The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe family of Imran [Aal-e-Imran] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The family of Imran [Aal-e-Imran] Ayah 200 Location Madanah Number 3
Alif Laam Miim [1]
Rabbiin gabbaramaan dhugg isa malee hin jiru. (Inni) jiraataa, waan hundaan dhaabbataadha.
Kitaaba (qur'aana) dhugaadhaan sirratti buuse. Waan isaan duraa kan dhugoomsu haala ta'een. Tawraatiifi Injiiliinis buuse.
(Qur’aana) dura namootaaf qajeelfama godhee (isaan buuse). (Dhugaafi soba) adda baasaas (qur'aana) ni buuse. Dhugumatti, warri keeyyattoota Rabbiitti kafaran isaaniif adabbii cimaatu jira. Rabbiin injifataa, abbaa haaloo bayannaati.
Rabbiin homtuu isa jalaa hindhokatu, dachii keessattiifii samii keessattis.
Inni Isa gadaamessaawwan keessatti akka fedhetti isin tolchu. Haqaan gabbaramaan isa malee hin jiru. (Inni) injifataa, ogeessa.
Inni isa kitaaba sirratti buuse. Isa irraa keeyyata ifaatu jira. Isaan bu’uura kitaabaati. Kan biraa immoo wal fafakkaattuudha. Warri onneewwan isaanii keessa jallinni jiru fitnaa barbaachaaf yookiin hiika isa dhokataa barbaachaaf jecha isa wal fafakkaataa hordofu. Hiika isaa isa dhokataa Rabbiin malee tokkolleenuu hin beeku. Warri beekumsa keessa fagaatan immoo “itti amanne hundinuu Rabbii keenya biraayyii” jedhu. Warra sammuu qabu malee namni biroo hin gorfamu.
(Isaan ni jedhu): Gooftaa keenya! onneewwan teenya (dhugaa irraa) hin jal'isin Erga nu qajeelchitee booda. Rahmata Si biraa ta’e nuuf kenni. Dhugumatti Ati akkaan kennaadha. [2]
Gooftaa keenya! Ati nama walitti qabuuf jirta guyyaa isa keessa mamiin hin jirre keessatti. Rabbiin beellama hindiigu (jedhu).
Isaannan kafaran qabeenyaaleefi ilmaan isaanii Rabbirraa (adaba Isaa irraa) homaa isaan hin duroomsitu. warri sun isaan qoraan ibiddaati.
(Haalli isaanii) akka haala warra fir’awnaafi warra isaan dura turaniiti. Keeyyattoota keenya kijibsiisan. Rabbiin badiilee isaanitiin isaan qabe. Rabbiin abbaa adabbii cimaati.
Isaan kafaraniin jedhi: fuulduratti ni injifatamtu; gara jahannamittis ni oofamtu. Waa fokkatee firaashni”
Dhugumatti, mallattoon isiniif tahe gareewwan (waraanaa) lamaan (guyyaa Badrii) wal qunnaman keessatti. Gareen tokko karaa Rabbii keessatti lolti. Isheen biraa immoo kaafira. Isaan (kaafiroonni) ilaalcha ijaatiin (lakkoofsa Muslimootaa) fakkaataa isaanii lama (dachaa) ta’anii isaan argu. Rabbiin nama fedhe tumsa Isaatiin isa deeggara. Dhugumatti warra sammuu qabaniif kana keessa gorsatu jira. [3]
Namootaaf miidhagfame jaalalli wantoota lubbuun feetuu kan dubartootaafi ilmaan irraa, kuusaa warqeefi meeta kuufame irraa, faradoo mallateeffamtee (miidhagfamte), beelladaafi oorruu qonnaa irraa ta’e (miidhagfamee). Kun meeshaa jireenya addunyaati. Rabbiin immoo Isa bira deebii bareedaatu jira.
Jedhi: “Sila waan sana caalu isiniif odeessuu? Isaan Rabbiin sodaataniif Gooftaa isaanii bira jannata laggeen ishee jala yaatu kan yeroo hunda ishee keessa jiraatantu isaaniif jira. Ammas jaartiiwwan qulqulleeffamaniifi jaalala Rabbiin biraa ta’etu (isaaniif jira). Rabbiin gabroota argaadha."
Isaan warra “Gooftaa keenya! nuti amanneerra; kanaaf badiilee keenya nuuf araarami; adabbii ibiddaas nu baraari” jedhan.
Obsitoota, dhugaa dubbattoota, (Rabbiif) ajajamtoota, kennattootaafi warra obboroo keessa dhiifama kadhatanin (faarsa).
Rabbiin akka Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jirre ragaa ba’e; maleeykonniifi warri beekumsaas (ragaa ba’aniiru) haqaan dhaabbataa ta’ee, isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru. injifataa, ogeessa . [4]
Amantiin Rabbiin biratti (fudhatama qabu) Islaamummaa qofa. Isaan kitaaba kennaman erga beekumsi isaaniif dhufee booda jibbaa gidduu isaanii jiruuf jecha malee (san dura) wal hin dhabne. Namni keeyyattoota Rabbiitti kafare dhugumatti Rabbiin ariifachiisaa qormaataati. [5]
Yoo isaan siin falman: “fuula kiyya Rabbiif sirreesse (kan ajaja rabbi jala butamu taasise); namni ana hordofes (akkasuma)” jedhi. Warra kitaabni isaaniif kennameefi wallaaltotaanis “sila islaamoftanii?” jedhi. Yoo islaamawan dhugumatti qajeelaniiru. Yoo irraa garagalan wanti sirra jiru ergaa geessisuu qofa. Rabbiin gabroota argaadha.
Isaan keeyyattoota Rabbiitti kafaran, haqa malee nabiyyoota ajjeesaniifi namoota irraas warra haqatti ajajanis ajjeesanu, adabbii laalessaan isaan gammachiisi.
Isaan warra dalagaaleen isaanii addunyaafi Aakhirattis jalaa baddeedha. Isaaniif tumsitoonni hin jiran.
Sila gara isaan kitaaba (tawraat) irraa qooda wahii kennamanii hin laallee? Akka jidduu isaaniitti murteessuuf gara kitaaba Rabbii yaamamanii ergasii gareen isaan irraa ta’e didaa ta’ee gara gala.
Kun waan isaan “ibiddi guyyoota lakkaa’amtuu malee nu hin tuqxu” jedhaniifi. Kijibni isaan (of biraa) uumaa turan amantii isaanii keessatti isaan gowwoomse.
Sila yeroo Nuti guyyaa mamiin isa keessatti hinjirreef walitti isaan qabnee lubbuun hundi waan hojjatte guutuutti argatte akkam ta’u? isaan hin miidhamanu (hin zallamaman).
