The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Pilgrimage [Al-Hajj] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Pilgrimage [Al-Hajj] Ayah 78 Location Maccah Number 22
Isin yaa ilmaan namaa Gooftaa keessan sodaadhaa, sochiin (lafaa) kan Qiyaamaa waan guddaadha (hamaadha).[1]
Guyyaa ishee argitan, dubartiin hoosiftu hundi waan hoosiftu irraa ni dagatti, (Dubartiin) ulfa qabdu hundi ulfa ishee garaa darbiti. Namoota (sodaafii rifannootarraa) machaa’oo agarta, Isaan waa (dhugaatirraa) machaa'oo miti. Garuu azaaba Rabbiitu haalaan cimaadha.
Namoota irraa nama waa'ee Rabbii keessatti beekumsa malee falmujjira. sheyxaana fincilaa ta’e hunda hordofa.
Isa (sheyxaana) irratti ‘inni nama isa jaalallee godhate (kamillee) ni jallisa; gara ibidda qabsiifamaa isa qajeelcha’ jechuun barreeffamee jira.
Yaa namootaa! Yoo (du'a booda) kaafamuu irraa shakkii keessa jiraattan, Nuti biyyee irraa isin uumnee; ergasii copha bishaan saalaa irraa, eegasii dhiiga ititaa irraa, ergasii foon alalfatamu kan uumaa guuttateefi kan hin guuttatin (irraa isin uumne); (humnaafi dandeettii keenya) isiniif ibsuuf (kana goone). Nuti waan (abbaa) feene hanga qaaxaroo maqaa dhawamaa taheetti gadaamessaalee keessa teessifna, ergasii daa’ima goonee isin baafna (dhalachiifna). Ergasii akka umrii jabinaa keessan irra geessaniif (isin jiraachifnee isin guddifna). Isin irraa nama (umrii ijoollummaatiin) du’utu jira. isin irraa nama (haalaan dulloomee) gara umrii gadi aanaa deebi'utu jira. Erga beekkomsaatii akka homaa hin beekneef, Dachii gogduu taatee agarta; yeroo Nuti bishaan (bokkaa) ishee irratti buufne (roobsine) ni sochooti; ni iitoftis, akaakuu marga bareedaa irraas ni magarsiti.
Sun waan Rabbiin, Isatu dhugaa ta’eefi inni du'aa kaasa. Inni waan hunda irratti danda’aadha.
Qiyaamaan dhuftuudha; ishee keessa mamiin hin jiru. Rabbiin warra qabriilee keessa jiran (hunda) ni kaasa.
Namoota irraa kan beekumsa malee (waa'ee) Rabbii keessatti falmutu jira. (akkasuma) qajeelfamaafi kitaaba (ergaa Rabbii) ibsu malee.
Morma isaa maree (namoota) karaa Rabbii irraa jallisuuf (nama falmutu jira). Isaaf addunyaa kana keessatti salphinatu jira. Guyyaa Qiyaamaa azaaba gubaa ta’e isa dhandhamsiifna.
“(azaaba seenuun kee) Kun waan harki kee lamaan dursiteefi (hojjatteefi)” (isaan jedhama). Dhugumatti, Allaahn gabroota (Isaa) kan miidhu hin taane.
Namoota irraa nama amantii irraa moggaatti ta’ee (shakkiin) Rabbi gabbarutu jira. Yoo toltuun isa tuqe, isatti ragga’a.Yoo rakkoon isa tuqxe ammoo, fuula isaa irratti garagala. Inni addunyaafi Aakhiraa hoonga’ee jira. Sun isatu hoongoo ifa bahaadha.
Rabbiin malee waan isa hin miineefi isa hin fayyadne kadhata (gabbara), Sun isatu jallina (haqarraa) fagoodha.
waan miidhaan isaa bu’aa isaa irra dhihoo ta’e kadhata, Jaalallee ta’uun (isaa) waa fokkate! Ammas hiriyaa ta’uun (isaa) waa fokkate!
Rabbiin warra amananii, gaggaarii dalagan Jannatoowwan laggeen ishee jala yaatu isaan seensisa, Rabbiin waan fedhu hojjata.
