The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Pen [Al-Qalam] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Pen [Al-Qalam] Ayah 52 Location Maccah Number 68
Nuun Qalamaafi waan (namoonni) barreessaniinin kakadha.[1]
Ati qananii Gooftaa keetiitiin (nabiyyummaa inni siif kenneen) maraataa hin taane.
Dhugumatti, siif mindaa hin cinnetu jira.
Ati amala (naamusa) guddaa irra jirta. [2]
Fuulduratti arguuf jirta; isaanis arguuf jiru.
Eenyuu keessanitti maraattummaan jirtii (arguuf jirtu).
Gooftaan kee Isatu nama karaa Isaa irraa jallate akkaan beeka; qajeeltotas inni beekaadha. [3]
Kijibsiiftota tole hinjedhin.
Odoo ati (ejjannoo kee) laaffiftee [Isaan] laaffisanii hawwan (jaalatan).
Akkaan kakataa salphataa hundaaf hin ajajamin.
Akkaan hamataa, (nama waldhabsiisuuf) faradaan akkaan deemaa kan ta'eef (hin ajajamin).
Toltuu kan akkaan dhorgu, namatti roorrisa (daangaa dabraa), dilaawaafis.
Gara jabeessa, sana booda immoo diqaalaa (galtuu) kan ta'eef (hin ajajamin).
Waan abbaa qabeenyaafi ilmaanii ta'eef (boonee kafare).
Yeroo keeyyattoonni Keenya isa irratti dubbifamtu, "(kun) ogbarruu warra duriiti" jedhe.
Funyaan irratti isa mallattoo goona.
Nuti akkuma abbootii ashaakiltii yeroo isaan bariidhaan ishee funaannachuuf kakatan qormaannetti, isaanis (mushrikoota Makkaas) qormaanneerra.
Siinoo hin baasanu (yoo Rabbiin fedhe hin jedhan).
Odoo isaan rafanuu, naanna'aan Rabbii kee biraa ta'e ishee irra (adabbiin) naanna'e. [4]
(Gubattee) Akka halkan dukkanaa (cilee) taatee bulte.
Bariidhaan walitti lallaban.
"Yoo kan oomishattan taataniif oyruu teessan irratti bariifadhaa (ganamaan bahaa)" (waliin jedhan). [5]
Walitti hasaasaa (gara oyruu) deeman.
"Har’a hiyyeessi tokkoyyuu isinirratti akka ishee hin seenne" (jechuun hasaasan).
(akka yaada isaaniitti) (Hiyyeeyyii) dhowwuu irratti danda'oo ta'anii bariisifatan.
Yeroo ishee (gubatte) argan ni jedhan: "nuti karaa badoodha.
lakkii nuti (ooyruun teenya gubachuudhaan) hoongeffamoodha."
Irra filatamaan isaanii "sila maaliif Rabbiin hinqulqulleesine (subhaanallaahi hinjenne) isiniin jedhee hin turree?" jedhe.
"Gooftaan keenya qulqullaa'e; nuti miidhaa hojjattoota taaneerra" jedhan.
Kan wal komatan ta’anii gariin isaanii garii irratti garagale.
Ni jedhan: "yaa badii keenya! Nuti (hiyyeeyyii dhoorgatuun) daangaa dabritoota taanee jirra.
Gooftaan keenya kan ishee caaltu bakka nuuf buusuu kajeella. Nuti gara Gooftaa keenyaa kajeeloodha” (jedhan).
Adabni (addunyaa) akkanuma; adabbii Aakhiraatu irra guddaadha Odoo kan beekan tahanii (irraa of tiksu turan).
Warra Rabbiin sodaataniif Gooftaa isaanii bira Jannata qananiitu jira.
Sila Nuti muslimoota akka (kuffaarotaa) yakkamtootaa ni goonaa?
Maalumatu isiniif jira? Akkamitti (murtii jalloo tana) murteessitu!
Moo kitaaba (samii bu'e) kan isa keessaa dubbiftantu isiniif jiraa?
Kan isa keessa wanti isin filattan jiru (qabduu)? (hinqabdan).
Moo Sila kakuulee nurratti taheetu kan Guyyaa Qiyaamaa keessatti bakka ga'aa ta'etu isiniif jira moo ‘wanti isin murteessitan isiniif jiraa?
Eenyuu isaaniitu sanaaf (waan himattan san argachuuf) wabiidhaa isaan gaafadhu.
Moo Sila shariikota (kan murtee isaanii dhugoomsu)tu isaaniif tahee? Yoo kan dhugaa dubbatan ta'aniif shariikota isaaniitiin haa dhufanii (haafidanii).
Guyyaa mogolee irraa saaqamee (munaafiqoonni) gara sujuudaa waamamanii hin dandeenye san [yaadadhu].
Ijjoonni isaanii sodaattuu taatee xiqqeenyis isaan haguuga. Dhugumatti, isaan odoo fayyaa qabanuu (addunyaa irratti) sujuudatti waamamaa turan.
Anaafi nama haasa'a (Qur'aana) kana sobsiisu walitti nu dhiisi; Nuti suutaan karaa isaan hin beekne irraa isaan qabna.
(akka jallina keessa turaniif) Yeroon isaaniif kenna. Tooftaan Kiyya (kan kaafirootarratti tahe) cimaadha.
Moo Sila mindaa isaan gaafatteeti kafaluuf itti ulfaatemoo (maali)?
Sila (beekkomsa) iccitii fagoottu isaan biratti tahee, kan isaan barreessan?
Murtii Gooftaa keetiitiif obsi. Akka saahiba qurxummii hintahin yeroo lallabe inni yaaddoon guutame. [6]
Odoo ni'imaan Gooftaa isaa irraa taate isa dhaqqabuu baattee, silaa komatamaa ta'eeti dirree biqiltuu hin qabne irratti darbama ture.
Gooftaan isaa isa filateeti (gabroota isaa) gaggaarii irraa isa godhe.
Isaan kafaran (laalcha hamaa) ijoowwan isaaniitiin lafaan si dhahuutti dhihaatan. yeroo yaadachiisa (qur'aana) dhaga'an "inni maraataa dha" (siin) jedhan.
Inni (qur'aanni) aalama hundaaf yaadachiisa malee hin taane.

