عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Joseph [Yusuf] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah Joseph [Yusuf] Ayah 111 Location Maccah Number 12

Alif Laam Raa Kun keeyyattoota kitaaba ibsaa ta’eeti. [1]

Yeroo Yuusuf abbaa isaatin jedhe “Yaa abbaa kiyya! Ani (manaamaan) urjiiwwan kudha tokko, aduufi ji’a argeera; kan anaaf sujuuda godhan ta’anii isaan argeen jira” [yaadadhu]. [2]

Dhugumatti, (seenaa) Yuusufiifi obboleeyyan isaa keessa warreen gaafataniif mallattooleetu jira.

Yeroo (obboleeyyan Yuusuf) jedhan: “Dhugumatti, Yuusufiifi obboleessi isaa (tiruun) nurra gara abbaa keenyaatti jaalatamoodha, odoo nuti garee taanee jirru (akkamitti isaan nurra jaalata?), abbaan keenya dogoggora ifa bahaa keessa jira.

Yuusufiin ajjeesaa; yookiin dachii (fagootti) isa gataa; fuulli (jaalalti) abbaa keessanii isiniif dhuunfaa ta’a, Sana booda ummata gaggaarii taatu” (waliin jedhan). [4]

Isaan irraa jedhaan tokko (obboleessi tokko) ni jedhe: “Yuusufiin hin ajjeesinaa, hundee boollaa (eela) keessatti isa darbaa. akka gariin daldaltoota karaa deemu isa fudhatu, yoo kan dalagdan taataniif (kana hojjadhaa)”

(Abbaan isaanii)(Ya’aquub) ni jedhe: “Isa fuutanii deemuun keessan na gaddisiisa, yayyiin isa nyaachuun sodaadha, Isin isa irraa dagatoo taatanii .”

[Isaan] ni jedhan: “yoo yeyyiin isa nyaatte Odoo nuti garee taanee jirruu, nuti yeroo san hoongoftoota.” [6]

(Isaanis) abbaa isaanii bira dhufan galgala booyaatiin. [7]

Qamisa isaa irratti dhiiga sobaatiin dhufan, (Yaaquub) ni jedhe: “Lakkisaa; Lubbuulee teessantu dubbii (sobaa) isiniif miidhagsite, (Obsi kiyya) obsa gaariidha, Waan isin jettan kana irratti gargaarsifatamaan Rabbi qofa.” [8]

Kara deemtonni (daldaaltoonni) dhuftee, bishaan waraabuduu isaanii erganii baaldii isaa (eela keessa) gadi buuse, “Yaa gammachuu! Kuni mucaa (bareedaadha)” jedhe, Meeshaa godhanii isa dhoksan, Rabbiin waan isaan hojjatan beekaadha. [9]

Yeroo inni (dargaggoomee) jabummaa isaa ga’u, ogummaafi beekumsa isaaf kennine, Akka kanatti toltuu hojjattootaaf galata galchina.

Isheen inni mana ishee keessa jiru (qunnamtii saalaatiif) lubbuu isaa irraa isa abaabalte, Hulaalee ni cuccufte, nijette siif qophaa’eeraa kottu, nijedhe (yuusuf) Ani Rabbitti maganfadha! Inni (dhiirsi kee) gooftaa kiyya; jireenya koo naaf tolchee jira, Dhugumatti, miidhaa hojjattoonni hin milkaayanu”. [12]

Dhugumatti, isheen isatti yaadde, innis isheetti yaade, Odoo ragaa Gooftaa isaa arguu baatee. Akka kanatti hamtuufi hojii fokkataa isa irraa deebisuuf (ragaa keenya isa agarsiifne). inni gabroota keenya qulqulleeffamoo irraayyi.

