The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Table Spread [Al-Maeda] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Table Spread [Al-Maeda] Ayah 120 Location Madanah Number 5
Isin Yaa warra amantan! Waadaa guutaa; beelladoonni isiniif halaala godhamtee jirti waan isin irratti dubbifamu malee. (Hajjiifi umraa) kan hidhattan taatanii adamsuu haala hayyamamaa hin godhatiniin. Rabbiin waan fedhe murteessa. [1]
Yaa warra amantan! Mallattoolee Rabbii, halaala hin godhatinaa, ji'a kabajamos, horii wareegaaf (dhufanis), horii (wareega hajjiitiif) morma isaanii irratti mallattoon fannifames, fi warra tolaafi jaalala Gooftaa isaanii barbaacha gara mana kabajamaa fedhanuus (halaala hin godhatinaa). Yeroo ihraama (hajjii yookiin umraa) raawwattan al'oolaa. Waan masjida kabajamaa irraa isin deebisaniif jibbaan ummata (Makkaa) daangaa dabruutti isin hin kakaasin. Toltuufi sodaa Rabbii irratti wal gargaaraa. Badiifi daangaa dabruu irratti wal hin gargaarinaa. Rabbiin sodaadhaa, Dhugumatti Rabbiin adabbiin isaa akkaan cimaadha. [2]
Isinirratti haraama godhamte Baktiin (waan osoo hingorra'amin du'e), dhiignis, foon booyyees, waan (yeroo gorra'amu) (maqaan) Rabbiin alaa isa irratti ol fuudhames, hudhamtee tan duutes, tumamtee tan duutes, konkolaattee tan duutes, tan gaafaan waraanamtee duutes, wanti bineensi nyaates waan (odoo inni hin du’in dura dhaqqabtanii) gorraatan malee, wanti taabota irratti gorra’ames (kana hundaa nyaachuun isirratti dhoowwaadha). xiyyaan carraa ilaallachuunis, (isin irratti haraama godhamteejirti). Kuni fincila, Har'a warri kafaran amantii keessan irraa abdii muratanii jiru. Isaan hin sodaatinaa; Anuma (qofa) sodaadhaa. Har'a Amantii keessan isiniif guuteera, ni’imaawwan kiyyas isin irratti guuteera. Amantiis Islaama isiniif jaaladheera. Namni beela keessatti rakkifame, kan gara badii hindabin (isaaf dhiifama). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha. [3]
Maaltu akka isaaniif halaal tahe si gaafatu. "Gaggaariin (hunduu), halaal isiniif tahe, wanti isin leenjiftoota taatanii carraaqxota irraas barsiiftan kan waan Rabbiin isin barsiise irraa barsiiftan,(isiniif hayyamameera). Waan isaan isiniif qaban irraa nyaadhaa. Maqaa Rabbii isa irratti dubbadhaa. Rabbiin sodaadhaa. Rabbiin qormaanni (Isaa) saffisaadha. [4]
Har'a gaggaariin hundi isiniif eeyyamameera. Nyaanni abbootii kitaabaas isiniif eeyyamamaadha. Nyaanni keessanis isaaniif hayyamamaadha. Tikfattoonni dubartoota mu’uminoota irraa ta’aniifi tikfattoonni dubartoota warra isiniin dura kitaaba kennaman irraa ta'anii fuudhaa, kan sagaggala hin dalagneefi sanyoo (jaalallee dhoksaa) hin qabanne taatanii (isiniif eeyyamama). Namni iimaana irraa gara gale, dhugumatti dalagaan isaa bade. Inni Aakhiraatti warra hoonga’an irraa ta’a [5]
Yaa warra amantan! Yeroo salaataaf kaatan (ka'uu barbaaddan), fuulleen keessan dhiqadhaa, harkoowwan keessanis hanga ciqileetti, (dhiqadhaa). Mataawwan keessaniis haxaa'aa; Lukkeen keessanis hanga koronyoo lameeniitti (dhiqaa). Yoo janaabawoo taatan (bishaan saalaa isin irraa dhangala’e) qulqulleeffadhaa (dhiqadhaa). Yoo dhukkubsatoo taatan yookiin imala irra jiraattan yookiin tokkoon keessan mana fincaanii irraa dhufe, yookiin yoo dubartiin wal tuqxanii (qunnamtii saalaa gootanii), ergasii bishaan hin argatin dachii (biyyee) qulqulluu barbaaddadhaa (tayammuma godhadhaa). Isa irraas fuulleen keessaniifi harkoowwan keessan haxaa'aa. Rabbiin rakkina tokkollee isin irra fiduu hin fedhu. Garuu isin qulquleessuufi ni’imaa Isaa isin iraatti guutuu fedha, akka isin galateeffattaniif jecha. [6]
Yaadadhaa ni'imaa Rabbii kan isin irra jiru, waadaa Isaa kan yeroo isin "dhageenye; awwaannes" jettan Inni isiniif seene yaadadhaa. Rabbiin sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin beekaa waan qomoowwan keessaati.
Yaa warra amantan! Rabbiif gadi dhaabbataa ta’aa; haqaan ragaa ba’aa ta'aa. Jibbaan ummataa haqa dalaguu dhiisuu irratti isin hin kakaasin. Haqa hojjadhaa; isatu sodaa Rabbiitti irra dhihoodha. Rabbiin sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin waan isin hojjattan hunda beekaadha.
