The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Smoke [Ad-Dukhan] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Smoke [Ad-Dukhan] Ayah 59 Location Maccah Number 44
Haa Miim. [1]
Kitaaba addeessaa ta’eenin (qur'aanaan) (kakadha).
Nuti halkan barakeeffamtuu keessa isa buufne. Nuti dinniinoo taaneerra. [2]
Ishee (halkanittii) keessa dhimmi murteeffame hundi adda baafama.
Ajaja nu biraa ta’e (adda baafna) Nuti ergitoota taaneerra.
Rahmata Gooftaa kee irraa ta’eef (buufne). Inni Isumatu dhaga’aa, beekaadha.
(Rahmata) Gooftaa samiilee, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii irraa ta’eeti. Yoo kan dhugoomsitan taataniif (kana hubadhaa, itti amanaa).
Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Ni jiraachisa; ni ajjeessas. (Inni) Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kanneen duraati.
Dhugumatti isaan shakkii keessa taphatu.
Guyyaa samiin aara mul'ataan dhuftu (waan isaan mudatu) eegi.
(Aarri kun) namoota haguuga. Kun adabbii laalessaadha.
(Kaafiroonni yeroo adabicha argan) “Gooftaa keenya! Adabicha nurraa kaasi nuti ni amannaa” (jedhu).
(erga adabaatii) gorfamuun akkamitti isaaniif jiraata, Odoo ergamaan ifa baasaan isaanitti dhufee jiruu?
Ergasii isa irraa gara galanii “(Inni) barsiifamaa maraataadha” jedhan.
Nuti yeroo gabaabaaf adabbii saaqoodha; Isin (kufriitti) deebi’oodha.
Guyyaa qabaa guddaa qabnu Nuti haaloo bahatoodha.
Dhugumatti, Nuti isaan dura ummata Fir’awni mokkorree jirra. Ergamaan kabajamaanis isaanitti dhufe. [3]
“gabroota Rabbii gara kiyya kennaa! Ani isiniif ergamaa amanamaadhaa,” jechuun (isaanitti dhufe).
“Rabbi irratti hin booninaa; ani ragaa ifa ta’een isinitti dhufaadha” (jedheen.)
“Ani Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessanittin maganfadhe akka (dhagaan tumtanii nan) ajjeefne.
Yoo naaf hin amanne narraa fagaadhaa.”
Gooftaa isaa ni kadhate: “Isaan kun ummata yakkamtoota” (azaaba itti buusi) (jedhe).
(Rabbiin ni jedhe): “Gabroota kiyyaan halkaniin deemi. isin hordofamtoota.
Galaana akkuma banametti dhiisi. isaan waraana bishaaniin dhidhimfamoodha.”
Ashaakiltiifi burqituuwwan meeqaatama dhiisan.
Oyruufi iddoo jireenyaa gaggaariis.
Qananii ishee keessatti gammadaa turanis.
Akka kanatti ummata biraa ishee dhaalchifne.
Samiifi dachiin isaan irratti hin boonye; kan tursiifanis hin turre.
Dhugumatti, Ilmaan Israa’iil adabbii salphisaa irraa nagaya baafne.
Fir’awni irraa (ni baraarsine). Inni boonaa, daangaa dabritoota irraa ta’eera.
Nuti beekumsaan aalama (yeroo isaanii) hunda irra isaan filanne.
Raajiiwwan irraas waan mokkorriin ifa ta’e isa keessa jiru isaaniif kennine.
Dhugumatti, isaan (mushrikoonni) kun ni jedhu:
“isheen tun hintaane Du’a teenya tan jalqabaa malee. Nuti (kana booda) kaafamoo miti.
Yoo warra dhugaa dubbatu taataniif, abbootii keenya fidaa.”
Sila isaantu caala moo ummata Tubba’iifi warra isaan duraati? isaan balleessine, Isaan ummata yakkamtoota turan.
Samiilee, dachiifi waan isaan lamaan gidduu jirus taphatoo taanee hin uumne.
Dhugaan malee isaan lachan hin uumne. Garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.
Guyyaan murtii beellama isaan hundaati.
Guyyaa jaalalleen jaalallee irraa homaa hin deebifne, kan isaanis (kaafiroonnis) hin tumsamneedha.
Nama Rabbiin rahmata godheef malee. Inni Isumatu injifataa, rahmata godhaadha.
Mukni ‘Zaqquum’
Nyaata dilaawaati (kaafiraati).
Akka cumaa (siicoo)(rajaa) zaytiitti garaalee keessatti danfa.
Akka danfuu bishaan (haalaan) ho’aatti.
(wardiyyaa ibiddaatiin Ni jedhama): “Isa qabaatii gara walakkaa ibidda boba’aa harkisaa.
Ergasii mataa isaa gubbaatti azaaba bishaan danfaa irraa ta’e dhangalaasaa.
Dhandhami; ati simatu cimaa, arjaa (of fakkeessuu) turtee! (isa cabsuudhaaf jedhamaan).
Inni kun waan isa mamaa turtan sani” (isaaniin jedhama).
Warri Rabbiin sodaatan iddoo nagayaa keessatti tahu.
Ashaakiltiifi burqituuwwan keessa.
(uffata) hariira haphiifi hariira furdaa irraa ta’e uffatu Walitti gara galoo ta’anii.
Akkuma kana dubra babbareedoo ija babala’aa isaan fuusifne.
Isii keessatti fuduraalee hunda waammatu, nagaa tahoodha.
Ishee keessatti du’a jalqabaa malee du’a hin dhandhaman. Rabbiin azaaba ibidda boba’aa irraa isaan tikse.
Tola Gooftaa kee irraa ta’eef, Sun isumatu milkii guddaadha.
isa (Qur’aana) afaan keetiin (arabiffaan) laaffifne Akka gorfamaniif jacha.
(Waan isaan mudatu) eegi; isaanis eegoodha.