(Isaan lamaan) gara balbalaa (fiigan) wal dorgoman, Isheen qamiisa isaa gara duubatiin dhoofte, Lamaanuu balbala biratti gooftaa (dhirsa) ishee argan, ni jette: “galanni (adabni) nama warra (niitii) keetti hamtuu yaadee hidhamuu yookiin adabbii laalessaa malee hin taane.” [13]

Inni (Yuusuf) ni jedhe: “Isheetu (qunnamtii saalaatiif) lubbuu kiyya irra na barbaadde, Ragaa bahaan maatii ishee irraa ta’e tokkos (akkana jechuun) ragaa bahe: “Yoo qamiisni isaa gara duraatiin baqaqfame, isheen dhugaa jettee inni kijibdoota irraayi.

Yeroma qamiisni isaa gara duubatiin kan baqaqfame ta’uu argu, (yuusuf dhugaa dubbatuufii isiin kijibuu hubatee) (dhirsi ishee) ni jedhe: “ kun shira keessan (dubartootaa) irraayyi. Dhugumatti, shirri keessan guddaadha.

Yuusuf kana irraa garagali (dubbii tana dhiisi namtokkotis hinhimin). Ati (intaloo) immoo badii keetiif araarama kadhu. ati warreen dogoggoran irraa taatee jirta.”

Dubartoonni magaalattii keessa jiranis ni jedhan: “Niitiin mootichaa gabra ishee (qunnamtii saalaatiif) lubbuu isaa irraa isa abaabalti, Jaalalli isaas onnee ishee seenee jira. Nuti jallina ifa ta’e keessatti ishee agarra.” [14]

Yeroma hamii isaanii dhageessu, gara isaaniitti ergite, makaddaa (fiiNyaata) isaaniif qopheessite, Tokko tokkoon isaaniitiif ablee (billaawa) kenitte. Isaan (yuusufiin) "irratti gadi bahi” jette. (gadi bahe) Yeroma isa argan isa dinqisiifatan (bareedina isaatiin dhama'anii) Harkoowwan isaaniis (osoo hinbeekin) mummuran, nijedhan “Rabbiin qulqulaa’ee, inni kun namaa miti, Inni kun maleykaa gaariidha malee waan biraatii miti”.

(Isheen) ni jette: “kun isa isin isa irratti na komattaniidha. Anatu (qunnamtii saalaatiif) lubbuu isaa irraa isa abaabbale, ni dide. (ammas gara fuulduraatti) Yoo inni waan ani isa ajaju dalaguu baate ni hidhama; Salphattoota irraa taha”.

[Inni] nijedhe “Gooftaa kiyya! Hidhaatu waan isaan itti na waaman irra ana biratti jaalatamaadha. Yoo Ati shira isaanii narraa deebifte malee, ani gara isaaniin daba; wallaaltota irraa taha”. [15]

Sana booda erga mallattoowwan (qulqullummaa isaa mul’isu) arganii, yeroo murtaa’eef isa hidhuutu isaaniif mul’ate.

Yaa hiriyoota kiyya lamaan kan mana hidhaa! Sila gooftota adda addaa (tandharaa) (baay’ee) moo Rabbii tokkicha hunda mo’ataa ta’etu caala?

Yaa hiriyoota kiyya kan mana hidhaa! Egaa isin lamaan keessaa tokko gooftaa (mootii) isaa farshoo obaasa, Inni biraa immoo fannifameeti allaattiin (foon) mataa isaarraa nyaatti, Dhimmi inni isin isa keessatti hiika gaafattan murtaa’ee jira.” [18]

Issaan lamaan keessaa isa (nagaa) baha jedhee yaadeen “Gooftaa kee biratti na dubbadhu” jedheen, Gooftaa isaatti dubbachuu sheyxaanni isa dagachiise, Waggaa muraasa mana hidhaa keessa ture.[19]

Mootichis ni jedhe: “ Ani sa’oota gabbataa ta’an torba kan (sa’oonni) huqqatoo ta’an torba nyaatan, akkasumas sootalloo (mataa midhaanii) magariisa torbaafi kan biraas gogaa (torba) abjuu keessatti argeera. Yaa qondaaltota (kiyya)! yoo kan manaama hiiktanu taataniif manaama kiyya kana naaf hiikaa”.

