The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Event, The Inevitable [Al-Waqia] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Event, The Inevitable [Al-Waqia] Ayah 96 Location Maccah Number 56
Yeroo argamtuun (Qiyaamaan) buute. [1]
Argama isheetiif kijibsiiftuun hin jirtu.
(kaafira) Gadi qabduu, (mu'imina) ol fuutuudha.
Yeroo dachiin sossoha cimaa sossoofamte.
(Yeroo) gaarreenis facaafamiinsa facaafamte,
Dhukkee facaafamtuu taate,
(Yeroo) Isinis garee sadi taatan,
(Gareen tokko) warra mirgaati; warri mirgaa akkam (milkaa’oo dha)! [2]
(Gareen lammaffaan) warra bitaati; warri bitaa akkam (hoonga’oo dha)![3]
(toltutti) dursitoonni (jannatatti) dursitoota.
Isaan (Rabbitti) dhiheeffamoota.
Jannatoota qananii keessatti ta’u.
Warra duraa irraa baay’eedha.
Warra boodaa irraa immoo xiqqoodha.
Sireewwan dhawamte irratti ta’u.
Fuulaan walitti garagalanii ishee irratti irkatoo tahanii.
Ijoollee (ijoollummaan) yeroo hunda jiraatantu isaan irra naannawa.
Kubbaayyaa, quluufi geeba (xoofoo) farsoo irraa ta’een.
Isii irraa hin bowwaafatan; hin machaa’anis.
Fuduraalee irraa waan isaan filataniin (irra naanna’u).
Foon allaattii irraas waan isaan fedhaniin.
Dubra adaadii ija babal’ootu (isiniif jira.)
Akka faaya eegamaa kan fafakkaatan.
Mindaa waan hojjataa turaniif jecha (kana isaaniif goone).
Isii (jannata) keessatti wacaafi wal yakkuu hin dhaga’an.
“Nagayaa nagayaa (waliin) jechuu malee” (hin dhaga’an).
Warri mirgaa; warra mirgaa (waa’een isaanii akkam tola!).
(Isaan) mukkeen qurquraa kan qoree hin qabne keessa jiraatu.
Muuza (gur'uun isaa) firiidhaan guutame (keessa jiraatu).
Gaaddisa diriirfamaa (keessa).
Bishaan dhangala’u (biratti).
Fuduraalee baay’ee (keessa).
Kan hin cinneefi kan irraa hin dhorgamne (keessa).
Firaasholee ol fuudhamtuu (keessa jiraatu.) [4]
Nuti (dubartoota jannataa) uuminsa isaan uumne.
Dubroota isaan goone. (kan dhiirti amma dura hintuqin).
Jaalattoota (abbaa manaa), kan hiriyoota ta’an (isaan goone).
Warreen mirgaatiif (qophaa’an).
Hedduun (isaanii) warra duraa irraayi.
Warra boodaa irraahis baay’eedha.[5]
Warra bitaa; warri bitaa akkam (fokkatu)!
Ibidda laalessaafi bishaan danfaa keessa jiraatu.
Gaaddisa aara gurraacha irraa ta’e keessa.
(Gaaddiisa) qabbanaa’aa hin ta’iniifi gaariis hin ta’in.
isaan sana dura (duniyatti) qanansiifamoo turan.
Dilii guddaa (kufrii) itti fufu turan.
(kaafamiinsa mormaniiti) “Sila yeroo duunee biyyeefi lafee taane, nuti kaafamoodhaa?” jedhaa turan.
“Abbootiin keenya kan jalqabaas moo? (nikaafamuu?)” (jechuu turan).
“(Yaa Muhammad!) jedhiin isaan jalqabaatii fii isaan boodaas (ni kaafamu)”.
Beellama guyyaa beekamaa (guyyaa qiyaamaa) keessatti walitti qabamuuf jiru.
Ergasii isin yaa jallattoota sobsiiftotaa!
Muka Zaqquum irraa nyaatoodha. [6]
Ishee irraas garaalee keessan guuttatoodha.
Isa irrattis bishaan danfaa dhugoodha.
Dhugaatii akka gaala dheebotee (heddummeessanii) dhugdu.
Kun keessummummaa isaanii kan guyyaa murtiiti.
Nuti isin uumnee; maaliif hin dhugoomsine?
Waan (maniyyii) (gadaamessaa jaartii teessanii keessatti) dhangalaaftan san mee naaf himaa?
Sila isintu isa uumamoo? Nutu uumoodha?
Nutu du’a gidduu keessanitti murteesse. Nuti dadhabsiifamoo miti.
Fakkaataa keessan jijjiiree, waan isin hin beekne keessatti isin uumuu irratti (dadhaboo miti).
Dhugumatti, akkaataa uumama jalqabaa beektanii jirtu; maaliif hin gorfamne?
Mee waa’ee waan facaaftanii naaf himaa!
Isintu isa biqilcha moo Nutu biqilchoodha?
Odoo feenee caccabaa goona. kan dinqisiifattan taatan.
“Nuti dhugumatti hoonga’oodha”(jettu).
“Lakkisaa; nuti dhorgamoodha” (waliin jettu).
Mee waa’ee bishaan dhugdanii san Naaf himaa?
Sila duumessa irraa isintu isa buusee (roobse)? Moo Nutu (isa) buusoodha (roobsoodhaa)?
Odoo feenee soogiddoo (kuraawaa) isa goona. Sila maaliif (Rabbiin) hin galatoomfanne?
Mee waa’ee ibidda qabsiifattanii san naaf himaa?
Sila muka ishee isintu biqilchee? Moo Nutu biqilchoodha?
Nuti isii (bidda tana) gorsaafi qananii imaltootaa goone.
Maqaa Gooftaa kee guddaa faarsi.
Seensa urjiiwwaniitiniin kakadha.
Inni odoo beektanii kakuu guddaadha.
Inni Qur’aana kabajamaadha. [7]
Kitaaba akkaan eegamaa (Lawhal Mahfuuz) keessatti tahe.
Warra qulqulluu malee (eenyulleen) isa hin tuqu.
Gooftaa aalama hundaa irraa (Nabi muhammad s.a.w. irratti) buufamaadha.
Sila haasawa kanaa isin kijibsiisoodha?
(Galata) rizqii (rooba) keessanii kijibsiisuu gootanii? [8]
sila Yeroo (lubbuun) kokkee geesse, (maaliif hin deebiftanuu)?
Odoo yeroo san isin (nama du'utti jiru san) ilaaltanuu,
Nuti isin caalaa gara isaatti dhihoo jirra garuu Isin hin argitan malee.
Yoo (kaafamtanii) kan galata hin galfamne taatan (lubbuu san deebisaa).
Yoo kan dhugaa dubbattan taatan maaliif (lubbuu bahaa jirtu san) hin deebiftanii?
Yoo inni (namni du’e sun) namoota (qajeeloo) Rabbitti dhiyeeffaman irraa ta’e,
(Isaaf) haara galfii, gammachuufi jannata qananiitu jira.
Yoo inni (nama qajeelaa) warra mirgaa irraa ta’e immoo,
Warra mirgaarraa waan taateef nagaan siif haa jiraatu” (isaan jedhama)
Yoo kijibsiiftota jallattoota irraa ta’e immoo,
Isaaf keessummummaa bishaan danfaa irraa ta’etu jira.
Jahiim seenuutu isaaf jira.
Inni (wanti suuraan ibsite) kun haqa mirkanaa’aadha.
Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi (qulqulleessi).