(Yaa Muhammad!) (Rabbi faarsaa haala taateen) jedhi: "yaa Rabbii abbaa mootummaa taate! Mootummaa nama feeteef kennita; nama feete irraa immoo mootummaa mulqita, Nama feetes ni jabeessita, Nama feetes ni xiqqeessita, Toltuun hundi harka kee jira. Dhugumatti Ati waan hunda irratti danda’aadha.
Halkan guyyaa keessa seensifta. Guyyaas halkan keessa seensifta. Du’aa irraa jiraa baafta, Jiraa irraa du’aa baafta, Nama feete herrega malee hiree hirtaaf" (jedhi). [6]
Mu’uminoonni mu’uminoota malee kaafiroota jaalallee hin godhatin. namni kana dalage, (diinii) Rabbii irraa homaa keessa hin jiru, Yoo eeggannaa wahii isaan irraa eeggachuuf ta’e malee, Rabbiin nafsii Isaa isin sodaachisa. Deebiin garuma Rabbiiti. [7]
jedhi “Yoo waan qoma keessan keessa jiru dhoksitan yookiin isa mul’iftanis Rabbiin isa beeka. (Inni) waan samii keessa jiruufi waan dachii keessa jiru ni beeka. Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha” .
Guyyaa lubbuun hundi toltuu irraa waan hojjatte dhiyaataa ta'ee argitu (yaadadhu). Hamtuu irraa waan hojjattes (argitu). odoo jidduu isheetiifi jidduu isaa fageenyi dheeraan jiraatee hawwiti, Rabbiin nafsii Isaa isin sodaachisa. Rabbiin gabrootaaf akkaan mararfataadha.
jedhi ”Yoo kan Rabbiin jaallattan taataniif na hordofaa Rabbiin isin jaalata; badiilee keessan isiniif araarama. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha”. [8]
jedhi ”Rabbiifi ergamaaf ajajamaa” jedhi. Yoo irraa garagalan (kafaraniiru). Rabbiin kaafiroota hin jaalatu.
Rabbiin Aadam, Nuuh, maatii Ibraahimiifi maatii Imraan aalamarra filateera.
Sanyii gariin ishee garii irraa taate san (filate). Rabbiin dhagayaa, beekaadha.
Yeroo niitiin Imraan jette (yaadadhu) “Gooftaa kiyya! ani waan garaa kiyya keessa jiru (ilmoo ulfaa) bilisa godhee siif nazareeraa narraa qeebali Ati simatu dhagayaa, beekaadha.” [9]
Yeroma ishee deesse “Gooftaa kiyya! ani ishee dubran daye" jette. Rabbiin waan isheen deesse beekaadha. “Dhiirri akka durbaati miti. Ani (maqaa) ishee Maryam moggaaseera. Ani isheefi sanyii ishees sheyxaana abaaramaa irraa siin tiksa (sittin maganfadha)” (jette). [10]
Gooftaan ishee qeebaltii gaarii ta’een ishee qeebale. Guddina gaarii ishee guddise. Zakariyyaan ishee guddise. Zakariyyaan dhawaatuma ishee irratti mihraaba seenuun hiree ishee biratti arga. “Yaa maryam kun eessaa siif dhufa?” jedhe. “Inni Rabbiin biraayyi” jette. Rabbiin nama fedhe herrega malee hiree (guddoo) hiraaf.
Bakka sanatti Zakariyyaan Rabbii isaa kadhate “Gooftaa kiyya! Ati Suma biraa ilmaan gaarii naaf kenni. Ati dhagayaa kadhaati" jedhe.
Malaa’ikoonni isaa mihraaba keessa dhaabbatee salaataa jiruu isa yaamte “Rabbiin Yahyaadhaan si gammachiisa, dhugoomsaa jecha Rabbirraa ta'ee, caalaa, qunnamtii saalaa irraa eegamaafi nabiyyii gaggaarota irraa ta’een " (jettee isatti lallabde).
(Inni) nijedhe “yaa Gooftaa kiyya! akkamitti ilmi naaf taha? osoo dullumti na qabee jiruufi niitiin tiyyas maseena taatee jirtuu " jedhe. (Rabbiin) “Akka kanatti Rabbiin waan fedhe hojjata” jedheen.
[Innis] “yaa Gooftaa kiyya! mallattoo naaf taasisi” jedhe. (Rabbiinis) nijedhee "mallattoon kee Guyyoota sadii akeekkiin malee namootatti dubbachuu dhabuu keeti. Gooftaa kee baay’inaan faarsi. Galgalaafi ganamas Isa qulqulleessi”( jedheen.) [11]
Yeroo Malaa’ikoonni jette “Yaa Maryam! Dhugumatti Rabbiin si filateera. Si qulqulleesseeras. Dubartoota aalamaa (yeroo keetii) irra si filateera” (yaadadhu).
”Yaa Maryam! Gooftaa keetiif akkaan ajajami. Sujuudas godhi. Warra gadi jedhan waliinis gadi jedhi (rukuu’a godhi)." (salaatatti ajaje)
Kun (oduun zakariyyaafii maryam kun) oduuwwan fagoo irraa kan Nuti gara keetti isa beeksifnuudha. Yeroo ‘isaanirraa eenyu Maryamiin akka guddisu (irratti walqabanii) hixaalee isaanii darban ati isaan biratti hintaane. Yeroo isaan wal falmanis ati isaan bira hin turre.
Yeroo malaa’ikoonni jette “yaa Maryam! Rabbiin jecha Isa biraa ta’een sigammachiisa, kan maqaan isaa Al-Masiih Iisaa ilma Maryam (jedhamu), kan addunyaafi Aakhiraattis kabajamaafi warra Rabbitti dhiheeffaman irraa ta’e” (yaadadhu) [12]
Daa’imummaafi dargaggummattis namaan dubbata. Warra gaggaarii irraayyi.
(Maryam) nijette “yaa Gooftaa kiyya! Odoo namni (dhiiraa) tokkollee ana hin tuqne akkamitti ilmi naaf argama?” (Rabbiin) “Akka kanatti Rabbiin waan fedhe uuma. Inni yeroo waan tokko murteesse ‘ta’hi’ qofa isaan jedha; yeroma san taha” jedhe.
(Rabbiin) Barreeffama, ogummaa, Tawraatiifi Injiiliinis isa barsiisa.”
Gara ilmaan Israa’iilitti ergamaa (isa godha) “Ani dhugumatti Gooftaa keessan irraa raajiidhaanan isinitti dhufe. Ani dhoqqee irraa waan akka allaattiin isiniif uuma; isa keessattis nan afuufa; hayyama Rabbiitiin allaattii ni ta’a. Eeyyama Rabbiitiin jaamaafi lamxii nan fayyisa. Eeyyama Rabbiitiin du’aas nan jiraachisa. Waan isin nyaattaniifi waan isin manneen keessan keessa ol kaayattanis isinittin hima. Dhugumatti kana keessa mallattootu isiniif jira yoo muimintoota taataniif.[13]
(nabi iisaa ilma mariyam nijedhe) Waan na dura ture Tawraatirraa kanan dhuga'oomsu ta'ee, garii wantoota dhorgaa isin irratti taasifamanii halaala isiniif taasisuuf jechan ragaa Gooftaa keessan irraa ta’een isinitti dhufe. Rabbiin sodaadhaatii anaaf ajajamaa. (tole na jedhaa).
Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan; kanaafuu Isa gabbaraa. Kun karaa qajeelaadha.”
Iisaan yeroma kufrii isaan irraa ittidhagayame “ tumsitoonni kiyya gara Rabbiitti eenyu?” jedhe. Hawaariyyoonni “nutu tumsitoota Rabbiiti. Rabbitti amanneerra. Akka nuti Muslimoota taanes ragaa nuuf bahi” jedhan.
(Hawaariyyoonni nijedhan) “Yaa Gooftaa keenya! Nuti waan Ati buuftetti amanneerra. Ergamicha (Iisaas) hordofne; kanaafuu warra (Rabbiin malee Gooftaan biraa akka hin jirre) ragaa bahan wajjin nu barreessi” (jedhan).
Isaanis (kaafiroonni banii israaiil irraa) shira xaxan; Rabbiinis tooftaa baase. Rabbiin immoo irra caalaa warra tooftaa baasuuti.
Yeroo Rabbiin jedhes (yaadadhu):“Yaa Iisaa! Ani si fudhataadha, Gara kiyyattis ol si fuudhaadha, Isaan kafaran irraa si qulqulleessaadha. Isaan si hordofan hanga Guyyaa Qiyaamatti warra kafaran irratti ol taasisaadha. Ergasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessatti gidduu keessanitti nin murteessa. [14]
Isaan kafaran addunyaafi Aakhiratti azaab cimaan isaan azzaba; tumsaan homaa isaaniif hin jiru.
Warra amananii gaggaarii dalagan immoo mindaalee isaanii ni guutaafi. Rabbiin miidhaa raawwattoota hin jaal’atu.
Kana keeyyattootaafi gorsa ogummaa irraa ta’e sirratti dubbifna.
Fakkeenyi Iisaa (abbaa malee haadha qofarraa argamsiisuu) Rabbiin biratti akka fakkeenya Aadami. (haadhaaf abbaa malee) Biyyee irraa isa uume, Ergasii (nama) tahi’ isaan jedhe, Innis yeroma san tahe.
Dhugaan Gooftaa kee biraayyi; shakkitoota irraa hin ta’in.
Nama erga beekumsi sitti dhufee booda isa keessatti (waayee nabi iisaa ilma mariyam) keessatti siin falmeen “Kottaa; ilmaan keenyaafi ilmaan keessan, dubartoota keenyaafi dubartoota keessan, lubbuulee teenyaafi lubbuulee teessan haa waamnu. Ergasii du'aa'iitti jabaannee abaarsa Rabbii kijibdoota irra haa goonu (kijibdoota haa abaarruu)” jedhiin.
Dhugumatti kun isumatu seenaa dhugaati. Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Dhugumatti Rabbiin Isatu injifataa, ogeessa.
Yoo (dhugaa irraa) gara galan, Rabbiin beekaa balleessitootaati.
Jedhi: “yaa warra kitaabaa (tawraatiifii injiil)! Gara jecha nuufi isin jidduutti wal qixa taateetti kottaa. (Isiini) akka Rabbiin malee waan biraa hin gabbarre; Isatti waan biraa akka hin qindeessine, gariin keenyas garii Rabbiin malee gabbaramaa akka hin taasifanneedha. Yoo isaan (kana) irraa gara galan “akka nuti Muslimoota taane ragaa bahaa” jedhaan. [15]
Yaa warra kitaabaa! Maaliif waa’ee Ibraahiim keessatti falmitu? Tawraatiifi Injiil isa booda malee hin buufamne; sila hin xiinxaltanii.
Dhaga’aa! isin warri kun waan beekumsi isaa isiniif jiru keessatti falmitaniittu! Maaliif waan beekumsi isaa isiniif hin jirre keessatti falmitu? Rabbiin ni beekaa isin hin beektanu.
Ibraahiim yahuudas kiristaanas hin taane, Garuu inni Muslima qajeelaa ture, Inni mushrikoota irraas hin taane. [16]
Namoonni Ibraahiimitti irra aanan: warra isa hordofan, nabiyyii kanaafi (muhammad)fii warra amananiidha (muslimtoota hunda). Rabbiin gargaaraa mu’uminootaati.
Gareen warra kitaabaa irraa taate isin jallisuu jaalatte, Lubbuu isaanii malee homaa hin jallisanu; garuu isaan hin beekanu.
Yaa warra kitaabaa! odoo beektanuu maaliif keyyattoota Rabbiitti kafartu?
Yaa warra kitaabaa! maaliif dhugaa sobaan walitti maktan, (maalif) odoo beektanuu dhugaa dhoksitu?
Gareen warra kitaabaa irraa taate ni jette: “jalqaba guyyaa isa warra amanan irratti buufametti (qur'aanatti) amanaa. dhuma guyyaa immoo itti kafaraa. Akka isaan (Islaama) irraa deebi’aniif jecha.
warra amantii keessan hordofeef malee hin amaninaa (ifa hin baasinaa). (Yaa Muhammad SAW) jedhi “qajeelfamni (dhugaa) qajeelfama Rabbiiti" (jarri waliin jedhan)“Tokkoon namaa fakkii waan isin fudhattanii fudhachuu yookiin kan Rabbii keessan biratti ittiin isin falmun (akka hin argamne beekkomsa isin bira jiru muslimootatti hin mul'isinaa)".(waliin jedhan). jedhi "Tolli harka Rabbiitti (tahe); abbaa fedheef isa kenna” Rabbiin (kennaan isaa) bal’aa, beekaadha.
Inni nama fedhe rahmata Isaatiif (nabiyyummaadhaaf) filata. Rabbiin abbaa tola guddaati.
Warra kitaabaa irraa nama yoo ati qabeenya guddaan isa amante isa siif deebisutu jira. Isaan irraa nama yoo diinaaraan isa amante yoo ati galgachuuf irra dhaabbatte malee (irra deddeebitee isarraa barbaadde malee) siif hin deebifnetu jira. Kun waan isaan “wallaaltota (qabeenya isaanii nyaachuu) keessatti badiin nurra hin jiru” jedhaniifi. odoo beekanuu Rabbi irratti kijiba odeessan. [17]
Eeyyeen! (qabeenya walaaltotaa nyaachuu keessatti badiin isaan irra ni jira). namni waadaa isaa guuteefi (Rabbiin) sodaate, Rabbiin warra (Isa) sodaatanu ni jaalata.