Inni isaan lamaan (mana hidhaa keessa turan) irraa nagaa ba’eefi yeroo dheeraa booda (Yuusufiin) yaadatee ni jedhe: “Anatu hiika isaa (Nama beeku gaafadhee)isinitti himaa na ergaa.” (nierganii) (Gara Yuusuf ni deeme).

(Innis ni jedhe): “Yaa Yuusufii dhugaa dubbataa taate! Sa’oota gabbatoo torba kan (sa’oonni) huqqatoon torba isaan nyaataniifi sootalloo (mataa midhaanii) magariisaa torbaafi kan biraas gogaa (torba) (namni manaamaan argee) hiika (abjuu kanaa) akka beekanuuf gara ummataa (tiifii mootichaa) deebi’ee isaanitti himuun koo ni kajeelamaa nuuf himi.

Ni jedhe: “Waggaa walitti aanan torbaaf akkuma barametti facaafattu. waan oomishtan (hinquunchisinaa) (hincalleessinaa) sootalloo isaa keessattinisa dhiisaa Xiqqoo waan irraa nyaattan malee.

Ergasii sana booda (waggaa torban caamaa booda) waggaa isa keessa ummanni rooba argataniifi isa keessas (inaba) cuunfatantu dhufa.”

Mootichis Isa natti fidaa jedhe. Yeroma ergamaan (mootichaa) isatti dhufu, (Yuusuf) ni jedhe: “Gara gooftaa keetii deebi’ii ‘waa’een dubartoota harka isaanii mummuranii maali’ (jedhii) isa gaafadhu. Dhugumatti Gooftaan kiyya shira isaanii beekaadha.” [21]

(Mootichis) “Yeroo Yuusufiin (sagaggaalummaaf) lubbuu isaa irra isa abaabbaltan haalli keessan maal ture?” jedheen. (Dubartoonni) ni jedhan: “Rabbiin qulqullaa’ee hamtuu tokkollee isa irratti hin beeknu”. Niitiin mootichaa nijette “Amma dhugaan ifa ta’eera, Anatu (sagaggaalummaaf) lubbuu isaa isa abaabbale, Dhugumatti, inni (qulqulluudha) warreen dhugaa dubbatan irraayyi”.[22]

“kun (gooftaan kiyya) fagootti (bakka inni hin jirretti) akka an isa hin ganin akka beekuufi, Rabbiin tooftaa gantootaa hinqajeelchu”

“Lubbuu tiyyas hin qulqulleessu, Dhugumatti, lubbuun hamtuutti ajajjuudha nama Gooftaan kiyya rahmata godheef malee, Gooftaan kiyya araaramaa, rahmata godhaadha.”

Mootichis ni jedhe: “lubbuu kootiifan isa dhuunfadhaa isaan natti kottaa. Yeroma isa (Yuusufiin) hasofsiisu, “Ati har’a nu biratti mijjeeffataa amanamaadha” jedheen. [23]

(Yuusufis) “kuusaa dachii (kan midhaaniifii qabeenyaa)irratti (itti gaafatamaa) na taasisi; ani isa irratti eegaa beekaadha” jedhe. [24]

Yeroma waan geggeessaa isaanii (midhaan) isaaniif qopheesse ni jedhe: “Obboleessa keessan (kan abbaa keessan biratti hafe) kan karaa abbaatiin ta’een natti kottaa. sila safara guutuu koo hin argitanuu? ani caalaa keessummeessitootaati.

Yoo isaan natti dhufuu baattan safarri na bira isiniif hin jiru (midhaan hin argattan), Nattis hin dhiyaatinaa (biyya tiyya hinseentan).”

[Isaan] nijedhan “Nuti waa’ee isaa abbaa isaa ni gaafanna, nuti (dhimma kana) raawwatoodha.”

