عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Stoneland, Rock city, Al-Hijr valley [Al-Hijr] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah Stoneland, Rock city, Al-Hijr valley [Al-Hijr] Ayah 99 Location Maccah Number 15

Alif Laam Raa tun keewwattoota kitaabichaatiifi Qur’aana (waan hunda) ifa baasaa ta’eeti. [1]

Isaan dhiisi Haa nyaatanii; Haa qanani’anii; hawwiin (sobaa) isaan haa daguu, (Itti gala isaanii) fuula duratti ni beeku.

Maaliif maleeykotaan nutti hin dhufne Yoo warra dhugaa dubbattoota irraa taate?” (jedhan).

Dhugumatti, Nuti siin duratti ummattoota duraanii keessatti (ergamtoota) erginee jirra.

Isatti hin amananu, Dhugumatti, gochi (adabbiin) warra duraanii dabartee jirti (wanti isaan tuqe isaan kanas ni tuqa).

Nuti dhugumatti samii keessatti urjiilee gugurdaa taasifnee, namoota ilaalaniif ishee miidhagsinee jirra.

Dachii Nuti ishee diriirsinee jirra, Gaarreen ishee keessati goonee jirra, Wanta madaalamaa ta’e hunda irraas ishee keessatti magarsinee jirra.

Ishee keessatti waan ittiin jiraattan isiniif goone. wantoota isin isaan hin soorreef (beyladoota) (waan ittiin jiraatan goone).

Bubbeewwan ergine Baadhattuuwwan (duumessaa) taasifnee, Samii irraa bishaan buufnee isa isin obaafnee jirra, (Nutu isiniif kuusa malee) isin isa (kuusuu irratti) danda’oo hin taane.

Dhugumatti Nuti nama (Aadamiin) suphee (goggogaa sagalee qabu) dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumne.

Yeroo Ani isa sirreessee ruuhii (uumaa) kiyya irraa ta’e isa keessatti afuufe, sujuuddota ta’aatii isaaf gadi bu'aa (kufaa).

(Rabbiin) “Yaa Ibliis! Maaliif warra sujuuda bu’an wajji ta’uu didde?” jedheen.

(Rabbiinis) nijedheen “ishee irraa bahi; Ati darbamaadha. [4]

(Rabbiin) “ati tursiifamtoota irraayi” jedhe.

(Ibliis) ni jedhe: “Gooftaa kiyya! na jallisuu keetiin kakadhee, dhugumatti dachii keessatti (karaa jallinaa) isaaniif miidhagseen hunda isaanii isaan jallisa.

(Rabbiin) ni jedhe: “Kun karaa qajeelaa (isa eeguun) narratti ta’eedha.

Jahannam (isaafi hordoftoota isaatiif) beellamamaa isaan hundaati.

Isheedhaaf balbala torbatu jira. Tokko tokkoo balbalaatiif isaan irraa {hordoftoota ibliisirraa} qooda ramadamaatu jira.

Warri (Rabbiin) sodaatan ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessa jiru.

“Nagayaan tasgabbaawaa ishee seenaa” (jedhamaan).

Jibbaa irraa waan qomoota isaanii keessa jiru baafne, Obboleeyyan sireewwan irratti walitti garagaggalan tahani {wajji taa'an}.

“Adabni kiyyas isatu adabbii laalessaadha” (jeechuus itti himi.)

Yeroo isa irratti seenanii, salaam jedhan (nagaa gaafatan) [Inni] (eega salamtaa deebise) “Nuti isin irraa sodaatoodha” jedheen.

“Jallattoota malee Rahmata Gooftaa isaa irraa eenyutu abdii murata?” (hinjiru) jedhe.

“Isin yaa warra ergamtootaa! Dhimmi (haalli) keessan maali?” jedheen. [6]

“Maatii Luux malee nuti hunduma ta’anii isaan nagaya baasoodha (baraarsoodha).”

“Niitii isaa malee; Nuti (adaba keessatti) haftoota irraa ta’uu ishee murteessine.”

“Dhugaadhaan sitti dhufne, Dhugumatti nuti dhugaa dubbattoota.

Cittuu (yeroo) halkan irraa taateen maatii keetiin deemi; Duubaawwan isaanii hordofi (duubarra deemii eegi), Isin irraa namni tokkos of duuba hin mil’atin; gara iddoo ajajamtanii deemaa.”

(Luux ni jedhe): “isaan kun keessumoota kiyyaa, nan xiqqeessinaa” jedhe.

(Namoonni magaalattii) “Sila nuti aalama (keessummeessuu) irraa si hin dhorginee?” jedhan.

(Luux) ni jedhe: “kun shamarran kiyya, Yoo kan raawwattan taataniif (karaa seera qabeessaan isaan fuudhaa).”

(Yaa Muhammad!) Jireenya keetti kakadhee! Dhugumatti, isaan machii isaanii kessa dhama’u.

Gubbaa ishee jala ishee taasifnee (gara galchine), dhagaa xuubii (dhoqqee gubame) irraa ta’e isaanitti roobsine.

Isheen (magaalattiin) daandii (guddaa) qajeelaa irra jirti. (namni karaa deemu hundi ni arga)

warri eeykaa (bosonaa) dhugumatti miidhaa raawwattoota ta’an.[8]

Haaloo isaan irraa ba’anne. Dhugumatti, isaan lamaanuu daandii ifa ta’e irra jiru. (namni karaa san deemu irra dhufa).

Rabbiin kee isatu akkaan uumaa (kan waahunda uume), beekaadha.

Isaan Qur’aana garee taasisan (gariitti amananii garitti kafaran).

Gooftaa keetti kakannee! dhugumatti hunda isaanii ni gaafanna.

Dhugumatti waan (jechoota fokkataa) isaan jedhaniin qomti kee rakkachuu ni beekna.

Gooftaa kee faarsuu wajjin Isa qulqulleessi, Warra sujuudan irraa ta’i.