Isaan waadaa Rabbiifi kakuu isaanii gatii xiqqaan jijjiirratan, isaan Aakhiratti qoodni homaatuu isaaniif hin jiru. Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa isaan hin dubbisu; gara isaaniis hin ilaalu; isaan hin qulqulleessus. adabbii laalessaan isaaniif jira.
Isaan irraa garee arraboowwan isaanii kitaabaan micciirantu jira, akka isin kitaaba irraayi jettanii isa yaaddaniif jecha, inni kitaabarraayii miti. inni Rabbiin biraayi jedhu. inni Rabbiin biraayii miti. Rabbirratti kijiba jedhan Odoma beekanuu. [18]
Ilma namaa tokkoof Rabbiin kitaaba, hukmii (beekumsaafi hubannoo seera amantii) fi nabiyyummaa isaaf kennee, ergasii namootaan “Rabbii gaditti gabroota naaf ta’aa” jechuun (isaaf) hin malu. Garuu (kan inni isaaniin jedhu) waan kitaaba barsiisaa turtaniifi waan qu'ataa turtaniif beektota beekumsa isaaniitiin hojjatan ta’aa jechuudha.
Maleykotaafi nabiyyoota gabbaramtoota taasifachuutti isin ajajuun isaaf hinmalu. Sila erga isin Muslimoota taatanii booda kufritti isin ajajaa?
Yeroo Rabbiin nabiyyoota irraa waadaa fuudhe “waan ani kitaabaafi ogummaa irraa isiniif kennee, ergasii ergamaan waan isinii wajjin jiru dhugoomsu isinitti dhufe, akka isatti amantaniifi isa tumsitanu” ((jechuun) waadaa qabate [yaadadhu]. (Rabbiinis) "mirkaneessitanii? Sana irrattis waadaa kiyya qabdanii?" jedhe. (Isaan) "mirkaneessine" jedhan; (Rabbiinis) “Ragaa bahaa; anis warra isinii wajjin ragaa bahan irraayi” jedhe. [19]
Namni sana booda garagale, warri sun isaantu finciltoota.
Sila amantii Rabbii malee kan biraa barabaadanii? odoo wantoonni samiifi dachii keessaa hunduu fedhaan yookiin dirqamaan isaaf (Rabbiif) ajajamee jiruu. gara isaatti deeffaman.
(Yaa Muhammad SAW) jedhi “Rabbitti amanne, Waan nurratti buufametti, Waan Ibraahiim, Ismaa’iil, Isihaaq, Ya’aquub, asbaax, (ilmaan Ya’aquub) (irratti buufametti), waan Muusaa, Iisaafi nabiyyoonni Gooftaa isaanii irraa (kennamanittis) amannee jirra. Isaan irraa gidduu nama tokkoos addaan hin foonu. Nuti isaaf ajajamtoota”(jedhi). [20]
Namni Islaama malee amantii (biraa) barbaade isarraa hin qeebalamu. Aakhiraatti inni warra hoonga’an irraayi (ibidda jahannam seena).
sila Rabbiin akkamitti qajeelcha? ummata amanuu isaanii booda kafaran, kan ergamaan Rabbii dhugaa ta’uu ragaa ba’an. kan ragoonni ifa ta’an isaanitti dhufan. Rabbiin miidhaa hojjattoota hin qajeelchu.
Warri sun galanni isaanii abaarsi Rabbii, kan maleeykotaafi namoota hundaa isaan irra jiraachuudha.
Ishee (ibidda) keessatti hafoodha. Azaabni isaan irraa hin salphifamu. Yeroonis isaaniif hin kennamu.
Garuu isaan sana booda tawbatanii toltuu hojjatan (isaaniif ni dhiifama) Dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
Warra iimaana isaanii booda kafaranii ergasiis kufrii dabalatan tawbaan isaanii hin qeebalamtu. Isaan isaanumatu jallattoota.[21]
Isaan kafaranii, kaafiroota ta’anii du’an, warqee dachii guutuun, odoma ittiin of bituu fedheeyyuu tokkoon isaanii irraa hin qeebalamu. jara san isaaniif adabbii laalessaa ta’etu jira. Isaaniif tumsitoota irraa homaa hinjiran.
Hanga waan jaalattan irraa (sadaqaa) kennattanitti toltuu hin argattan. Wanta isin wahirraa (qabeenya irraa) kennattan Rabbiin isa beeka. [22]
nyaanni hunduu Ilmaan Israa’iiliif halaala tahe ture, Waan Israa’iil (ya'iquub) odoo Tawraat hin bu’in dura lubbuu isaa irratti haraama taasise malee. (Yaa Muhammad) jedhiin "Tawraatiin fidaa isii dubbisaa yoo kan dhugaa dubbattan taatan ”
Namni sana booda Rabbi irratti kijiba kijibe, warri sun isaantu miidhaa hojjattoota.[23]
Jedhi “Rabbiin dhugaa dubbateera; karaa amantii Ibraahiim qajeelaa ta’e hordofaa. Inni mushrikoota irraa hin taane"
Manni jalqaba ilma namaatiif kaayame isa Bakkaan (Makkaan) jiruudha. haala barakeeffamaafi qajeelfama aalama hundaaf ta’een.
Isa keessa mallattoolee mul'ataa tahan bakka dhaabbata Ibraahiimtu jira. Namni isa seene nagaya taha. Rabbiif nama irratti manichatti hajjii godhuutu dirqamni jira. kan gara isaa deemuu danda'e irratti. Namni kafare (lubbuma isaati miidhe) dhugumatti Rabbiin aalama irraa duroomaadha.
“Yaa warra kitaabaa! maaliif keeyyattoota Rabbiitti kafartan?” jedhi. Rabbiin waan isin dalagdan irratti ragaadha (nibeeka irratti isin adabuuf jiraata).
jedhi “Yaa warra kitaabaa! Sila maaliif karaa Rabbii irraa nama amane debiftan? jallina ishee barbaachaaf. odoo ragaa taatanuu. Rabbiin waan isin dalagdan irraa dagataa miti".
Yaa warra amantan! Yoo garee warra kitaabni kennameef irraa ta’ee tole jettan, erga amanuu keessanii booda gara kufriitti isin deebisu.
Sila odoo keeyyattoonni Rabbii (Qur'aanni) isin irratti qara’amaniifi ergamaan Isaa (Muhammad) isin keessa jiruu akkamitti kafartu? Namni Rabbiin qabate dhugumatti karaa sirraawaatti qajeelfameera.
Yaa warra amantan! Dhugaa sodaa isaa Rabbiin sodaadhaa; Muslimoota taatan malee hin du’inaa.