Yeroma gara abbaa isaanii deebi’an ni jedhan: “Yaa abbaa keenya! (yoo obboleessa keenya fuunee hindhaqin) safarri (midhaanii) nurraa dhorgameera. Obboleessa Kenya nuu wajjiin ergi. Ni safaranna. Nuti dhugumatti isaaf tiksoodha”

(Ya’aquub) ni jedhe: “Sila akkan duraan obboleessa isaa (tiruu yuusuf) irratti isin amane malee isa irratti isin amanaa? Rabbiin eegaa ta’uutti caalaadha. Inni irra rahmata godhaa warreen rahmata godhaniiti.” [26]

Yeroma meeshaa isaanii bananii maallaqa isaanii kan isaaniif deebi’e ta’uu argan ni jedhan: “Yaa abbaa keenya! (kana caalaa) maal barbaanna? Isheen kuni maallaqa keenya; gara keenya deebifamte. Maatii keenyaaf nishammadanna, Obboleessa keenyas ni tiksina, Fe’iinsa (ba’aa) gaalaa tokkoos ni dabalanna, Kun (mooticha biratti) safara xiqqoodha.”

(Ya’aquub) ni jedhe: “isa isin wajjiin hin ergu hanga akka isa deebiftanii naaf fiddanutti kakuu Rabbi irraa ta’e naaf kennitanitti, Yoo (diinaan) marfamtan malee .” Yeroma isaan kakuu isaanii isaaf kennan “Rabbiin waan nuti jennu irratti ragaadha” jedhe.

Yeroma isaan Yuusuf irratti seenan obboleessa isaa ofitti dhiheessee, (dhooyastti jedheen) “ani anatu obboleessa keetii, waan isaan kan hojjachatan tahanitti hin gaddin” jedhe.

Yeroma meeshaa isaanii isaaniif qopheessu, safartuttii (osoo isaan hinbeekin) meeshaa obboleessa isaa keessa kaa’e, Sana booda (yeroo isaan fe'atanii karaa seenan) lallabaan ni lallabe “isin yaa daldaaltoota isin hattoota” (jedheen). [28]

Isaanis, gara isaanii (warreen itti lallabanii) gara galuun, “Maal dhabdan?” jedhaniin.

Ni jedhan: “Nuti safartuu mootii dhabnee; nama (osoo sakatta'amee hinqabamnetti) isa fideef (badhaasa) (midhaan) fe’aa gaalaa tokkotu isaaf jira. Ani kana irratti waadaa galaadha.”

Isaanis ni jedhan: “Rabbitti kakannee! Akka nuti dachii keessatti badii raawwachuuf hin dhufin isinis beektanii jirtu, Nuti hattoota hin taane.”

“Yoo sobdoota taataniif (nama hate) adabbiin isaa maal ta’a?” jedhaniin.

Ni jedhan: “Adabni isaa namni inni meeshaa isaa keessatti argame isumatu (fuudhamuutu) adabbii isaati, Nuti akka kanatti isaan miidhaa (hanna) raawwatanu adabna.” [29]

(Sakkatta’uus) qalqalloo obboleessa isaa dura qalqalloo isaaniitiin jalqabe, eegasii meeshaa obboleessa isaa keessaa ishee baase. Akka kanatti Yuusufiif tooftaa baafne, obboleessa isaa seera mootichaa keessatti kan fudhatu hin turre Odoo Rabbiin Fedhuu baatee. Nama feene sadarkaalee hedduu ol fuuna. Abbootii beekumsaa hundaa olittuu beekaatu jira. [30]

Isaan (obboleeyyan Yuusuf) ni jedhan: “Yoo hates, (waan haarawaa miti) obboleessi isaas (Yuusufis) kana dura hatee ture.” Yuusuf ishee lubbuu isaa keessatti dhokse, Isaaniif ishee hin ibsine (Of keessattis) ni jedhe: “Isinumatu sadarkaan keessan gadheedha. Rabbiin waan isin jettan (kijibdan) beekaadha.”

Isaanis ni jedhan: “Yaa mootichaa! isaaf abbaa jaarsa manguddoo ta’etu (kan haalaan isa jaalatu) jira. Kanaaf bakka isaa tokkoon keenya fudhadhu. Nuti gaggaarii irraa ta’uu kee si argina.”