Namni duuniyaafi Aakhiraa keessatti Rabbiin isaa (Muhammadiif) hin tumsuu yaadu, gara samii haada hidhatee of haa fannisu Ergasii shirri isaa waan inni jibbu dhabamsiisuu haa ilaalu
Akka kanatti keeyyattoota ifa bahaa goonee isa buufne, Rabbiin nama fedhe qajeelcha.
isaan amanan, isaan yahuudoman, saabi’oonni, kiristaanonni, majuusonniifi isaan mushrikoota ta’an; Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa gidduu isaaniitti murteessa, Dhugumatti, Allaah’n waan hunda irratti ragaadha.[2]
Sila ati hingarree akka Rabbiif sujuudu wanti samiilee keessa jiruufi wanti dachii keessa jiruus, (akkasuma) aduun, jiini, urjiiwwan, gaarreen, mukkeen, lubbu qabeeyyiifi hedduun namarraa tahes (sujuuda Isaaf godhan hin arginee?) (Namoota) baay’ee azaabni isa irratti mirkanaa’ee jira, Nama Rabbiin isa salphise immoo namni isa kabaju hin jiru, Rabbiin waan fedhe hojjata. [3]
Gareen (iimanaatiifii kufrii) kun lamaan warra Rabbii isaanii keessatti wal falmaniidha, Isaan kafaran uffata ibidda irraa ta’etu isaaniif murame. mataalee isaanii gubbaas bishaan danfaatu itti naqama.
Isa sanaan wanti garaalee isaanii keessa jiruufi gogaaleen (isaanii) bayfama.
Jirma sibiila irraa ta’etu isaaniif jira. [4]
Dhawaata isaan ishee irraa ba’uu fedhaniin yaaddoodhaan ishee keessatti deebifaman, “Adaba gubaa dhandhamaa” (jedhamani).
Rabbiin warreen amananii, gaggaarii hojjatan Jannata laggeen jala ishee yaatu seensisa, Ishee keessatti gumeewwan (kilkillee) warqeefi lu'ilu'a irraa ta’aniin faayamu (uffifamu). Uffanni isaanii ishee keessatti hariira.
(Addunyaa kana keessatti) gara bareedaa jecharraa tahee qajeelfaman, gara karaa (Rabbii) faarfamaa ta’eetti (islaamummatti) qajeelfaman.
isaannan kafaranii, karaa Rabbiitiifi masjiida kabajamaa irraa namoota dhorgan kan namoota (Makkaan) keessa jiraataniifi kan biyyoota biraa irraa dhufaniif wal qixa goone irraa (namoota) dhorgan (hoonga’an). Namni isa keessatti miidhaan jallachuu barbaade azaaba laalessaa irraa isa dhandhamsiifna.
Yeroo Ibraahiimitti iddoo manaa (Ka'abaa) ibsine “homaa Natti hin qindeessin; Mana Kiyyas namoota naannawaniif, isaan (salaataaf) dhaabbataniif, isaan rukuu’a godhaniifi sujuuda bu’aniif qulqulleessi” (jenne dubbadhu.)
(Sirna) hajjii (akka raawwatan) namoota keessatti lallabi (Namoonnis sirnicha raawwachuuf) miilaafi geejjiba huqqifaman hunda irra ta’anii, daandiiwwan fagoo irraa sitti dhufu.
faaydaalee isaanii irratti akka hirmaataniif, akka maqaa Rabbii dubbataniif guyyoota beekamoo ta'an keessatti beyladoota irraa waan Rabbiin isaanii kenne irratti (dubbataniif) (beeksisi). Ishee irraa nyaadhaa; hiyyeessa rakkataa nyaachisaa. [5]
San booda xuriiwwan isaanii haa dhabamsiisani; qodhaawwan isaaniis haa guutanii. Mana turaan (Ka’abaan) haa naannawanii.
