The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesMutual Disillusion [At-Taghabun] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah Mutual Disillusion [At-Taghabun] Ayah 18 Location Madanah Number 64
Wanti samiilee keessaafi wanti dachii keessaa hundi Rabbiin qulqulleessa. Mootummaan kan Isaati; faarunis kan Isaati. Inni waan hunda irratti danda'aadha. [1]
Inni Isa isin uume Isin irraa Kaafirris ni jira; isin irraa Mu'uminnis ni jira. Rabbiin waan isin dalagdan argaadha.
Samiileefi dachii dhugaan uume. Isinis bocee boca keessan bareeche, Deebiin (guyyaa qiyaamaa) garuma isaati (hojii keessanirratti galata isiniif galcha).
Wantoota samiileefi dachii keessa jiru hunda ni beeka; akkasumas waan isin dhoksitaniifi waan isin mul'iftan ni beeka. Rabbiin waan qomoowwan keessaa beekaadha.
Sila oduun warra duraan kafaranii isinitti hin dhufnee! adabbii kufrii isaanii (aduniyatti) dhandhaman, Isaaniif (aakhiratti) ibidda laalessaatu jira.
Kunis sababa ergamtoonni isaanii ragaa iftuudhaan isaanitti dhufnaan "sila namatu nu qajeelchaa?" jedhanii kafaranii irraayis garagalaniifi. Rabbiin of ga'e. Rabbiin dureessa faarfamaadha.
Isaan kafaran (erga du'anii) hin kaafamanii dubbatan. jedhiin "Lakkii! Gooftaa kiyyatti kakadhee ni kaafamtu; ergasii wanti dalagdan hunduu isinitti himama. Sun Rabbirratti laafaa dha".
Rabbiifi Ergamaa Isaatti (muhammaditti) amanaa. akkasumas ifaa isa Nuti buufnetti (qur'aanatti)(amanaa). Rabbiin waan isin hojjattan hunda keessa beekaadha.
Guyyaa wal gahichaatiif guyyaa (Rabbiin) walitti isin qabu san [yaadadhaa]. Sun guyyaa dagamuuti. Namni Rabbitti amanee toltuu dalage (Rabbiin) diliilee isaa isarraa harcaasa. Jannatoowwan jala ishee laggeen yaatu isa seensisa haala isii keessatti abaditti hafoo ta'aniin. Sun milkii guddaadha.
Isaan kafaranii keeyyattoota keenya sobsiisan, isaan warra ibiddaati ishee keessatti hafoodha. (Isheen) deebii ta'uun waa hammaattee!
Hamtuu irraa wanti tokkollee hayyama Rabbiitiin malee nama hin tuqu. Nama Rabbitti amane qalbii isaa ni qajeelcha. Rabbiin waan hunda beekaadha. [2]
Rabbihn tole jedhaa; Ergamas (muhammad) tole jedhaa, Yoo gara galtan wanti Ergamaa Keenya irra jiru (ergaa itti kenname) geessiinsa mul'ataa qofa.
Rabbiin, dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiru. Mu'umintoonni Rabbi qofarratti haa irkatanii.
Yaa warra amantan! niitolii keessaniifi ilmaan keessan irraa warra isiniif diinaatu jira; kanaafuu, isaan eeggadhaa. Yoo dhiifama gootanii irra dabartaniifii araaramtan (sanatu isiniif caala). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha. [3]
Qabeenyaaleen keessaniifi ilmaan keessan mokkoroodha (qormaata). Rabbiin Isa bira mindaa guddaatu jira (sun jannata). [4]
Hanga dandeessan Rabbiin sodaadhaa; (ajaja Rabbii) dhagayaa; (Isaafis) ajajamaa; (karaa Rabbii keessatti kennadhaa) arjoomaas; sanatu lubbuulee teessaniif caala. Namni don'ummaa lubbuu isaa (irraa) tikfame, isaan isaanumatu milkaa'oodha.
(karaa isaa keessatti kennachuudhaan) Yoo liqii gaarii Rabbiif liqeessitan, dachaa isiniif godha; isiniif araaramas. Rabbiin galateeffataa obsaadha.
(Rabbiin) beekaa fagoofi dhihoo injifataa, ogeessa.