وَعَدَ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ لَهُم مَّغۡفِرَةٞ وَأَجۡرٌ عَظِيمٞ [٩]
Rabbiin isaan amananii gaggaarii hojjatan, isaaniif araaramaafi mindaa guddaatu jira (jechuun) waadaa seeneera.
Isaan kafaranii keeyyattoota keenyas sobsiisan, isaan warra ibiddaati.
Yaa warra amantan! Ni’imaa Rabbii kan isin irratti tahe yaadadhaa, yeroo ‘ummanni harkoowwan isaanii gara keessan diriirsuu yaadanii, (Rabbiin) harkoowwan isaanii isin irraa qabe’ (yaadadhaa). Rabbiin sodaadhaa. Mu’umintoonni Rabbi irratti haa irkatan.
Dhugumatti, Rabbiin waadaa Ilmaan Israa’iil irraa fuudhee jira (ahdii isaan seensise). Isaan irraas qondaalota kudha lama kaafnee jirra. Rabbiin "Ani isin waliinin jira, Yoo isin salaata dhaabdanii zakaa kennitanii, ergamoota kiyyatti amantanii, isaan gargaartanii, Rabbiif liqaa bareedaa liqeessitan, dhugumatti Ani hamtuuwwan keessan isin irraa harcaaseeti, Jannata laggeen ishee jala yaatu isin seensisa. Isin irraa namni san booda kafare, inni dhugumatti karaa qajeelaa irraa jallateera" jedhe.
Sababaa isaan waadaa isaanii diiganiif, isaan abaarree, onneewwan isaaniis gogduu taasifne, Iddoowwan isaanii (kan sirrii) irraa jechoota jijjiiru, Waan ittiin gorfaman irraa qooda wahii dagatan. Isaan irraa nama muraasa malee gantuu isaan irraa taate arguurraa hin deemtu. Dhiifama isaaniif godhi; irras dabri. Rabbiin tolchitoota jaalata. [7]
Isaan nuti Kiristaanota jedhan irraallee waadaa isaanii fuunee, waan ittiin gorfaman irraa qooda wahii dagatan. Hanga Guyyaa Qiyaamatti gidduu isaanitti diinummaafi jibbaa buufne. ganaadha Rabbiin waan isaan dalagaa turan isaanitti hima.
Yaa warra kitaabaa! Dhugumatti, Ergamaan keenya (Muhammad s.a.w.) isinitti dhufeera, kan irra hedduu kitaabaa irraa waan isin dhoksaa turtan isiniif ibsuufi baay’ee isaa immoo dhiifamaan irra isiniif dabru. ifaanifi kitaabni mul'ataan (qur'aanni) Rabbi irraa isiniif dhufeera.
Rabbiin nama jaalala Isaa hordofe isaan (kitabdichaan) karaa nagaa qajeelcha, Dukkanoowwan irraa gara ifaatti eeyyama Isaatiin isaan baasa. Gara karaa sirriitti isaan qajeelcha.
Warri “Rabbiin isumatu Masiih ilma Maryami” jedhan dhugumatti kafaraniiru. Jedhi: " sila eenyutu Rabbi irraa tiksa? yoo Inni Masiih ilma Maryam, haadha isaatiifi namoota dachii irra jiran hunda balleesuu fedhe " (eenyu irraa deebisa?) (tokkolleenuu hinjiru). Mootummaan samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii jiran hundaatuu kan Rabbiiti. Waan fedhe uuma. Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha. [8]
Yahuudonniifi Kiristaanonni "nuti ilmaan Rabbiitiifi jaalalleewwan Isaati" jedhan. (Ati) jedhi: " maaliif badiilee keessaniin isin adaba? Dhugumatti isin nama Inni uume irraayi. (Inni) nama fedheef ni araarama; nama fedhe immoo ni adaba. Mootummaan samiilee, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii kan Rabbiiti. Deebiin garuma Isaatti" (jedhi). [9]
Yaa warra kitaabaa! ergamaan keenya (muhammad) kan (waan hunda) isiniif ibsu, eega wal irraa citiinsi ergamootaa argamee booda isinitti dhufeera. Akka isin gammachiisaafi dinniinaanis nutti hin dhufne hin jenneef, Dhugumatti gammachiisaafi akeekkachiisaan isinitti dhufeera Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.
Yeroo Muusaan ummata isaatiin jedhe [yaadadhaa]: "yaa ummata kiyya! Ni’imaa Rabbiin isin irratti oole yaadadhaa. yeroo nabiyyota isin keessa taasisee, moototas isin godheefi waan aalama (zamana keessanirraa) namtokkoofillee hin kennin isiniif kennee.
Yaa ummata kiyya! Dachii qulqulleeffamtuu Rabbiin isiniif barreesse (beytal maqdis Filisxeeniin) seenaa Dugdoowwan keessan duubatti hin deebi’inaa. (Yoo akkas gootan) hongaa’oo taatanii deebitu."
Nijedhan "Yaa Muusaa! ishee keessa ummata of tuultotatu (gara jabeeyyiitu) jira. Nuti hanga isaan ishee keessaa bahanitti ishee hin seennu. Yoo isaan ishee irraa bahan, nuti seenoodha".
Namoota (Rabbiin) sodaatan, kan Rabbiin ni’imaa Isaatiin isaan qanansiise irraa dhiirotiin lama ni jedhan: "balbala isaan irratti seenaa. Yeroo isa seentan isin injifattoota. Yoo mu’uminoota taataniif Rabbi qofarratti hirkadhaa."
