The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe reality [Al-Haaqqa] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The reality [Al-Haaqqa] Ayah 52 Location Maccah Number 69
Mirkaneessituun (qiyaamaa) [1]
Mirkaneessituttiin maali?
Mirkaneessituttiin maal akka taate maaltu si beeksise?!
(Ummanni) Samuudiifi Aad rukuttuu qalbii (Qiyaamaa) sobsiisaniiru.
Samuud iyya daangaa darbaadhaan balleeffaman.
Aad immoo qilleensa sagalee cimaa (qorrituu) akkaan bubbisuun balleeffaman.
Halkan torbaafi guyyaa saddeetiif walitti aansee isaan irratti erge. Ishee keessatti ummata kan jirma timiraa hundeen buqqifame fakkaatanii kukkufan argita.
Sila isaan irraa haftee wahii ni argitaa?
Fir'awn, warri isa duraatiifi (gandoonni) gombifamtoonnis diliidhaan dhufan. [2]
Ergamaa Gooftaa isaaniitti fincilan qabaa cimtuu isaan qabe.
Nuti yeroo bishaan daangaa dabru doonii (nabi nuuh) keessatti isin yaabbachiifne (nagaya isin baafne).
Akka ishee isiniif gorsa goonuufi gurri waa hubattus akka ishee hubattuuf (kana goone).
Yeroo Garrii ykn Faaggaa (xurumbaa) keessa afuuffaan tokkittiin afuufamte, [3]
Dacheeniifi gaarreenis ol fuudhamanii caccabiinsa tokkittii caccaban,
Guyyaa san argamtuun (Qiyaamaan) ni argamti.
Samiinis ni baqaqxi; isheen guyyaa san laaftuudha.
Maleeykonni daangawwan ishee irratti ta'u. Arshii Gooftaa keetii guyyaa san (maleeykota) saddeettu gubbaa isaaniitti baadhatu.
Guyyaa san (murtiidhaaf) ni dhiyeeffamtuu, (iccitiin) dhokattuun isin irraa taate hin dhokattu.
Namni kitaaba isaa mirga isaatiin kenname ni jedha: “hoodhaa kitaaba kiyya dubbisaa. [4]
Ani qormaata koo qunnamuu (qiyaamaa gaafatamuu) dhugoomseen ture.”
Inni jireenya jaalatamtuu keessa ta'a.
Jannata ol fuudhamtuu keessa (ta'a).
Kan firiiwwan ishee (guurachuuf) dhihoo ta'an;
" Nyaadhaa; dhugaa" gammadoo ta’aatii, Waan guyyoota darban keessa dabarfattaniif jecha (isaaniin jedhama). [5]
Ammoo Namni kitaaba isaa bitaa isaatiin kenname ni jedha: "yaa gaabbii tiyya! Odoon kitaaba kiyya kennamuu baadhee. [6]
Qormaanni kiyya maal akka ta'es (odoon) beekuu baadhee.
Odoo (dduti addunyatti du'e sun) isheen xumura (jiruu) kiyyaa taateen hawwa!
Qabeenyi kiyya homaa narraa hindeebifne (fayyadne).
Taaytaan tiyyas narraa bade” (jedha).
(Maleykotaan nijedhama) Isa qabaatii isa hidhaa (sakaalaa).
Ergasii ibidda isa seensisaa.
Ergasii sansalata dheerinni isaa dhundhuma torbaatama ta'e keessa isa seensisaa.
Inni Rabbii Guddaatti hin amanu ture.
Hiyyeeyyii nyaachisuu irrattis (namoota) hin kakaasu ture.
Har’a asitti firri isaaf hin jiru. [7]
Nyaannis malaa (warra ibiddaa) irraa malee hin jiru.
Warra dilaawoo malee isa hin nyaatu.
Waan isin argitaniin kakadha.
Waan isin hin argineenis (niin kakadha).
Inni (Qur'aanni) jecha ergamaa kabajamaati. [8]
Inni jecha weellisaatii miti; xiqquma qofa amantan.
Jecha raagaatiis miti; xiqqoo qofa gorfamtan.
Gooftaa aalama hundaa irraa (Muhammad irratti) buufamaadha.
Odoo (Muhammad) garii jechootaa (kan Nuti hin jedhin) Nurratti dubbatee,
Silaa Nuti mirgaan isa qabna turre.
Ergasii hidda onnee isarraa murra turre.
Isin irraa namni isarraa dhorgu tokkollee hin jiru.
Innis (Qur'aanni) warra Rabbiin sodaataniif gorsa.
Dhugumatti isin irraa namoonni (Qur'aana) sobsiisan akka jiran Nuti ni beekna.
Inni (Qur'aanni) kaafiroota irratti gaabbiidha. [9]
Inni (Qur'aanni) dhugaa mirkanaawaadha.
Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi.