(yuusuf) ni jedhe: “Nuti nama meeshaa keenya isa biratti argine malee (nama qulqulluu) fudhachuu irraa Rabbitti maganfanna. nuti yeroo san miidhaa hojjattoota.”

Yeroma isa irraa abdii muratan, kan maryatan ta’anii kophaa ba’an, Guddaan isaanii ni jedhe: “Sila dhugumatti abbaan keessan kakuu Rabbi irraa ta’e isin irratti qabachuufi kana duras Yuusuf irratti waan daangaa dabartan hin beektanuu? Kanaaf ani hanga abbaan kiyya naaf hayyamutti yookiin (hanga) Rabbiin dhimma kana naaf murteessutti dachii kana gadi hin dhiisu. Inni irra caalaa murteessitootaati. [31]

(Ya’aquub) ni jedhe: “Lakkisaa; lubbuulee teessantu waa (hamtuu) isiniif midhaagsite (isa hojjattan); (Obsi koo) obsa bareedaadha, Rabbiin hunda isaan (sadeenuu) naaf deebisuun ni kajeelama. Inni Isumatu beekaa, ogeessa.”

Isaan irraas gargalee “Yaa gadda kiyya! Yuusufirratti” jedhe, gaddarraa irraa ijji isaa lamaanis (gurraattiin isii) addaatte; inni yaadaan guutamaadha.

Nijedhan “Rabbitti kakannee! ati hanga manguddoo dadhabaa taatutti yookiin warra du’an irraa taatutti Yuusufiin dubbachuu irraa hin deemtu!”.

(Yuusuf) nijedhe “Sila waan Yuusufiifi obboleessa isaa irratti yeroo wallaaloo turtan hojjattan beektuu?”.

[Isaan] nijedhan “Rabbitti kakannee! Dhugumatti, Rabbiin nurra si filatee jira. Dhugumatti nuti dogoggortoota turre”.

(Yuusufis) ni jedhe: “Har’a komiin isin irra hin jiru; Rabbiin isiniif araarama. Inni irra rahmata godhaa warra rahmata godhaniiti. [33]

Yeroma daldaltoonni (Misrarraa) achibaatee, (gara galaa deemte), abbaan isaanii nijedhe “ani foolii yuusufin argaa (hafuurri yuusuf natti urgaaye), Odoo isin totorra’aatti na yaaduu dhabdanii ”.

[Isaan] “Rabbitti kakannee! ati dogoggora kee kan durii keessa jirta” jedhan.

Gammachiisaan Yeroma dhufu fuula isaa (Ya’aquub) irratti isa (qamisaa yuusuf) darbe. Innis kan argu ta’e (ijji nibanamteef) “Ani Rabbi irraa waan isin hin beeknen beeka isiniin hin jennee?” jedhe.

[Isaan] “Yaa abbaa keenya! (Rabbiin) araarama nuuf kadhu badiilee keenyaaf. nuti dogoggortoota taanee jirraa” jedhan.

(Ya’aquubis) “Ani fuul-duratti Gooftaa kiyya araarama isiniifin kadha. Inni Isatu araaramaa, rahmata godhaadha” jedhe.

Kun oduulee fagoo irraayyi, Gara keetti isa beeksifna, ati isaan bira hin turre Yeroo isaan kan (Yuusufitti) shira baasan ta’anii dhimma isaanii waliin qindeessan.

Irra hedduun namootaa (amanuu isaaniitiif) odoo bololtellee kan amananii miti.

Ati isa irratti mindaa wahii isaan hin gaafattu, Inni (Qur’aanni) aalamaaf gorsa malee waan biraatii miti.

Sila Rabbi irraa haguugduun adabbii Rabbii irraa taate tasa haala isaan hin beekneen isaanitti dhufuu yookiin Qiyaamaan isaanitti dhufuu of amanuu (sodaa dhabanii)?