Ni jedhan: "Yaa Muusaa! Hanga isaan ishee keessa jiranutti, nuti gonkumaa ishee hin seennu, Atiifi Gooftaan kee deemaa lolaa, nuti as tattaa'oodha".
(Muusaan) ni jedhe: "Yaa Gooftaa kiyya! Ani lubbuu tiyyaafii obboleessa kiyya irratti malee taaytaa hin qabu. Nuufi orma finciltootaa gidduu addaan baasi." [10]
(Rabbiin) ni jedhe: "isheen (dachittii seenuun) waggoota afurtamaaf isaan irratti haraamfamtuudha; Dachii keessa dhama'an. (yaa muusaa) Ummata finciltoota irratti hin gaddin."
Oduu ilmaan Aadam lamaanii haqaan isaanirratti dubbisi. yeroo isaan waan Rabbitti isaan dhiheessu (qurbaana) dhiyeessan, isa tokko irraa qeebalamee isa kaan irraa qeebalamuu dide. (Inni lamuu isa duraatiin) ni jedhe: "Ani dhugumatti sin ajjeesa. " (Inni duraas) ni jedhe: "Rabbiin kan qeebalu warra Isa sodaatan irraayyi.[11]
(haabil obboleessa isaa qaabiliin akkana jedhe) Yoo ati na ajjeesuuf harka kee gara kiyyatti diriirsites, ani si ajjeesuuf harka kiyya gara keetti hin diriirsu. (luuynummaaf osoo hintaane) Ani Rabbii Gooftaa aalamaan sodaadha.
Ani ati (na ajjeeftee) badii kiyyaafi badii keetiin deebitee warra ibiddaa irraa taatuun fedha. Kunis mindaa miidhaa hojjattootaati." [12]
Lubbuun isaa (jallattuun) obboleessa isaa ajjeesuu isaaf miidhagsite, isa ajjeese. Warra hoonga’an irraas ta’e. [13]
Rabbiin harraagessa dachii haadhu erge Akkamitti akka reeffa obboleessa isaa dhoksu (awwaalu) isa argisiisuuf. yaa gaabbiitoo! "Sila ani Reeffa obboleessa kiyyaa dhoksuuf akka harraagessa kanaa ta’uun dadhabee?" jedhe. gaabbitoota irraa tahe. [14]
Sababa kanaan Ilmaan Israa’iil irratti barreesine "namni lubbuu tokko lubbuu biraatiin maletti yookiin dachii keessa balleessuun maletti ajjeese akka waan nama hunda ajjeeseti; namni ishee jiraachise akka waan nama hunda jiraachiseeti" jechuu (murteessine). Dhugumatti, ergamoonni keenya ragaawwan ifa ta’aniin isaanitti dhuftee jirti. Ergasii irra hedduun isaanii sana booda dachii keessatti daangaa dabroodha. [15]
Dhugumatti mindaan (adabni) warra Rabbiifi ergamaa Isaatiin lolanii, dachii keessa balleessaa deemanii, ajjeefamuu yookiin fannifamuu yookiin harkoowwaniifi miilleen isaanii faallaan irraa ciramuu, yookiin biyya irraa ari’amuudha. Kun addunyaatti isaaniif salphina. Aakhiraatti immoo isaaniif azaaba guddaatu jira. [16]
Isaannan odoo isin isaan irratti hin danda'in dura toowbatan malee; beekaa Rabbiin araaramaa mararfataadha.
Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa. Waan gara Isaatti dhihaattaniin barbaadaa. karaa Isaa keessatti qabsaa’aa. Akka milkooftaniif jecha.
Isaan kafaran odoo wanti dachii keessa jiru hundiifi fakkaatan isaas isa waliin isaaniif ta’ee isaan adabbii Guyyaa Qiyaamaa irraa of bituu fedhanii isaan irraa hin qeebalamu. Isaaniif adabbii laalessaa ta’etu jira.
Ibidda irraa ba’uu fedhu. Isaan ishee irraa kan ba’anii waantaane. Isaaniif azaaba itti fufaatu jira.
Hattichaafii hattittii harkoowwan isaan lamaanii muraa galata waan isaan dalaganiif, jiilchaa Rabbi irraa ta'eef jecha. Rabbiin injifataa, ogeessa. [17]
Namni miidhaa (raawwachuu) isaa booda toowbatee tolche, Rabbiin tawbaa isaa irraa qeebala. Rabbiin akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaadha.
Sila ati Rabbiin mootummaan samiileefi dachii kan Isaa ta’uu hin beeknee! Nama fedhe ni adaba; nama fedheef ni araarama. Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.
Ati Yaa ergamaa! warri kufrii keessatti ariifatan si hin gaddisiisin Isaan afaanoowwan isaaniitiin amanne jedhanii onneewwan isaanii hin amanin irraa, Isaan yahuudoman irraas, kan kijibaaf dhaggeeffatanu, ummata biraa kan gara kee hin dhufiniif dhaggeeffatantu jiru. Jechoota bakka isaa irraa jijjiiru. "Yoo kana kennamtan isa qabadhaa; yoo isa hin kennamin immoo eeggadhaa" jedhu. Nama Rabbiin mokkoroo isaa fedhe Rabbi irraa waan tokko isaaf hin deebiftu. Sunniin warra Rabbiin onneewwan isaanii qulqulleessuu hin fedhini. Addunyaa kanatti salphinatu isaaniif jira; Aakhiraatti immoo adabbii guddaa ta’etu isaaniif jira.
