The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Hypocrites [Al-Munafiqoon] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Hypocrites [Al-Munafiqoon] Ayah 11 Location Madanah Number 63
Munaafiqoonni yeroo sitti dhufan "ati Ergamaa Rabbii ta'uu kee ragaa baana" jedhu. Rabbiin ati Ergamaa isaa ta'uu ni beeka. Munaafiqoonni kijibdoota ta'uu Rabbiin ragaa ba'a. [1]
Kakuulee isaanii gaachana godhatanii karaa Rabbii irraa (namoota) deebisan. Isaan wanti isaan dalagaa turan fokkate. [2]}
Kun sababa isaan amananii ergasii (dhooysaan) kafaraniifi, onneewwan isaanii irratti cufame, isaan hin hubatan.
Yeroo isaan argite qaamoleen isaanii si dinqisiifti. Yoo isaan haasa'anis dubbii isaanii ni dhageeffata. Isaan akka mukkeen (dibaa)(gudeelcha) hirkifameeti. Iyya hundaa isaan irratti (iyyame) jechuu yaadu. Isaanumatu diinota isaan eeggadhu. Rabbiin isaan haa abaaruu akkamitti (amantii irraa) deebi'an!
Yeroo "kottaa Ergamaan Rabbii araarama (Rabbi) isiniif haa kadhatuu" isaaniin jedhame (qishnaaf jecha) mataalee isaanii naannessu, Kan isaan boonaa gara galan ni argita.
Araarama isaanii kadhattus isaanii kadhachuu baattus isaan irratti wal qixa; Rabbiin isaaniif hin araaramu. Rabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu.
Isaan warra "namoota Ergamaa Rabbii bira jiranirratti hin arjoominaa hanga isaan faffaca'anutti " jedhanuudha. Kuusaaleen samiileefi dachii kan Rabbiiti; garuu munaafiqoonni hin hubatanu.
Nijedhan "Yoo gara Madiinaa deebine, jajjaboonni lallaafota baasuuf jira". Injifannoon kan Rabbiiti, kan Ergamaa Isaatiifi kan mu’uminootaati; garuu munaafiqoonni hin beekan. [3]
Yaa warra amantan! Qabeenyaaleen keessaniifi ilmaan keessan zikrii Rabbii irraa isin hin dagin, Namni kana dalage isaan isaanumatu hoonga'oota.[4]
Waan nuti isiniif kennine irraa kennadhaa Odoo tokkoon keessan duuti itti dhuftee hinjenneen dura. "Gooftaa kiyya! Odoo hanga beellama gabaabaatti na tursiiftee, silaa dhugumatti, sadaqadheen warra gaggaarii irraayis ta'a"
Rabbiin lubbuu takkallee yeroo beellamni ishee dhufe hin tursiisu. Rabbiin keessa Beekaa waan isin dalagdaniiti.