Haada Rabbii (Qur’aana) hunda ta'aa qabadhaa; adda adda hin ba’inaa. Ni’imaa Rabbii kan isinirra jiru yaadadhaa, yeroo isin diinota walitti taatanii turtan, Inni jidduu onneewwan teessanii waltaasise. ni’imaa Isaatiin obboleeyyan taatan san (yaadadhaa). (yeroo) isin qarqara boolla ibiddaa irra turtanii ishee irraa isin baraare (yaadadhaa). Rabbiin akka kanatti keeyyattoota Isaa isiniif ibsa Akka isin qajeeltaniif jecha .
Isin irraa ummanni gara khayriitti waamtuufi tan gaariitti ajajju badii irraa dhorgitu haa jiraattu. Warri sun isaantu milkaa’oodha.[24]
Akka warra erga ragoonni ifa ta’an isaanitti dhufee booda addaan faca’aniifi wal dhabanii hin ta’inaa, Warra san isaaniif adabbii laalessaatu jira.
Guyyaa fuulleen gariin addaatuufi fuulleen gariin gurraachomtu (adabamu). Warri fuulleen isaanii gurraachofte “sila erga amanuu keessaniitii booda kafartanii? Waan kafaraa turtaniif adabbii dhandhamaa” (isaaniin jedhama).
Warri fuulleen isaanii addaatte immoo rahmata Rabbii keessatti tahu; Isaan ishee keessatti hafoodha.
Isheen sun, keeyyattoota Rabbiiti, ishee haqaan sirratti qaraana, Rabbiin aalama hundaafuu miidhaa kan fedhu hin taane.
Wantoonni samiifi wantoonni dachii keessa jiran (hundi) kan Rabbiiti. amriin hunduu gara Rabbiitti deebifamti.
Isin caaltuu ummata namaaf mul'ifamtee taataniittu.Toltutti ajajju; hamtuu irraas ni dhorgitu; Rabbitti ni amantu. Odoo warri kitaabaa amananii silaa gaarii isaaniif taha ture. Isaan irraa mu'uminoonnis ni jiru; garuu irra hedduun isaanii finciltoota. [25]
Rakkisuu malee isin hin miidhanu. yoo isiniin lolan duuba isinitti deebi’u (isin dheeysu). Ergasii tumsa hin argatan.
bakkuma isaan jiran hundatti salphinni isaan irra kaayamteetti, Yoo waadaa Rabbirraa ta’eefi waadaa nama irraa ta’een (eegaman) malee, Dallansuu Rabbirraa ta’een deebi’an; hiyyummaan isaan irra kaayamte. Kun waan isaan keeyyattoota Rabbiitti kafaraa turaniifi haqa malee nabiyyoota ajjeesaa turaniifi. Kun waan isaan ajaja Rabbii didaniifi daangaa dabraa turaniifi.
Isaan wal qixa miti, warra kitaabaa irraa namoota dhugaaf dhaabbatan, kan sujuudaa sa’aatii halkanii keeyyattoota Rabbii qara’antu jira. [26]
Rabbittiifi guyyaa Aakhiraatti aman; toltuutti ni ajaju; hamtuu irraa ni dhorgu; toltuu keessatti ni arifatu, Isaan sun warra gaggaarii irraayi.
Toltuu irraa wanta hojjatan kamillee hin dhorgatamanu. Rabbiin warra (Isa) sodaatan beekaadha.
Isaannan kafaran, qabeenyiifi ilmaan isaanii (adabbii) Rabbii irraa homaa isaanirraa hin deebiftu. Sunniin warra ibiddaati. Isaan ishee keessatti hafoodha.
Fakkeenyi waan isaan jiruu addunyaa tana keessatti sadaqatanii akka fakkeenya bubbee qorri hamaan isii keessa jirtuu, kan ooyruu warra lubbuu isaanii miidhanii tuqxee (dhooyte), isa balleessiteeti. Rabbiin isaan hin miine; garuu isaantu lubbuullee isaanii miidhe. [27]
Yaa warra amantan! namoota isin irraa hin ta’in (kuffaara) jaalalloo iccitii hin godhatinaa, Isin balleessuu irraa duubatti hin deebi’anu, Rakkina keessan hawwani, Dhugumatti, jibbaan afaanoowwan isaanii irraa mul’atte, Wanti qomni isaanii dhoksitu immoo irra guddaadha, Yoo kan xiinxallitan taataniif aayatoowwan ifa isiniif taasifnee jirra. [28]
Dhaga'aa! isin warri kun (yaa muslimtoota) isaan jaalatan; isaan immo isin hin jaalatanu , Isin kitaabota hundatti ni amantu, Yeroo isin qunnaman “nuti amannee jirra” jedhu, Yeroo kophaa ba’an immoo dallansuu irraa quba isaanii isinirratti ciniinu, “Dallansuu keessaniin du’aa" jedhi, Dhugumatti Rabbiin beekaa waan qomoowwan keessatti taheeti.
Yoo toltuun isin tuqxe, isaan gaddisiisti, Yoo hamtuun isin tuqxe immoo isheetti gammadu, Yoo isin obsitanii (Rabbiin) sodaattaniif shirri isaanii homaa isin hin miidhu. Rabbiin waan isaan dalagan (beekumsa Isaatiin) itti marsaadha.
Yeroo ati mu’uminoota iddoowwan lolaa kan qubsiiftu taatee maatii kee irraa ganamaan baatu (yaadadhu). Rabbiin dhagayaa, beekaadha. [29]
Yeroo gareen lamaan isin irraa ta'an luynoomuu yaadan (yaadadhaa). Rabbiin gargaaraa isaan lamaaniiti. Mu’uminoonni Rabbi qofarratti haa irkatanii.
Dugumatti haala isin xiqqoo taataniin, (lola) Badriitti Rabbiin isinii tumseera. Akka galateeffattaniif jecha Rabbiin sodaadhaa. [30]
Yeroo ati mu’uminootaan jettu (yaadadhu). “sila Gooftaan keessan maleeykota kuma sadii (samii irraa) buufamoota ta'aniin isin gargaaruun isinii hin gayuu?”
Eeyyeen; yoo obsitaniifi Rabbiin sodaattan, yoo (mushrikoonnis) battaluma isaanii kanatti isinitti dhufan; Gooftaan keessan maleeykota mallatteeffamoo ta’an kuma shaniin isin gargaara.
Isin gammachiisuufi onneewwan keessan ittiin haa tasgabbooftuuf malee Rabbiin (waan biraatiif) isa (gargaarsa malaaykaa kana) hin taasifne. Tumsi Rabbii injifataa, ogeessa ta’e irraa malee hin jiru.
Isaan kafaran irraa garii muruuf (ajjeefamani isaan balleessuuf) yookiin (booji'amanii) isaan salphisuuf, Akka xiqqaatanii deebi’aniif (kana godhe).
siif murtiin homaayyuu hin jiru (obsi), yooka Rabbiin towbaa isaanii qeebala yookiin isaan adaba, isaan miidhaa raawwattoota.