Kijiba akkaan dhaggeeffattoota, haraama akkaan nyaatoodha. Yoo isaan sitti dhufan, gidduu isaaniitti murteessi; yookiin isaan irraa gara gali. Yoo ati isaan irraa gara galte homaa si hin miidhanu. Yoo murteessite haqaan gidduu isaaniitti murteessi. Rabbiin warra haqaan murteessan jaalata.
Sila akkamitti si murteessisiifatu odoo Tawraat kan murteen Rabbii ishee keessa jiru isaan bira jirtuu? Ergasii san booda gara galu. Jarri sun mu’uminootaa miti.
Nuti Tawraatiin kan ishee keessa qajeelfamaafi ifaan jiru taasifnee buufnee jirra. Nabiyyoonni warri fedha Rabbiitiif bulan warra yahuudomaniif isheedhaan murteessu. hayyoonniifi beektonnis waan kitaaba Rabbii irraa eegsifamaniniifi ishee irratti ragaa ta'aniin (murteessu). Namoota hin sodaatinaa; Ana sodaadhaa. Keeyyattoota kiyya gatii xiqqaan hin gurguratinaa. Namni waan Rabbiin buuseen hin murteessin, isaan sun kaafiroota.
Isaanirratti barreessine Ishee keessatti "Lubbuun lubbuudhaan, ijji ijaan, funyaan funyaaniin, gurri gurraan, ilkaan ilkaaniin, madaan gumaadha" (jechuun isaan irratti barreessinee) jirra. Namni isa sadaqate (gumaa dhiise) inni isaaf (badii) harcaasaadha. Namni waan Rabbiin buuseen hin murteessin, isaan sun miidhaa raawwattoota.[18]
Faana isaanii irratti Iisaa ilma Maryam hordofsiifne, haala waan isaan duraa Tawraat irraa ta'ee dhuga'oomsaa taheetiin. Injiiliin isaaf kennine, kan isa keessa qajeelfamniifi ifaan jiru, dhugoomsaa waan isaan duraa Tawraat irraa ta'ee. qajeelfamaafi gorsa (Rabbi) sodaattotaaf tahe.
Warri Injiil waan Rabbiin isa keessatti buuseen haa murteessanu; Namni waan Rabbiin buuseen hin murteessin, isaan sun finciltoota [19]
Nuti kitaaba (Qur’aana) haqaan gara keetti buufneerra. kan kitaaba irraa waan isa duraatiif dhugoomsaafi isa irratti tiksaa ta'ee. Waan Rabbiin buuseen gidduu isaaniitti murteessi. Dhugaa waan sitti dhufe irraa (dabuun) fedha lubbuu isaanii hin hordofin. Hundumaafuu seera shari’aatiifi karaa ifa ta’e taasifnee jirra. Rabbiin odoo fedhee ummata tokko isin taasisa ture. Garuu waan isiniif kenne keessatti isin qoratuuf (addaan isin baase). Hojii gaarii keessatti wal dorgomaa. Hunda taatanii deebiin keessan gara Rabbiiti, Waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan isinitti hima. [20]
"gidduu isaaniitti waan Rabbiin buuseen murteessi. Fedhiilee lubbuu isaanii hin hordofin. Garii waan Rabbiin gara keetti buusee irraas akka si hin deebifne isaan eeggadhu. " (jechuudhaan buufne). Yoo isaan (sirraa) gara galan, beeki Rabbiin garii badii isaaniitiin isaan tuquu (adabuu) barbaada. hedduun namoota irraa ta'e finciltoota.
أَفَحُكۡمَ ٱلۡجَٰهِلِيَّةِ يَبۡغُونَۚ وَمَنۡ أَحۡسَنُ مِنَ ٱللَّهِ حُكۡمٗا لِّقَوۡمٖ يُوقِنُونَ [٥٠]
Sila murtii 'jaahiliyyaa (wallaalummaa) barbaadanii? Ummata hubannoo qabaniif wanti Rabbi irra murtiin isaa miidhagaa hin jiru.[21]
Yaa warra amantan! Yahuudotaafi Kiristaanotas jaalallee keessoo hin godhatinaa. Gariin isaanii jaalallee gariiti, Isin irraa namni jaalallee isaan godhate inni isaanuma irraayyi. Rabbiin ummata miidhaa hojjattoota hin qajeelchu. [22]
Isaan onneewwan isaanii keessa dhukkubni (munaafiqummaa) jiru, isaan (jaalachuu) keessatti kan ariifatan agarta. "naannawaan rakkinaa nu tuquu sodaanna" jedhan. Rabbiin injifannoo yookiin murtii isa biraa ta’e fidee, waan lubbuu isaanii keessatti gadi qabatan irratti gaabbitoota ta'uun isaanii mirkanaa'eera.
Isaan amanan ni jedhu: "isaan nuti isinii wajjin jirra jedhanii kakuu cimaa Rabbiin kakatan isaan kanaa?" (jedhu). Dalagaaleen isaanii badde. Hongaa'oo ta'an.
