عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The moon [Al-Qamar] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah The moon [Al-Qamar] Ayah 55 Location Maccah Number 54

Yeroo mallattoo argan (kafaranii) (itti amanurraa) gara galaniiti “(kun) sihrii ittifufaa” jedhu.

(Qur’aana) kijibsiisanii fedha lubbuu isaanii hordofan. Wanti hunduu ragga'aadha (galma ga’aadha).

Dhugumatti, oduu (ummata durii) irraa wanti isa keessa sodaachisni jiru isaanitti dhufeera.

Beekumsi gayaaan (isaanitti dhufeera). Akeekkachiistonni homaa isaan hin fayyadu.

Isaan irraa garagali Guyyaa (qiyaamaa) kan waamaan gara waan rifachiisaa ta’eetti (isaan) waamu (yaadachiisi).

(Guyyaa san) ijji isaanii sodaan guutamteeti, qabrii (isaanii) irraa bahan kan akka awwaannisa faca’ee fakkaatan tahani.

Gooftaa isaa kadhate “Ani injifatamaadhaa naaf tumsi” (jedhee) .

Burqituuwwan dachii burqisiifnee bishaan (samiifi dachii) walitti dhufe, murtii dhugumaan murtaa’e irratti.[2]

Doonii xawulaaleefi mismaararraa taherratti isa yaabbachiifne (feene).

Tika keenyaan deemti Galata isa itti kafaramee (haa taatuuf kana goone).

Dhugumatti, Nuti mallattoo akka taatuuf ishee dhiifne. Namni ittiin gorfamu jiraa laata?

(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi sodaachisni kiyyas akkam ture laata?

(Ummanni) Aad (Huudiin) sobsiifte. adabbiin kiyyaafi akeekkachiifni kiyyaas akkam ta’e ree?

Nama ni buqqifti (Yeroo san) jirma teemiraa kan dachii irraa buqqa’e fakkaatu.

(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyas akkam ture laata?

(Ummanni) Samuudis akeekkachiisa (kiyya) kijibsiisaniiru. [3]

Sila yaadachiifni kun nu hunda gidduu isa (Nabi Saalih) qofa irratti buufamee? Lakkisaa! Inni akkaan sobaa, boonaadha.

Bishaan (gaalattii fi) isaan gidduutti qoodamus isaanitti himi. Dhugaatiin (garee) hundaayyuu dhufamaadha. [6]

Hiriyaa isaaniitti lallabaniiti, (waraana isaa) fudhatee waraane (ni ajjeese).

(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyaa akkam ture laata?

Qananii Nu biraa ta’eef (baraarre). Akka kanatti nama galata Nuuf galche galateessina.

Dhugumatti, inni (Luux) qabaa keenya isaan akeekkachiisee jira. Isaan garuu dinniinicha falmaniiru (kijibsiisaniiru).

Keessummaa isaa irraa (badii itti hojjachuuf) isa gaafatan. ijoowwan isaanii jaamsinee “adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (jenneen).

Dhugumatti, adabbiin cimaan (ittifufaan) bariidhaan isaanitti ganamfate.

Adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (isaaniin jenne).

Dhugumatti, maatii Fir’awnitti akeekkachiisonni dhufeera. [8]

(Yaa Qureeyshotaa!) Sila kaafiroota keessantu isaan kanneen irra caala moo kitaabota keessa (adabbii irraa) baraaramuutu isiniif jira?

Tuutni isaanii cabsameeti (dheefaaf) dugda gara galuuf jiru.

Dhugumatti, Qiyaamaan beellama isaaniiti. Qiyaamaan irra ulfaattuufi akkaan hadhooftuudha.

Dhugumatti, yakkamtoonni jallinaafi ibidda qabsiifamaa keessatti ta’u.

Guyyaa fuulleen isaaniirratti ibidda keessa harkifaman, “tuqiinsa Saqar (gubaa ibiddaa) dhandhamaa” (jedhamaan).

Dhugumatti, Nuti (ummata dabrerraa) fakkaattota keessan balleessinee jirra. Namni gorfamu jiraa?

Wanti isaan hojjatan hunduu galmeewwan (malaaykaan hojii namaa itti katabdu) keessa jira.

Warri Rabbiin sodaatan jannatootaafi laggeen keessa jiraatu.

Teessoo dhugaa (jannata) keessa Mootii danda’aa bira jiraatu.