Wantoonni samii keessa jiraniifi wantoonni dachii keessa jiran (hundi) kan Rabbiiti. (Inni) nama fedheef ni araarama, nama fedhe immoo ni adaba. Rabbiin araaramaa rahmata godhaadha.
Yaa warra amantan! dhala dachaalee dachaafamaa ta'e hin nyaatinaa, Akka milkooftaniif jecha Rabbiin sodaadhaa.[31]
Ibidda kaafirootaaf qopheeffamte san sodaadhaa.
Rabbiifi ergamichaaf ajajamaa akka rahmanni isinii godhamuuf.
(toltuu dalaguudhaan) Gara araarama Gooftaa keessan irraa ta’ee jarjaraa, (akkasuma gara) jannata bal’inni ishee akka samiifi dachii taateetti (jarjaraa). warra Rabbiin sodaataniif qophooftee.
(Isaan) warra yeroo bal'innaatiifi rakkinaa arjooman; kan dallansuu liqimsaniifi namootaaf dhiifama godhaniidha. Rabbiin toltuu hojjattoota jaalata. [32]
(Isaan) warra yeroo waan fokkataa hojjatan yookiin lubbuulee isaanii miidhan Rabbiin yaadatanii, badiilee isaaniitiif araarama kadhatan. Rabbiin malee kan badiilee araaramu eenyu? (hin jiru), haala (badii ta’uu isaa) beekaniin waan hojjatan irra kan hin turreedha. [33]
Isaan sun mindaan isaanii araarama Gooftaa isaanii irraa ta’eefi jannata laggeen ishee jala yaatuudha. Isaan ishee keessatti zalaalam jiraatoodha. Mindaan hojjattootaa (jannata ta'uun) waa tole!
Dhugumatti, isiniin dura karaaleen darbitee jirti, Dachii keessa deemaatii booddeen (xumurri) kijibsiiftotaa akkam akka ta’e ilaalaa.
(Qur'aanni) Kun namootaaf ibsa; qajeelfamaafi warra (Rabbiin) sodaataniif gorsa.
hin laafinaa; hin gaddinaas isintu irra aanoodha Yoo mu’uminoota taatan.
Yoo madaan isin tuqe, dhugumatti ummatas (diinotas) madaan fakkaataan isaan tuqeera. Guyyoota sana gidduu namaatti nanaannessina. Rabbiin isaan amanan beekuufi (addabaasuufi) isin irraas wareegamtoota taasifachuuf (kana godhe). Rabbiin miidhaa hojjattoota hin jaalatu. [34]
Rabbiin warra amanan qulqulleessuufi kaafiroota immoo balleessuf (kana taasise).
Sila odoo (mokkoramtanii obsitanii) Rabbiin isin irraa warra qabsaa’aniifi warra obsan hin hinbeekin (adda hinbaasin) jannata seenuu yaadduu? (hinyaadinaa).
Dhugumatti isin du’a (karaa Rabbii keessatti wareegamuu) isa qunnamuu dura hawwaa turtan, Dhugaatti (amma) kan laaltan taatanii isa argitanii jirtu.
Muhammad waa hintaane ergamaa dhugumatti ergamoonni isa dura dabran malee. Sila yoo inni du’e yookiin ajjeefame of duuba deebituu? Namni faana isaa irra uf duuba deebi’e (islaamummarraa bahee kafare) Rabbiin homaa hin miidhu. Rabbiin galateeffattootaaf galata galcha.
Lubbuu takkalleefuu hayyama Rabbiitiin amalee du'uun isheef hin taane. (umrii isii fixxee du'uun) Murtee barreefamaa (baallamamaa) (Rabbiin murteesseedha). Nama mindaa addunyaa fedhe ishee irraa isaaf kennina. Nama mindaa Aakhiraa fedhes, ishee irraa isaaf kennina. Galateeffattootaaf galata galchina.
Nabiyyoota irraa kan beektonni heddu isaa wajjin lolan meeqaa meeqa? (baay'eedha), Waan karaa Rabbii keessatti isaan tuqeef (ajjeefamuufii madaawuuf) hin laafne; hin dadhabnes; (diinaafis) hin jilbiiffanne, Rabbiin obsitoota jaallata.
Jechi isaanii (yeroo rakkoon ittidhufte) waa hintaane jechuu malee “Gooftaa keenya! badii teenyaafi dhimmoota keenya keessatti daangaa dabriinsa keenya nuuf araarami; faana keenya gadi nudhaabi; ummata kaafirootaa irratti nuuf tumsi”.
Rabbiin mindaa addunyaatiifi gaarii mindaa Aakhiraa isaaniif kenne. Rabbiin toltuu hojjattoota ni jaalata. [35]
Yaa warra amantan! Yoo warra kafaraniif ajajamtan faana keessan irra (uf duuba) isin deebisan. hoongawoota taatanii duubatti deebitu.
Dhugaatti Rabbiin gargaaraa keessani, Inni irra caalaa tumsitootati.
onneewwan warra kafaranii keessatti fuulduratti sodaa (luuynummaa) darbina Waan isaan wantoota inni ragaa qabatamaa ittiin hin buusin Rabbitti qindeessaniif jecha, Teessoon isaanii ibiddaTeessoon miidhaa raawwattootaa waa fokkate!
Rabbiin waadaa Isaa isiniif dhugoomseera yeroo isin hayyama Isaatiin isaan ajjeeftan. hanga yero isin luuynoomtanii ajaja keessattis wal dhabdanii, faallessitan (Rabbiin isinii tumsuu dhiise), Erga (Rabbiin) waan jaalattan (injifannoo) isin agarsiise baada, Isin irraa nama addunyaa barbaadu jira. Isin irraa nama Aakhiraa barbaadu jira. Ergasii isin qormaatuuf jecha isaan irraa isin deebise. Dhugumatti Rabbiin irra isiniif dabreera. Rabbiin mu’uminoota irratti abbaa tolaati. [36]
yeroo (baqaaf) tabba ol baatan (yaadadhaa) namtokkollee kan hin millanne, Odoo ergamaan (nabi Muhammad) duuba keessanii isin waamuu, gadda irraan gadda isinitti buuse, Akka isin waan isin jala dabreefi waan isin tuqe irratti hin gaddineef jecha Rabbiin waan isin dalagdan akkaan beekaadha. [37]
Ergasii cinqaa booda tasgabbii, mugaatii garee isin irraa ta’e haguugu, isin irratti buuse. Garee biraa immoo lubbuuleen isaanii isaan yaachifteetti. Waan dhugaa hin ta’in, yaada jaahiliyyaa, Rabbi irratti yaadu. “Sila nuti dhimmicha irraa qooda wahii qabnaa?” jedhu. (Yaa Muhammad!) jedhi: “Dhugumatti dhimmichi hundi isaatuu kan Rabbiiti." Waan siif hin mul’ifne lubbuulee isaanii keessatti dhoksu. “Odoo dhimmicha irraa wanni tokko nuuf tahee silaa asitti hin ajjeefamnu turre” jedhu. Jedhi “odoo manneen keessan keessa taatanillee warri duuti isaan irratti barreeffame gara iddoo itti du’anii ni bahu turan." Rabbiin waan qomoota keessan keessa jiru qormaatuufi waan (badii) onneelee keessan keessa jiran mul'isuuf (kana godhe). Rabbiin waan qomoota keessaa beekaadha. [38]
Warri isin irraa guyyaa gareewwan lamaan wal qunnaman (lola uhud) duubatti deebi’an (dheessan), sababaa garii wantoota isaan hojjataniitiif kan isaan mucuceesse sheyxaanuma. Dhugumatti Rabbiin dhiifama isaaniif godheera. Rabbiin araaramaa, obsaadha.