Yaa warra amantan! Isin irraa namni amantii isaa (Islaama) irraa gara gale, Rabbiin namoota isaan jaalatuufi isaanis Isa jaalatan fuulduratti ni fida, kan mu’uminootaaf gadi of qabanii kaafiroota irratti ciman, kan karaa Rabbii keessatti qabsaa’an, komii warra isaan komatuu kan hin sodaanne (fuulduratti ni fida). Kun tola Rabbiiti. Nama fedheef isa kenna. Rabbiin (kenni isaa) bal'aa, beekaadha. [23]
Dhugumatti, jaalalleen keessan Rabbiifi ergamaa Isaati Ammas warra amanani, kanneen salaata dhaabaniifi kan rukuu'a godhan ta'aa zakaa kennaniidha.
Namoonni Rabbiin, ergamaa Isaatiifi warra amanan jaalallee taasifatan (isaan garee Rabbiiti). Dhugumatti gareen Rabbii isaanumatu injifattoota.
isin Yaa warra amantan! Warra amantii teessan qishinaafi tapha taasisan kan warra isin dura kitaaba kennamaniifi kaafiroota irraa ta’an jaalallee hin taasifatinaa, Yoo mu’uminoota taataniif Rabbiin sodaadhaa. [24]
Yeroo gara salaataa lallabdan (azaana gootan), qishinaafi tapha ishee godhatu. Kun waan isaan ummata hin xiinxalle ta’aniifi.
Jedhi "Yaa warra kitaabaa! Sila waan nurraa jibbitan niqabdanii nuti Rabbitti amanuu keenya malee? waan gara keenya buufamettis, waan kana dura buufamettis (amanuu keenya malee).irra hedduun keessan finciltoota.
Jedhi: "Sila kan adabbiin isaa Rabbiin biratti san caalaa hamaa ta’e isiniif himuu? (inni sun) Nama Rabbiin isa abaareefi isa irratti dallane, kan isaan irraa jaldeessaafi booyye taasise, isaan xaaghuuta (gabbaramtoota Rabbiin malee) gabbaran, isaan sun warra (Aakhiratti) iddoon isaanii hamaa ta'ee, irra jallatoowwani karaa qajeelarraa."
yeroo isinitti dhufan "nuti amanne" jedhu, Isaan odoma dhugumatti kufrii wajjin seenaniifi isaan dhugumatti isumaa wajjin ba’anii jiranuu. Rabbiin irra beekaa waan isaan dhoksaa turaniiti.
Baay’ee isaan irraa ta'e kan badii, daangaa dabruufi haraam nyaachuu isaanii keessatti ariifatan argita. Wantoonni isaan hojjataa turan waa fokkate!
Sila maaliif hayyoonniifii beektonni isaan hin dhorgine? jechoota isaanii kan badiitiifi wantoota dhorgaman nyaachuu isaanii irraa. Wanti isaan dalagaa turan waa fokkate!
Yahuudonni "harki Rabbii hidhamtuu dha" jette. Harkoowwan isaanii hidhamtee, waan jedhaniin abaaramaniiru, Lakki! Harki Isaa lamaan diriiroodha. Akka fedhetti kenna. Dhugumatti, irra hedduu isaaniitiif wanti Gooftaa kee irraa gara keetti buufame daangaa dabruufi kufrii dabala. Diinummaafi wal jibbaa hanga Guyyaa Qiyaamatti gidduu isaaniitti darbine. Dhawaata isaan ibidda lolaaf qabsiisaniin Rabbiin ishee dhaamsa. Isaan badii dachii keessa facaasuuf fiigu. Rabbiin badii hojjattoota hin jaalatu. [25]
Odoo warri kitaabaa (Nabi Muhammaditti) amananii Rabbiin sodaatanii, silaa hamtuuwwan isaanii isaanirraa haqna, jannata qananii isaan seensifna.
Odoo isaan Tawraatiin, Injiiliifi waan Gooftaa isaanii irraa gara isaanitti buufametti (qur'aanatti) hojjatanii, silaa gubbaa isaanitiifi miiloowwan isaanii jalaa nyaatu turan. Isaan irraa ummata giddu galeessa ta'antu jira. Hedduun isaan irraa ta’e immoo hojiin isaanii waa fokkate.
Yaa Ergamichaa! Waan Gooftaa kee irraa sirratti buufame geessi. Yoo (kana) hin dalagin, ati ergaa Isaa hin geessifne. Rabbiin namoota irraa si eega. Rabbiin ummata kaafiraa hin qajeelchu. [26]
Jedhi: "Yaa warra kitaabaa! Isin hanga Tawraatiin, Injiiliifi waan Gooftaa keessan irraa gara keessanitti buufametti (Qur'aanatti) hojjattanitti homaa irra hin jirtan.". Dhugumatti, wanti Gooftaa kee irraa gara keetti buufame daangaa dabruufi kufrii irra hedduu isaaniitiif dabala. Ummata kaafiraa irratti hin gaddin.
Isaannan amanan, isaan yahuudoman, saabi’oonnii fi kiristaanonnis, namni (nabi muhammad hordofee) Rabbiifi guyyaa Aakhiraatti amanee, gaggaarii dalage, isaan irra sodaan hin jiru; isaan hin gaddanis.
Dhugumatti, Nuti waadaa Ilmaan Israa’iil irraa fuunee ergamootas gara isaanitti erginee jirra. Dhawaata ergamaan waan lubbuuleen isaanii hin feeneen isaanitti dhufuun garii isaanii kijibsiisanii; garii isaanii immoo ajjeesan.
