dachiin turan ishee keessa kan turan ta’anii (ibidda keessa jiraatu) Waan Gooftaan kee fedhe malee, Gooftaan kee waan fedhe hojjataadha.
Isaan milkeeffaman immoo Jannata keessa jiraatu Waan hanga samiifi dachiin turtu ishee keessatti kan hafan ta’anii (jannata keessa jiraatu) waan Gooftaan kee fedhe malee. Kennaa addaan hin cinne (kennaman).
(Yaa Muhammad!) waan warri sun gabbaran irraa shakkii keessatti hin tahin, (Isaan) akkuma abbootiin isaanii duraan gabbaran malee hin gabbaranu, Nuti qooda isaanii odoo hin hir'ifamne guunnee isaaniif kennina.
Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kennine; isa keessatti wal dhabame (kuun itti amanee kuun itti kafare), Odoo jechi Gooftaa kee biraa dabruu baatee silaa gidduu isaaniitti murteeffama ture, isaan isa irraa shakkii cimaa keessa jiru.
Dhugumatti hunda isaaniitiif Gooftaan kee dalagaalee isaanii isaaniif guuta, Inni waan isaan dalagan beekaadha.
Akka ajajamtetti gadi dhaabbadhu (diriiri). Isaan tawbatanis si waliin (gadi haa dhaabbatanii), (dilii dalaguudhaan) Daangaa hin dabrinaa, Inni waan isin dalagdan argaadha.
Gara warra miidhaa hojjatanii hin dabinaa (Yoo akkas gootan) ibiddi isin tuqxi፣ Rabbiin malee jaalallee biraa hin qabdan, Ergasii hin tumsamtan. [22]
Qaccee lamaan guyyaatiifi yeroo halkan irraa ta’e salaata dhaabi, Toltuuwwan hamtuuwwan ni deemsifti (namarraa hayxi), Kun warra gorfamaniif gorsa.
Obsi! Rabbiin mindaa toltuu hojjattootaa hin balleessu.
Maaliif jaarraawwan isiniin duraa irraa warri hanbaa gaariin kan dachii keessatti badii irraa dhorgan hin jiraatin? xiqqoo warra nuti isaanirraa nagaya baafnee malee. Isaan miidhaa hojjatan immoo waan isa keessatti qanansiifaman hordofan yakkamtoota tahan.
Gooftaan kee magaalaa tamillee, miidhaan kaballeessu hintaane odoo jiraattonni ishee warra tolchitoota tahanii jiranuu. [23]
Gooftaan kee odoo fedhee, silaa ilmaan nama hunda ummata tokko (kan haqa qabate) taasisa. (garuu waan san hinfedhiniif) Wal dhaboo ta’uu irraa hin deeman.
Nama Gooftaan kee rahmata godheef malee (waldhabuu irraa hin deman), Kanumaaf isaan uume. Jechi Gooftaa keetii guutamte “dhugumatti jahannamiin walii gala jinnootaafi namootaa irraa ta’aniin nan guuta”.
Oduulee ergamtootaa irraa waan ittiin onnee kee raggaasifnu hunda sirratti odeessina. Ishee kana keessatti dhugaan sitti dhufe, gorsaafi yaadachiifni mu’uminootaaf ta’e.
warreen hin amanneen jedhi: “sadarkaa keessaniin dalagaa, Nutis dalagoodha.
Isinis eegaa! Nutis eegoodha.”
Wanni fagaataan samiileefi dachii keessaa kanuma Rabbiiti, Dhimmi hundi gara Isaatti deebifama, Isa gabbari, Isa irratti hirkadhu, Gooftaan kee waan isin hojjattan irraa dagataa miti. [24]