Yaa warra amantan! akka warra kafaranii hin ta’inaa, kan obboleeyyan isaaniitiin, yeroo isaan dachii keessa deeman yookiin loltoota ta'an “odoo (lolarraa hafanii) nu bira ta’anii silaa hin du’anu; hin ajjeefamanus” jedhanii. Rabbiin kana onneewwan isaanii keessatti gaabbii gochuuf (kana jedhan). Rabbiin ni jiraachisa; ni ajjeesas. Rabbiin waan isin dalagdan argaadha.
Yoo karaa Rabbii keessatti ajjeefamtan yookiin duutan, (araaramaafii rahmata argattan) araaramaafi rahmata Rabbi irraa ta’etu waan isaan walitti qaban irra caala.
Yoo duutan yookiin ajjeefamtan isin garuma Rabbiitti walitti qabamtan.
(Yaa Muhammad!) rahmata Rabbi irraa ta’een isaaniif laafte, Odoo ati nama amala hamaa qalbii gogaa taatee silaa si biraa faca’u, Irra isaaniif dabri; isaaniif araarama kadhu; dhimmoota keessatti isaan mari’achiisi, Yeroo murattes Rabbirratti hirkadhu. Dhugumatti, Rabbiin warra (Isa) irratti hirkatan ni jaalata. [39]
Yoo Rabbiin isin gargaare, injifataan isiniif hin jiru. Yoo Inni isin xiqqeesse immoo kabooda isaatii isin gargaaru sun eenyu? Mu’umintoonni Rabbuma qofarratti haa irkatanii.
Nabiyyii kamiifuu (boojuu) dhokfachuun hin taane. Namni boojuu irraa miliqfate, Guyyaa Qiyaamaa waan miliqfate qabatee dhufa. Ergasii lubbuun hundi mindaa waan hojjattee guutuutti argatti. Isaan hin miidhamanu. [40]
Sila namni jaalala Rabbii hordofe akka nama dallansuu Rabbirraa taheen deebi’eetii (kan) manni isaa jahannama taheetii? (miti) Deebiin isaa waa hammaate!
Isaan Rabbiin biratti sadarkaa adda addaa qabu. Rabbiin waan isaan dalagan argaadha.
Dhugumatti Rabbiin mu’uminoota irratti tola ooleera, yeroo ergamaa isaan irraa ta’e (nabi muhammad) isaan keessatti erge, kan keeyyattoota Isaa isaan irratti qara’u, kan (badii) irraa isaan qulqulleessu, kan kitaabaafi sunnaa (hikmaa) isaan barsiisu. sana dura isaan jallina ifa bahaa keessa turan.
Sila yeroma rakkoon isin tuuyxe kan isin fakkaataa ishee lama (injifannoo) argattan “kun eessaa nutti tahe” jettanii? “Inni lubbuulee teessan biraayyi" jedhi. Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.
وَمَآ أَصَٰبَكُمۡ يَوۡمَ ٱلۡتَقَى ٱلۡجَمۡعَانِ فَبِإِذۡنِ ٱللَّهِ وَلِيَعۡلَمَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ [١٦٦]
Wanti guyyaa gareewwan lamaan (lola uhudiif) wal qunnaman isin tuqe (ajjeefamuufii madaawuu irraa kan tahe) hayyamuma Rabbiitiini. (Rabbiin) mu’umintoota (ittiin) ifa baasuuf (akkas godhe).
Isaan munaafiqooman akka beekuufi (ifa baasuufi). isaaniin jedhame “kottaa; karaa Rabbii keessatti lolaa; yookiin ofirraa ittisaa". nijedhan “nuti odoo lola beeknee silaa isin hordofna turre”. Isaan guyyaa san iimaanarra kufriitti irra dhihaatoodha. Waan onneelee isaanii keessa hin jirre afaanoowwan isaaniitiin jedhu. Rabbiin beekaa waan isaan dhoksaniiti.
(Isaan) warra obboleeyyan isaanii kan taa’aniin (duularraa hafaniin) “odoo tole nujedhanii silaa hin ajjeefaman turan” jedhaniidha. “ du’a lubbuulee teessan irraa deebisaa Yoo kan dhugaa dubbattan taatan” jedhi.
Warra karaa Rabbii keessatti ajjeefaman du’aatti hin yaadin. Dhugumatti isaan jiraatoodha Gooftaa isaanii biratti ni sooramu. [41]
Isaan waan Rabbiin tola Isaa irraa isaaniif kenneen (jannataan) gammadoo ta'anii (sooramu). Warra isaan boodaa kan isaan hin dhaqqabiniin nigammachiifaman (yoo akka isaaniitti karaa Rabbii keessatti ajjeefaman) sodaan isaan irra hin jiru isaan hin gaddan jechuudhaan.
Nigammachiifaman qananiifi tola Rabbirraa ta’een. Rabbiin mindaa mu’umintootaa hin balleessuu.
(Isaan) warra Rabbiifi ergamaaf awwaataniidha erga madaan isaan tuqee booda. Isaan irraa warra toltuu hojjataniifi Rabbiin sodaataniif mindaa guddaatu jira. [42]
(Isaan) warra “Namoonni isiniif (isin waraanuuf) walitti qabanii jiruu sodaadhaa” namoonni isaaniin jennaan, iimaana isaaniif dabalee. “gayaan keenya Rabbii, isarratti irkachuun waatolee” jedhaniidha.
Ni’imaa Rabbi irraa ta’eefi tola isaatiin deebi’an, hamtuun isaan hintuqne, jaalala Rabbiiti hordofan. Rabbiin abbaa tola guddaati.
Inni sun (namtichi isin sodaachise sun) sheyxaana; jaalalloo isaa (isin) sodaachisaa, isaan hin sodaatinaatii anuma sodaadhaa yoo mu’umintoota taatan.
Isaan kufrii keessatti ariifatan si hin gaddisiisin. Isaan Rabbiin homaa hin miidhanu. Rabbiin akka isaaniif Aakhiratti qooda homaatuu hingoone fedha. Isaaniif azaaba guddaatu jira.