Adabbiin (mokkoraan) hin jirtuu yaadan. Kanaafuu jaamanii duudan, Ergasii Rabbiin tawbaa isaanii irraa qeebale, Ergasii irra hedduun isaanii jaamanii duudan. Rabbiin waan isaan dalagan argaadha. [27]
Warri "Rabbiin Masiih Ilma Maryami" jedhan dhugumatti kafaranii jiru. Masiih ni jedhe: "Yaa Ilmaan Israa'iil! Rabbii Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan ta’e gabbaraa. Dhugumatti, namni Rabbitti qindeesse Rabbiin isa irratti jannata haraama taasiseera. Teessoon isaas ibidda, Miidhaa raawwattootaaf tumsitoonni hin jiranu." [28]
Isaan "Rabbiin sadaffaa sadeeniiti" jedhan dhugumatti kafaraniiru. Gabbaramaa tokkicha malee haqaan gabbaramaan biraa hin jiru. Yoo waan jedhan (kana) irraa hin dhorgamin, dhugumatti warra isaan irraa kafaran azaaba laalessaa ta’etu tuqa.[29]
Sila gara Rabbiitti tawbatanii araarama Isa hin kadhatanuu? Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
Masiih Ilma Maryam ergamaa isa dura ergamoonni dabran malee hintaane. Haati isaas dhugoomsituudha. Lamaanuu nyaata kan nyaatan turan. Akkamitti akka keeyyattoota ifa isaaniif taasifnu ilaali. Ergasiis akkamitti akka isaan (dhugaa irraa) garagalan ilaali. [30]
Jedhi: "Sila isin Rabbiin malee waan miidhaafi faayidaa isiniif hin qabne gabbartuu? Rabbitu Isa hunda dhagayaa, hunda beekaadha."
Jedhi: "Yaa warra kitaabaa! amantii keessan keessatti dhugaa malee daangaa hin dabrinaa. Fedhii ummata duraan jallatanii dabranii, (namoota) heddus jallisaniifi karaa qajeelaa irraa jallatanii hin hordofinaa."
Isaan Ilmaan Israa’iil irraa kafaran arraba Daawuudiifi Iisaa Ilma Maryam irratti abaaramaniiru. Kun waan isaan (Rabbiin) faallessaniifi kan daangaa dabran turaniifi.
Hamtuu hojjatan irraa kan wal hin dhorgine turan. Wantoonni isaan hojjataa turan waa fokkate. [31]
Hedduu isaan irraa ta’e kan warra kafaran jaalallee godhatan argita. wanti lubbuun isaanii isaaniif dabarsite waa fokkate Rabbiin isaan irratti dallanuuf sababaa kantahe. Isaan azaaba keessattis hafoodha.
Odoo kan Rabbitti, nabiyyittiifi waan gara isaatti bu’etti amanan ta’anii, silaa isaan (mushrika) jaalallee hin godhatanu turan. Garuu isaan irraa (namoonni) hedduun finciltoota.
Dhugumatti namoota diinummaan warra amananiif akkaan cimaa ta'an yahuudotaafi mushrikoota ta’uu argita. Dhugumatti, namoota jaalalaan isaan amananitti irra dhihoo ta’an warra "nuti kiristaanota" jedhan ta’aniitiin agarta. Kun waan isaan irraa qeesonniifi monokseewwan jiraniifi isaan hin boonan.[32]
(Kiristaanonni) yeroo waan gara ergamichaa (muhammad) buufame (qur'aana) dhagayan, sababaa dhugaa beekaniif jecha kan ijji isaanii imimmaan dhangalaaftu argita. Ni jedhu: "(Yaa) Gooftaa keenya! Nuti amannee ragoota (muslimtoota) wajjin nu barreessi. [33]
Sila maaltu nuuf jiraayyi Rabbiifi dhugaa irraa waan nutti bu’etti (kan nabi muhammad fidetti) amanuu dhabna? (homaa nuuf hinjiran). Gooftaan keenya ummata gaggaarii wajjin (jannata) nu seensisuu ni kajeella" (jedhu). [34]
Sababaa waan isaan jedhaniitiin Rabbiin jannatoota laggeen ishee jala yaatu, isaan badhaase, ishee keessatti hafoodha, Kuni mindaa warra tolchitootaati.
warreen kafaranii keeyyattoota keenya kijibsiisan, isaan sun warreen ibiddaati.
Yaa warra amantan! gaggaarii waan Rabbiin isiniif hayyamee haraama hin taasisinaa. Daangaa hin dabrinaa; Rabbiin warra daangaa dabranu hin jaalatu. [35]
Waan Rabbiin isiniif hire irraa nyaadhaa, Halaala gaarii haala taheen. Rabbii Isa isin itti amantan sodaadhaa.
