عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The wind-curved sandhills [Al-Ahqaf] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah The wind-curved sandhills [Al-Ahqaf] Ayah 35 Location Maccah Number 46

Haa Miim. [1]

Buufamiinsi kitaabaa (Qur’aanaa) Rabbii injifataa, ogeeysa ta’e irraayi.

(Yaa Muhammad!) jedhi: “wantoota Rabbiin ala gabbartan naaf himaa? Dachii irraa waan isaan uuman natti agarsiisaa. Moo samiilee keessatti shariikummaan isaaniif jira? mee kitaaba (Qur’aana) kana dura (bu’e) yookiin hambaa beekumsa durii wahii natti fidaa Yoo dhugaa dubbattoota taataniif.”

Moo “(Muhammadtu SAW) sobaan isa uume” jedhanii? (Yaa Muhammad!) jedhi “yoo ani sobaan isa uume (adabbii) Rabbii irraa homaa naaf tumsuu hin dandeessan. Inni (Rabbiin) waan isin keessa galtan beekaadha. Anaafi isin giddutti ragaaf Inni ga’aadha. Inni araaramaa, rahmata godhaadha”.

(Yaa Muhammad!) jedhi: “Ani ergamtoota irraa isa jalaqabaatii (kan fakkii hinqabnee) miti. Waan anaafi isin irratti dalagamuuf jiru hin beeku. Waan gara kiyyatti wahyii godhamu malee (wanta biraa) hin hordofu. Ani sodaachisaa ifa bahaadha malee waan biraatii miti.”

Jedhi “Mee naaf himaa! Yoo (Qur’aanni kun) Rabbi biraa ta’ee itti kafartan, raga bahaan Ilmaan Israa’ilii irraa ta’e fakkaataa isaa irratti ragaa bahee, yoo amanee isin immoo boontan, (isin miidhaa hin hojjannee)?(miidhaa hojjattan). Rabbiin miidhaa raawwattoota hin qajeelchu”.

Isa (Qur’aana) duras kitaaba Muusaa (tawraat) kan qajeelfamaafi rahmata ta’etu (ture). (qur'aanni) Kuni kitaaba dhugoomsaa, Afaan Arabaatiin (bu’ee) dha. akka warra miidhaa hojjatan sodaachisee, toltuu hojjattoota immoo gammachiisuuf.

Inni abbaafi haadha isaatiin “isin lachaniifuu ish (uffi)! akka ani kaafamu natti himtuu Kanuma dhaloonni baay’een naan dura dabrtee jirtu, ?” jedhe. Haala isaan lamaan birmachuu Rabbii gaafachaa, “yaa badii kee! amani Beellamni Rabbii dhugaadhaa” (jedhanii gorsanuu) “kun ogbarruu warra duriiti malee waa biraa miti” jedha;[4]

(Ummanni isaas) ni jedhan: “Sila ati gooftolii keenya (gabbaruu) irraa akka gara nu galchituuf nutti dhuftee? waan nuun sodaachiftuun nutti koottu Yoo warra dhugaa dubbatan irraa taateef.”

(Huud) ni jedhe: “Beekumsi (yeroo azaabni bu'uu) Allaah biratti tahe. Ani waanuman ittiin ergame qofan isinitti geessa. Garuu ani ummata wollaaloo ta’uun isin arga.”

Yeroo isa (adabicha) duumessa (fakkaatee) gara laggeen isaanii garagalee dhufaa ta’uu argan: “kun duumessa nuuf roobu” jedhan. “Lakki! Inni waan isa jarjarfachaa turtan sanii; bubbee adabbiin laalessaan isii keessa jiruudha” (jedhaman).

Waan hunda ajaja Rabbii isheetiin diigdi (balleessiti). Manneen isaanii malee wanti tokkos kan hin mul’anne ta’an. Akka kanatti namoota badii hojjatan (azaabaan) galata galchina.

Dhugumatti, magaalota (ummatoota) moggaa keessan jiran (heddu) balleessinee jirra. Mallattoolee (keenyas) karaa adda addaatiin isaan argisiifne akka isaan deebi'aniif.

Maaliif wantoonni isaan akka Rabbiitti isaan dhiheessituuf gabbaramoo godhatan isaaniif hin tumsin? Lakkisaa! (yeroo san) gonkumaa isaan irraa fagaatan. Kun kijiba isaanitiifi waan isaan sobaan haasa’aa turaniidha.

(Yaa Muhammad!) Yeroo garee jinnoota irraa ta’e gara keetti garagalchine [yaadadhu] kan Qur’aana dhageeffatan ta’anii, Yeroo isa bira dhufan “cal’isaa (dhageeffadhaa)” (waliin) jedhan. Yeroo inni xumuramu immoo dinniintota ta’anii gara ummattoota isaanii deebi’an. [5]

Yaa ummata keenya! Waamaa Rabbiitiif (nabi Muhammadiif) awwaadhaa (tole jedhaa); isattis amanaa. Inni (Rabbiin) badiilee keessanirraa isiniif araarama; adabbii laalessaa irraas isin baraara. [6]

Guyyaa isaan kafaran ibidda irratti fidaman “sila kun dhugaa mitii?” (isaanin jedhama). Isaanis “Eeyyeen; Gooftaa keenyatti kakannee! (Dhugaa dha)” jedhu. Innis “Waan (Rabbitti) kafaraa turtaniif adabbii kana dhandhamaa” (isaaniin) jedha.

(Yaa Muhammad!) Akkuma ergamtoota irraa warri murannoo obsetti, obsi. Isaanitti hin ariifatin. Guyyaa waan waadaa isaaniif galame argan akka waan guyyaa irraa sa’aatii tokko malee hin jiraatiniitti of lakkaa’u. (Qur’aanni) (ergaa) ga’aadha. Sila orma finciltootaa malee namni biraa ni badaa?