Isaan iimaanaan kufrii jijjiirratan, Rabbiin homaa hin miidhanu. isaaniif azaaba laalessaatu jira.
Warri kafaran (adabbii) isaaniif tursiisuun gaarii lubbuulee isaaniif ta'uu hin sehin. Kan Nuti isaaniif tursiifnuuf akka badii dabalataniif qofa. isaaniif adabbii xiqqeessaatu jira.
Rabbiin waan isin irra jirtan irratti kan mu’uminoota dhiisu hin taane Hanga fokkataa gaarii irraa adda baasutti, Rabbiin beekkomsa fagoo irratti kan isin mullisu (isin beeysisu) hin taane. Garuu Rabbiin ergamtoota Isaa irraa nama fedhe filata. Rabbiifi ergamtoota Isaatti amanaa. Yoo amantanii (Rabbiin) sodaattan, galata guddaatu isiniif jira.
Warri waan Rabbiin tola Isaa irraa isaaniif kenneen dony'ooman inni isaaniif gaarii ta'uu hin yaadin. Dhugumatti inni isaaniif hamaadha. Fuulduratti wanti isaan ittiin don’ooman Guyyaa Qiyaamaa (bofa ta’ee) isaanitti fannifama. Dhaalli samiileefi dachii kanuma Rabbiiti. Rabbiin waan isin dalagdan beekaadha.
Dhugumatti Rabbiin jecha warra “Rabbiin hiyyeessa; nuti dureeyyiidha” jedhanii dhagayeera. Waan isaan jedhan nibarreessina, haqa malee anbiyoota ajjeesuu isaaniitis (ni barreessina). “Adaba (ibidda) gubaa dhandhamaa” isaaniin jenna.
Sun sababaa waan harkoowwan keessan dabarfatteefi, Rabbiin gabroota kan miidhu hintaane.
(Isaan) warra jedhani “akka ergamaa kamittiyyuu hin amanne Rabbiin nu ajajeera, hanga inni kennaa (qurbaana) ibiddi nyaattuun nutti dhufutti”. jdhi “Dhugumatti ana dura ergamtoonni ragoota ifa ta’aniifi isa isin jettaniinis isinitti dhufanii jiru. maaliif isaan ajjeeftan? Yoo kan dhugaa jettan taataniif”.
Yoo si kijibsiisan, ergamtoonni si duraa kijibsiifamanii jiru, kan ragoota ifa ta’an, barruuleefi kitaaba ibsaa ta'een dhufan.
Lubbuun hundi du’a dhandhamtuudha, Mindaawwan keessan guutummaatti kan kennamtan Guyyaa Qiyaamati. Namni ibidda irraa fageeffamee jannata seensifame dhugumatti milkaayeera. Jireenyi addunyaa meeshaa daguu malee hintaane.[43]
Isin dhugumatti ni qormaatamtu qabeenyaalee keessaniifi lubbuulee keessan keessatti, Warra isin dura kitaabni kennameef irraafi warra (Rabbitti) qindeessan irraayis rakkisaa baay’ee dhageessu, Yoo obsitanii, (Rabbiin) sodaattan, dhugumatti kun wantoota murannoorraayi. [44]
Yeroo Rabbiin warra kitaaba kennaman irraa waadaa kakuun jabeeffame fuudhe (yaadadhu) “namootaaf akka isa ibsitan; akka isa hin dhoksine” (jedheenii). dugda duuba isaaniitti isa darbani. gatii xiqqaattis isa gurguratan. Wanti isaan bitatan waa fokkate!
Warra waan hojjatanitti (baditti) gammadanii, (tolturraa) waan hin dalagin irratti galateeffatamuu jaalatan (nagaya bahan) hin sehin; azaaba irraa baraaramuu isaaniis hin sehin. Isaaniif azaaba laalessaatu jira.
Mootummaan samiileefii dachii kan Rabbiiti. Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.
Uumuu samiileefi dachii; wal bakka bu’uu halkaniifi guyyaa keessa warra aqlii qabaniif mallattooleetu jira.
(Isaan) warra dhaabatanii, taa’anii, cinaachoowwan isaanii irratti (ciisanii) Rabbiin faarsanii. uumama samiileefi dachii keessattis xiinxalaniidha. “yaa Gooftaa keenya! Ati (uumama guddaa) kana taphaaf hin uumne, qulqulloofte, adabbii ibiddaa irraa nu baraarsi" jedhan.
(Ammas) "Gooftaa keenya! Ati nama ibidda seensifte, dhugumatti isa salphiftee jirta. Miidhaa hojjattootaaf gargaaraan hin jiru.
Gooftaa keenya! dhugumatti nuti lallabaa ‘Gooftaa keessanitti amanaa’ jechuun iimaanaaf lallabu dhageenyee amannee jirra, Gooftaa keenya! badiilee keenya nuuf araarami; hamtuuwwan keenya nurraa harcaasi; warra gaggaarii wajjin nu ajjeesi.
Gooftaa keenya! Waan ergamtoota kee irratti waadaa nuuf seente nuuf kenni. Guyyaa Qiyaamaa nu hin salphisin. Ati waadaa hin faallessitu" (jedhaa xiinxalanii dha).
Gooftaan isaanii isaaniif awwaate “Ani dalagaa dalagataa isin irraa tahee kan dhiiraas ta’ee dhalaa hin balleessu, Gariin keessan garii irraayyi" (jedhe). Isaannan godaananii; manneen isaanii irraa baafamanii, karaa kiyya keessatti rakkifamaniifi lolaniifi ajjeefaman, dhugumatti diliiwwan isaanii isaan irraa harcaasa, jannatoowwan laggeen jala ishee yaatu isaan seensisa. galata Rabbiin biraa ta’e (kenneman). Rabbiin isa bira mindaa gaariitu jira.
Dachii keessa garagaggaluun warra kafaranii si hin dagin.
(Kun) qananii muraasa, Ergasii teesson isaanii jahannami, Afatichi waa hammaatee!
Garuu isaan Gooftaa isaanii sodaatan isaaniif jannata laggeen ishee jala yaatutu jira, ishee keessatti hafoodha. Affeerraa Rabbiin biraa ta’e (affeeraman). Waan Rabbin biraattu (jannatatu) qulqullootaaf caalaadha.
Warra kitaabaa irraa warra Rabbiitti amanantu jira, waan gara keessanitti buufameefi waan gara isaaniitti buufamettis. Rabbiif of gadi qaban, Keeyyattoota Rabbii maallaqa xiqqaan hin jijjiirratan. Warri sun isaaniif mindaan isaanii Gooftaa isaanii biratti tahe. Rabbiin daddafsiisaa qormaataati.
Yaa warra amantan! Obsaa; obsaan (diinota keessan) injifadhaa; karaa Rabbii keessattis of hidhaa. Rabbiin sodaadhaa Akka milkooftaniif. [45]