Rabbiin isin hin qabu kakuu keessan kan osoo itti hin yaadin kakattan (kakuu dogoggoraa) keessatti, Garuu waan kakuuf murteeffattanii (kakattaniin) isin qaba. adabbiin isaa hiyyeeyyii kudhan giddu gala waan maatii keessan nyaachiftan irraa nyaachisuu, yookiin isaan uffisuu, yookiin gabra bilisoomsuudha. Namni hin argatin, guyyaa sadi soomuu qaba. kuni adabbii kakuulee keessaniiti yogguu kakattan. Kakuulee keessan tiksaa. Rabbiin akka kanatti keeyyattoota Isaa isiniif ibsa akka isin galateeffattaniif jecha.[36]
Isin Yaa warra amantan! farsoon (kamriin), qumaarri, taaghuunni, xiyyaan hixaa (carraa) ilaallachuun (raaggachuun) najisa dalagaa sheyxaanaa irraayyii isa irraa fagaadhaa. akka milkooftaniif jecha.[37]
Wanti sheyxaanni fedhu gidduu keessanitti diinummaafi wal jibbaa buusuudha, dhugaatii macheessituufi qumaaraan. Rabbiin yaadachuufi salaata irraa isin dhorguudha. Sila isin hin dhorgamtanuu? [38]
Rabbiin tole jedhaa. Ergamas tole jedhaa (Wantoota dhorgaman kanneen irraa) eeggadhaa, Yoo irraa gara galtan immoo ergamaa keenya irra wanni jiru (ergaa keenya) geessiinsa mul'ataa tahe geessuu qofa akka tahe beekaa.
warra amananii gaarii hojjatanirra badiin hinjiru, Waan (dur) nyaatan keessatti, yeroo (Rabbiin) sodaatanii (Isatti) amananii gaggaarii hojjatan, ergasii (Rabbiin) sodaatanii (Isatti) amanan; ammas (Rabbiin) sodaatanii (dalagaa) tolchan. Rabbiin toltuu hojjattoota jaalata.
Yaa warra amantan! Rabbiin waan adamsoo irraa harkoowwan keessaniifi waraanneen keessan argatteen isin mokkora. nama ghaybiitti Isa sodaatu mul’isuuf jecha. Namni kana booda daangaa dabre isaaf adabbii laalessaatu jira. [39]
Yaa warra amantan! odoo (hajjiifii umraa) hidhattanii jirtanuu bineensa bosonaa hin ajjeesinaa. Namni isin irraa odoo beekuu ajjeese, adabbiin isaa beeylada irraa fakkii waan ajjeeseeti. isinirraa namni haqaa lama isa haamurteessuu. haala wareega taateen kan ka’abaa geeffamtu, yookiin hiyyeeyyii nyaachisuu, yookiin qixxee kanaa soomuudha. (Kunis) akka adabbii hojii isaa dhandhamuufi. Waan (dhorgamuun dura) dabre Rabbiin irra isiniif dabreera. Nama (gara badichaa) deebi’e Rabbiin haaloo irraa ba’ata. Rabbiin injifataa, abbaa haaloo ba’annaati.[40]
Isiniif eeyyamameera AdamSoon galaanaafi nyaanni isaas, itti fayyadama keessaniifi daldaltootaatiif jecha. Waan hidhannaa Hajjii keessa jirtanuun adamSoon lafa irraa isin irratti haraama godhame. Rabbii isa gara Isaatti oofamtansan sodaadhaa. [41]
Rabbiin Ka’abaa mana kabajamaa,namootaaf gadi dhaabbii (jireenya) taasiseera. ji’a kabajamaas, horii wareegaas, horii wareegaaf mallattoon morma irratti godhames (kabajeera). Kun akka Rabbiin wantoota samii keessa jiraniifi wantoota dachii keessa jiranis hunda kanbeeku tahe beektaniifi, ammas akka Rabbiin waan hunda beekaa ta’uu beektaniifi.[42]
Beekaa! Rabbiin (abbaa) adabbii cimaati. Dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
Ergamicha irra (ergaa Rabbii) geessisuu malee homaa hin jiru. Rabbiin waan isin mul’iftaniifi waan isin dhoksitan ni beeka.
Jedhi: "fokkataaniifi bareedaan wal hin qixxaatan, Odoma baay’inni wantoota fokkataa si dinqisiisellee". Yaa warra qalbii qabdan akka milkooftaniif jecha Rabbiin sodaadhaa.
Yaa warra amantan! waan yoo ifa isiniif ibsamte isin hammeessitu irraa hin gaafatinaa. Yoo yeroo Qur’aanni buufamu ishee irraa gaafattan isiniif ibsamti. Rabbiin ishee irra dabreera. Rabbiin araaramaa obsaadha. [43]
Ummanni isiniin duraa dhugumatti ishee gaafatanii, ergasii sababaa isheetiin kaafiroota tahan.
Rabbiin "Bahiiraah", "Saa’ibaa", "Wasiilaa"fi "Haam" karaa hin goone. Garuu warri kafaran Rabbirratti soba kijibu. Irra hedduun isaanii hin xiixalanu. [44]
Yeroo "gara waan Rabbiin buusee (Qur'aanaa) fi gara ergamichaa (muhammad) kottaa" isaaniin jedhame "wanti nuti abbootii keenya irratti argine nuuf ga’aadha" jedhu. Sila odoo abbootiin isaanii homaa kan hin beekneefi karaa hin qajeelle ta’anillee (isaanuma hordofuu)?(hordofuu hinqaban).
Yaa warra amantan! Lubbuu keessan (qabuun) isinirra haajiraatu, Yeroo isin qajeeltan namni jal’ate (yoo yaamtanii dide) isin hin miidhu. Deebiin keessan hundaatuu gara Rabbiiti. Waan isin dalagaa turtan isinitti hima.
