The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Prostration [As-Sajda] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Prostration [As-Sajda] Ayah 30 Location Maccah Number 32
Alif Laam Miim.[1]
Buufamni kitaabichaa Rabbii aalamaa irraa ta'uun shakkiin isa keessa hinjiru. [2]
Sila “(Muhammadtu) of irraa isa uume” jedhanii? Akkasii miti, Dhugumatti, inni dhugaa Rabbii kee irraa ta’ee, ummata siin duratti dinniinaan itti hin dhufin akka dinniintuuf jecha (sitti buufame) akka isaan qajeelaniif.
Allaahn isa samiileefii, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii jiran (hunda) guyyoota jaha keessatti uumee sani. eegasii Arshii irratti (ol ta’iinsa isaan malu) ol ta’eedha. Isaa gaditti gargaaraafi araarsaan tokkollee isiniif hin jiru. Sila hin gorfamtanuu?
Inni wantoota hunda samii irraa gara dachiitti gara gaggalcha (qindeessa) Sana booda gara isaa olbaha guyyaa dheerinni isaa waan isin lakkooftan irraa waggaa kuma ta’e keessatti.
Inni sana hojjate (Allaaha) beekaa fagoofi waan mul’atuu, kan injifataa, rahmata godhaa ta’eedha.
(Inni) isa waan uume hunda miidhagseefi uumama namaa (abbaa keenya Aadam) dhoqqee irraa jalqabeedha.
Sana booda sanyii isaa dhangala'aa bishaan laafaa irraa ta’e irraa godhe.
Sana booda isa walqixxeessee ruuhii [uumaa] isaa irraa ta’e isa keessatti afuufe. Dhageettii, argaaleefi Onneewwanis isiniif taasise. Xiqquma galateeffattu.
“Sila yeroo (duunee) dachii keessa fagaanne nuti uumama haaraa keessatti taanaa?” jedhan. Dhugumatti, isaan qunnamtii Rabbii isaaniitti kafaroodha.
Jedhiin “Maleykaa du’aa isa isin irratti ramadametu isin ajjeesa, eegasii (guyyaa qiyaamaa) gara gooftaa keessanii deebifamtu (niqoratamtan, galata galfamtan)”.
osoo gartee Yeroo yakkamtoonni Rabbii isaanii biratti mataalee isaanii gadi buusanii “yaa Gooftaa keenya! Arginee, dhageenyee, (addunyaatti) nu deebisi hojii gaarii hojjannaa nuti dhugoomsoodhaa” (jedhan) (argitee ) [silaa dubbii cimaa argita turte].
Odoo feenee lubbuu hundaa qajeeluma ishee isheedhaaf kennina turre. Garuu jechi narraa tahe haqa tahee jira. jinnootaafi namoota walitti qabaman irraa jahannam nan guuta.
“Waan qunnamtii guyyaa keessan kanaa dagattaniif (adabbii) dhandhamaa. Nutis (azaaba keessatti) isin dhiifna; waan dalagaa turtaniifis azaaba zalaalam dhandhamaa” (jedhamu).
hangi Keeyyattoota keenyatti amanu warra yeroo isheedhaan gorfaman sujuuda bu’anii, Rabbii isaanii galatomfataa faarsani. isaan hinboonan.[3]
Cinaachoowwan isaanii firaashoowwan (ciisichoowan) irraa ni fagaatti, Goftaa isaanii ni kadhatu sodaataafii kajeelaa. Waan isaaniif kennine irraa ni sadaqatu. [4]
Waan isaaniif dhokfame lubbuun tokkoyyuu hin beektu gammachuu ijaa irraa. Mindaa waan isaan hojjataa turaniif jecha.
Sila namni mu’umina ta’e akka nama fincilaatii? Wal hin qixxaa’an.
Ammoo Warri amananii gaggaarii hojjatan jannata teessumaattu isaaniif jira, qubannoota waan isaan hojjataa turaniif jecha.
Isaan fincilan immoo teessoon isaanii ibidda. Dhawaatuma ishee irraa ba’uu barbaanii ishee keessatti deebifamu, “Adaba ibiddaa kan isa sobsiisaa turtan dhandhamaa” isaaniin jedhama.
Dhugumatti (Nuti) adabbii xiqqaa (kan addunyaa) isaan dhamdhamsiifna, adabbii guddaa dura, akka isaan (gara iimaanaatti) debi’aniif jecha.
Eenyu ka ufmiidhe Nama keeyyattoota Gooftaa isaatiin gorfamee sana booda ishee irraa garagale caalaa? Nuti yakkamtoota irraa haaloo bahatoodha.
Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kennineerra, Isaan wal qunnamuu irraa shakkii keessa hin ta’in, Ilmaan Israa’iiliif qajeeluma isa taasifne.
Isaan irraa imaamota ajaja keenyaan qajeelchan taasifne ,Yeroma isaan obsaniifi keeyyattoota keenya kandhugaoomsan tahan.
Gooftaan kee isumatu Guyyaa Qiyaamaa gidduu isaaniitti murteessa wantoota isaan isa keessatti wal dhabaa turan keessatti.
Sila ifa isaaniif hin taanee? akka Nuti isaaniin duratti dhaloota baay’ee irraa balleessine gandoota isaanii keessa kan deeman ta’anii. sana keessa mallattooleetu jira. Sila hin dhagahanii?
Sila akka nuti bishaan gara dachii gogaa oofnee biqiloota horiiwwan isaaniitiifi lubbuulee isaaniitii irraa nyaatan ittiin biqilchinu hin ilaallee? Sila hin arganuu?
“ murtiin kun yoomi Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif?” jedhu.
Guyyaa murtii san warra kafaran iimaanni isaanii isaan hin fayyadu, isaan Yeroo kennamoos hintaane. [5]
Isaan irraa gara gali. [Adabbii isaanitti bu’u] eegi. isaanis (baduu kee) eegoodha.