(Dubbiin) sanuma! Namni wantoota Rabbiin kabaje kabaje, sanatu isaaf caala Gooftaa isaa biratti, beyladoota (qaltanii nyaachuun) isiniif eeyyamame Isaan (of duratti) isinirratti dubbifamu (ibsamuuf) (jiran) malee. Xurii taabotaa irraa fagaadhaa, Jecha cubbuu irraas fagaadhaa.
Rabbiif qajeeloo haala taataniin odoo homaa Isatti hin qindeessin (fagaadhaa). Namni Rabbitti qindeesse, akka nama samii irraa kufee allaattiin isa buttee yookiin bubbeen iddoo fagootti isa gatteeti.
(Dubbiin) sanuma! Namni mallattoolee (amantii) Rabbii kabaje, isheen onneewwan sodaa (Rabbii) qabaachuu irraayi.
Isiniif ishee (beyladoota wareegaa) keessa faaydaaleetu jira hanga beellama murtaa’eetti. eegasii iddoon ishee (bakkiti itti qalamtu) gara Mana turaa (daangaa harama Makkaa)ti.
Ummata hundaafuu bakka qalmaa (isaaniif) taasifnee jirraa, akka horii Inni isaaniif kenne irratti maqaa Rabbii faarsaniif jecha, gooftaan keessan Gooftaa tokkicha, Isaaf harka kennaa, Warra Isaaf ufgadi qaban gammachiisi.
Isaan warra yeroo Rabbiin faarfame (dubbatame) onneewwan isaanii (azaaba isaarraa) sodaattu, waan isaan tuqe irratti obsitoota tahan, salaata dhaabdota tahan, kan waan isaaniif kennine irraa kennaniidha.
Beeyladoota (wareega Ka’abaa) ishee mallattoolee diin Rabbii irraa isiniif goone, Ishee keessa faaydaa gaggaariitu isiniif jira, Odoo sakaalamanii jiranuu maqaa Rabbii ishee irratti faarsaa, Yeroo cinaachi ishee kufte ishee irraa nyaadhaa; hiyyeessa nama hin kadhanneefi isa kadhatu nyaachisaa, Nuti akka kanatti ishee (beeyladoota) isiniif laaffifne. Akka isin galata galchitaniif. [6]
Foonoowwan isiitiifi dhiigowwani isiis Rabbiin bira hin ga’u, Garuu sodaa Rabbii kan isin biraatti ta’etu Isa bira ga’a. Akka kanatti ishee isiniif laaffise, akka Rabbiin guddiftaniif, waan isin qajeelcheef jecha. Gaarii hojjattoota gammachiisi. [7]
Rabbiin isaan amanan irraa ni ittisa, nama akkaan ganaa, kafaraa ta'e hunda Rabbiin hin jaalatu.
Warra lolaman sababa miidhamuu isaaniitiif (loluun) hayyamni godhameef, dhugumatti Rabbiin isaaniif tumsuu irratti danda’aadha. [8]
Isaan warra manneen isaanii irraa haqaan malee waan “Rabbiin keenya Allaahdha” jedhaniif qofa baafamaniidha, Odoo Rabbiin namoota garii isaanii gariin deebisuun jiraachuu baatee, silaa manneen moloksee, bataskaanoleen kiristaanootaa, bataskaanoleen Yahuudotaafi masjiidonni maqaan Rabbii baay'inaan keessatti faarfamu ni diigamti turte. Rabbiin nama (amantii) Isaaf tumsu, tumsuufiif jira. Rabbiin jabaa, injifataadha.
Isaan warra yoo Nuti dachii keessatti (isaan moosisuun) isaaniif mijeessine salaata dhaaban, zakaa kennan, toltuutti (namoota) ajajaniifi hamtuu irraa (namoota) dhorganiidha. Booddeen amriiwwanii Rabbumaafi.
Yoo si kijibsiisan, isaaniin duras ummanni Nuuh, Aadiifi Samuud (nabiyyoota isaanii) kijibsiisanii jiru.
Ummanni Ibraahiimiifi ummanni Luuxis (akkasuma).
warri Madyanis (akkasuma) (shu'eybiin) kijibsiisan, Muusaanis kijibsiifamee jira, Ani kaafirootaaf qaba qabeetan san booda isaan qabe, adabbiin kiyya akkam (hamaa) dha!