Yaa warra amantan! Yeroo tokkoo keessanitti duuti dhufe yoggaa dhaamsaa jidduu keessanitti ragaan (isin irratti dirqama). nama haqaa lama kan isin irraa ta’e, yookin nama lama kan isiniin maleerraa tahe, yoo isin dachii keessa deemtanii balaan du’aa isin mudate (ragaan isin irratti dirqama). Yoo shakkitan booda salaataatii isaan lamaan dhaabdanii Rabbiin kakatu "odoma fira dhihoo ta’eeyyuu isaan (ragaa keenyaan) maallaqa hin jijjiirrannu; ragaa Rabbii hin dhoksinu; nuti yeroo san (yoo dhooysine) warra dilaawaa irraayyi" jedhanii (haa kakatanii). [45]
Yoo isaan lamaan badii haqa godhachuun beekame, fira warra (dhaala) haqa godhate irraa namni lama bakka isaan lamaanii dhaabatanii "ragaan keenya ragaa isaan lamaanii irra dhugaadha; nuti daangaas hin dabrine; yeroo san nuti miidhaa raawwattoota irraayyi" (jedhanii) Rabbiin kakatu.
Kanatu irra dhihoodha Ragaan bifa sirriin dhufuufi eega kakuulee isaaniitii kakuuleen deebifamuu sodaachuuf. Rabbiin sodaadhaatii (ajaja isaas) dhagayaa. Rabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu.
Guyyaa Rabbiin ergamoota (Isaa) walitti qabee "deebii maaliitu isiniif deebi’e" jedhu (yaadadhu). (Isaan) "nuti beekkomsi nuuf hintaane; Ati situ akkaan beekaa fagooti" jedhan.
yeroo Rabbiin jedhe (dubbadhu) “Yaa Iisaa ilma Maryam! qananii tiyya tan ani siifi haadha tee irratti oole yaadadhu. yeroo Ani ruuhiiqudus (jibriiliin) si jabeesse, haala ati daa’imummaafi ga’eessummaan nama dubbiftuun" Ammas (yeroo) Ani kitaaba, ogummaa, Tawraatiifi Injiiliin si barsiise. yeroo heyyama kiyyaan dhoqqee irraa waan akka simbiraa uumtee afuura keessatti afuuftee heyyama kiyyaan simbira taatu; yeroo heyyama kiyyaan jaamaafi shoolii (barasa) fayyiftu, yeroo heyyama kiyyaan du’aa kaaftu, yeroo (si ajjeesuu barbaadnaan) banii Israa’iil sirraa deebise, yeroo ati ragaa ifa ba’aan isaanitti dhufnaan isaan irraa warri kafaran “kuni sihrii ifa galaadha” jedhan, " (yaadadhu). [46]
Yeroo ani gara hawaariyyootaa beeksisee "Anaafi ergamaa kiyyatti amanaa" jechuu, isaanis "Nuti amanne; akka nuti Muslimoota taane ragaa bahi" jedhan (yaadadhu).
Yeroo hawaariyyoonni "Yaa Iisaa Ilma Maryam! Sila Gooftaan kee maaddii (qorii) samii irraa nuuf buusuu danda’aa?" jedhanu (yaadadhu). (Iisaanis) "Yoo mu’uminoota taataniif Rabbiin sodaadhaa" jedhe.
(Isaan) "Nuti ishee irraa nyaachuu feena jedhan. onneewwan teenya tasgabbaa’uus, ati dhugaa nutti dubbattee mirkaneeffachus (feena) nuti san irratti warra ragaa ba’an irraa ta’uu (feena)" (jedhan).
Iisaa Ilma Maryam ni jedhe: "Yaa Allaah! Gooftaa keenya! samii irraa maaddaa nyaataa nurratti buusi, tan ayyaana (guyyaa gammachuu) nuuf taatu dura keenyaafii booda keenyaafis. tan mallattoo sirraa (buute) nuuf taatu. hiree nuu hiri Ati caalaa warra rizqii kennuuti."
Rabbiin ni jedhe: "Ani ishee isinirratti buusaadha. Isin irraa namni san booda kafare, Ani adabbii aalama irraa tokkollee hin adabnen isa adaba."
Yeroo Rabbiin "Yaa Iisaa Ilma Maryam! sila situ namootaan anaafi haadha tiyya Rabbii gaditti gabbaramaa lama taasifadhaa jedhee?" jedhu (yaadadhu). (Inni) ni jedhe: "Ati qulqulloofte! Ani waan haqa naaf hin taane jechuun anaaf hin ta'u. Yoo ani isa jedheera ta'eef, ati dhugumatti isa beekteejirta. Waan lubbuu kiyya keessaa ni beekta. Ani waan nafsii kee keessaa hin beeku. Dhugumatti, ati akkaan beekaa waan fagooti. [47]
Waan ati itti na ajajje malee waan biraa isaaniin hin janne, (sun) ‘Rabbiin, Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan gabbaraa' (jechuudha). Hangan isaan keessa turetti isaan irratti ragaan ture. Erga ol nafuutee booda ati isaan irratti tiksaa taate. Ati waan hunda irratti ragaadha.
Yoo isaan adabde, isaan gabrootuma keeti. Yoo isaaniif araaramte , ati simatu injifataa, ogeessa. [48]
Rabbiin ni jedhe: "Kun guyyaa warra dhugaa dhugaan isaanii isaan fayyaduudha. Isaaniif ishee keessatti zalaalam jiraatoo ta'anii jannatoota jala ishee laggeen yaatutu jira. Rabbiin isaan irraa jaalateera. Isaanis Isarraa jaalataniiru. Kun milkii guddaadha."
Mootummaan samii, dachiifi wantoota isaan keessaa kan Rabbiiti. Inni waan hunda irratti danda’aadha.

