عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Beneficient [Al-Rahman] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah The Beneficient [Al-Rahman] Ayah 78 Location Maccah Number 55

(ilma namaa) Qur’aana barsiise.

Akka isin miizaana keessatti hinjallanneef jecha.

Ishee keessatti fuduraaleefi mukkeen temiraa kan qolola (qola) habaaboo qabantu jira.

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

(Rabbiin) ilma namaa dhoqqee akka okkoteetti iyyu (faara) (suphee) irraa uume.

Jaannii immoo boba’aa ibiddaa (kan aara hin qabne) irraa uume.

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

(Rabbiin) Gooftaa baha lamaaniifi Gooftaa dhiha lamaaniiti. [4]

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Gidduu isaanii dahootu jira; walitti hin miidhan (walitti hinmakaman).

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Wanti ishee (dachii) gubbaa jiru hundi ni dhabama.

Fuulli Gooftaa keetii nihafa (Rabbii qofatu hafa), kan saahiba guddinaafi ulfinaa tahe.

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Yaa ulfaattota lamaanii (jinniifi namaa) isiniif raawwanna (isin herregurratti xiyyeefanna).

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Isin lamaan irratti boba’aa Ibiddarraa ta’eefi sibiila baqetu ergama (darbama). Ergasii waliif hintumsitan.

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Gidduu isheetiifi gidduu bishaan akkaan danfaa ta’ee naanna’u.

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Nama fuulduree Gooftaa isaa dhaabbachuu sodaateef jannata lamatu jira.

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Kan dameewwan dhedheeroo qaban.

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Isaan lamaan keessa madda yaa’an lamatu jira.

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Isaan lamaan keessa fuduraalee hunda irraa qindiitu jira.

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Isaan keessa (dubartoota bareedduu) (dubra) ija isaanii (dhirsa isaanii qofarratti) gabaabsan, kan isaansan dura namniifi jinniin hin tuqintu jira.

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Isaan lamaan malees jannata (biroo) lamaatu jira.

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Magariisa gurraacha’aadha.

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Isaan lamaan keessa burqituuwwan dhangala’an lamatu jiru.

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Isaan lamaan keessa fuduraalee, timiraafi rummaanatu jira.

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Isaan keessa (dubartoota) (amala) gaggaarii, (bifa) babbareedoo ta’antu jira.

Qananiilee Rabbii keesanii keessaa (isin lameen jinniifii namaa) kam kijibsiiftan?

Dubartoota manneen keessatti (dhirsa irratti) gabaabfamantu jiru.