Magaalota irraa meeqaatama odoo isheen miidhaa hojjattuu taatee jirtuu ishee balleessine. Isheen qaaxeewwan ishee irratti kukkuftuudha. Eela onteefi Gamoowwan dhedheeraa (meeqa duwwaa dhiisisifne).
Sila isaan (Mushrikoonni Makkaa) dachii keessa hin deemnee? Onneewwan ittiin waa hubatan yookiin gurri ittiin waa dhagayan isaaniif ta'a. ijji (gubbaa tuni) hinjaamtu. garuu onneewwan qomaalee keessa jirtuutu jaama.
Adabatti si jarjarsiifatu, Rabbiin waadaa Isaa hin diigu, Dhugumatti, guyyaan tokko Rabbii kee biratti akka waggaa kumaati waan isin (adduniyatti) lakkooftan irraa.
(warra) Magaalotaa irraa meeqaatama tan Ani yeroo isheef kennee, haala isiin miidhaa hojjatuu taateen ergasii (adabaan) ishee qabe (hedduudha), deebiin gara kiyya.
(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Yaa namootaa! Ani isiniif sodaachisaa ifa bahaadha.”
Isaan amananii, gaggaarii hojjatan, isaaniif araaramaafi hiree gaariitu jira.
Isaan Nu dadhabsiisuu (yaadanii) aayatoota keenya (balleessuu keessatti) hojjatan, isaan sun warra jahannami.
Nuti si dura ergamaas ta’ee nabiyyii tokko erginee ‘yeroo inni dubbise sheyxaanni dubbisa isaa keessa (gurra ummataa irratti soba) darbu malee’ kan hafu hin taane, Rabbiin waan sheyxaanni itti darbu san ni balleessa, Sana booda aayatoota isaa ni raggaasisa, Rabbiin beekaa, ogeessa.
Waan sheyxaanni darbu san isaan onneewwan isaanii keessa dhukkubni jiruufi warra onneewwan isaanii gogeef mokkoraa gochuuf (akkas taasise). Dhugumatti, miidhaa hojjattoonni wal diddaa fagoo ta’e keessa jiru.
Akka isaan beekumsa kennaman dhugaa Rabbii kee irraa dhufe ta’uu isaa beekanii isatti amananii, onneewwan isaanii isatti tasgabbii argattuuf (kana taasise). Rabbiin warra amanan gara karaa sirrii qajeelchaadha.
Isaan kafaran waa’ee isaa (Qur’aanaa) irraa shakkuu irraa hin deeman. Hanga Qiyaamaan tasa isaanitti dhuftutti yookiin (hanga) adabbiin guyyaa maseenaa (isa booda halkan hin jirree) isaanitti dhufutti.[9]
Mootummaan guyyaa san kan Allaahati, Gidduu isaaniitti ni murteessa, Isaan amananii, gaggaarii hojjatan Jannata qananii keessa tahu.
Isaan kafaranii, keeyyattoota keenya sobsiisan, jara san adabbii (jahannam kan) salphisaa ta’etu isaaniif jira.
Isaan karaa Rabbii keessatti godaananii, ergasii ajjeefaman yookiin du’an, dhugumatti, Rabbiin kennaa gaarii isaanii kennuuf jira, Rabbiin Isatu irra caalaa kennitootaati. [10]
Inni (Rabbiin) isaan seensisa seensa isa jaallatan (sun jannata), Rabbiin beekaa, obsaadha.
(Dubbiin) akkana Namni fakkaataa waan ittiin miidhameetiin haaloo bahatee, ergasii isarratti roorrifame, dhugumatti Rabbiin isaaf tumsa, Rabbiin irra namaaf dabraa, araaramaadha.
Sun waan Rabbiin halkan guyyaa keessa seensisuufi guyyaas halkan keessa seensisuufi, Rabbiin dhagayaa, argaadha.
sun waan Rabbiin, Inni (gabbaramaa) dhugaa ta’ee, wantoonni isaan Isaa gaditti gabbaran immoo inni sobaa ta’eef, Rabbiin Isatu ol ta’aa, guddaadha.
Sila akka Rabbiin samii irraa bishaan buusee (rooba roobse), dachiin (isaan) magariisa taate hin arginee? Rabbiin rahmata godhaa, keessa beekaadha.
Wantoonni samiilee keessa jiraniifi wantoonni dachii keessa jiran hundi kan Isaati, Rabbiin Isatu dureessa, faarfamaadha.
Sila akka Allaahn wantoota dachii keessa jiran isiniif mijeesse hin arginee, dooniwwan bahara keessa ajaja Isaatiin daakanillee, samii niqaba akka dachirratti hinkufneef hayyama isaatiin malee, Rabbiin namootaaf akkaan mararfataa, rahmata godhaadha.
Inni Isa isin jiraachisee, sana booda isin ajjeesee, Sana booda isin jiraachisuudha, ilmi namaa akkaan (Rabbitti) kafaraadha. [11]
Ummata hundaaf seera amantii kan isaan irratti hojjatan taasifnee jirra. (mushrikoonni) dhimma kana irratti akka siin hin falmine. Gara Gooftaa keetiitti waami. Ati karaa qajeelaa irra jirta.
Yoo siin falman “Rabbiin beekaa waan isin hojjattaniiti” jedhiin. [12]
Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan gidduu keessanitti murteessa.
Sila Rabbiin wantoota samiifi dachii keessa jiran hunda akka beeku hin beektuu? kun kitaaba (Lawhal Mahfuuz) keessa jira, kun Rabbi irratti laafaadha.
Rabbiin malee waan Inni ragaa homaatuu isaaf hin buusiniifi waan isaan isatti beekumsi isaaniif hinjirre gabbaru. Miidhaa hojjattootaaf gargaaraan homaatuu hin jiru.
Yeroo keeyyattoonni keenya kan ifa ta’an isaan irratti dubbifaman, fuulleen warra kafaranii irraa (ajaja Rabbii) diduu hubatta. Warra keeyyattoota keenya isaan irratti dubbisanitti utaaluutti dhihaatu, jedhiin (Yaa Muhammad!) “Sila waan sana caalaa hamaa ta’e isiniif himuu? Ibidda Rabbiin isii warra kafaraniif baallameedha, Deebichi waa fokkate!.
isin yaa warri amantan! Fakkeenyi taasifamee isa dhaggeeffadhaa, warri isin Rabbii achitti kadhattan (gabbartan) odoo isaaf walitti qabamaniillee tiisisa tokko hin uuman, Yoo tiisisni waan tokko isaan harkaa bute, (waan) san isa irraa buusuu hin danda’anu, Gabbaraafi gabbaramaan dadhabe.[13]
Dhugaa guddina Isaa (akka isaan malutti) Rabbiin hin guddifne, Rabbiin jabaa, injifataadha.
Rabbiin maleykota irraa ergamoota filata; namoota irraas (ni filata), Rabbiin dhaga’aa, argaadha. [14]
Inni (Rabbiin) wantoota fuuldura isaaniitiifii wantoota duuba isaaniitis hunda ni beeka, amriin hundi gara Rabbiitti deebifamti.
Yaa warra amantan! Rukuu’a bu’aa; sujuudas bu’aa (salaataa); Gooftaa keessan gabbaraa; toltuus hojjadhaa akka milkooftaniif.[15]
Qabsoo Isaaf malu (Karaa) Rabbii keessatti qabsaawaa; Inni isin filateera; amantii keessatti dhiphina tokkollee isin irratti hin goone, Karaa abbaa keessan Ibraahiim (hordofaa), Isatu (Rabbitu) kana duraafi (Qur’aana) kana keessattis Muslimtoota isin moggaase, Akka ergamaan Rabbii isin irratti ragaa tahuufii isinis namoota irratti ragaa taataniif, salaata dhaabaa; zakaa kennaa; Rabbiin qabadhaa. Inni jaalalloo keessani. Jaalallee ta'uuf waa tolee! Gargaaraa ta'uufis waa tole!

