The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe heights [Al-Araf] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The heights [Al-Araf] Ayah 206 Location Maccah Number 7
[1] Alif Laam Miim Saad
(Kun) kitaaba gara keetti buufame. Isa (geessuu) irraa qoma kee keessa dhiphinni hin jiraatin, Akka isaan akeekkachiiftuufi mu’uminootaaf gorsa ta’uuf (buufne).
Waan Gooftaa keessan irraa gara keessanitti buufame hordofaa, Jaalalleewwan (biraa) isaa gaditti hin hordofinaa, Xiqqoo qofa gorfamtu.
Magaalota irraa (warra magaalotaa irraa) kan Nuti balleessinee meqaa meeqa (hedduudha), kan adabbiin keenya halkan yookiin guyyaa isaanii rafuutti jiruu isheetti dhufe.
Yeroo azaabni keenya isaanitti dhufu jechi isaanii "nuti miidhaa raawwattoota turre" jechuu malee waan biraa hin taane.
Dhugumatti, isaan (ergamaan) gara isaaniitti ergame (ummata) ni gaafanna; ergamtootas ni gaafanna.
Dhugumatti, (hojii isaanii) beekumsaan isaan irratti odeessina, Nuti (kana irraa) fagoo hin taane.
وَٱلۡوَزۡنُ يَوۡمَئِذٍ ٱلۡحَقُّۚ فَمَن ثَقُلَتۡ مَوَٰزِينُهُۥ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡمُفۡلِحُونَ [٨]
Miizaanni guyyaa san dhugaadha. Namni madaalli (hojii gaarii) isaa ulfaatte, isaan sun isaanumatu milkaayoodha.
Namni madaalli (hojii gaarii) isaa haffallate immoo, isaan sun warra waan keeyyattoota keenya (kijibsiisanii) miidhaa turaniif lubbuulee isaanii hoongessaniidha.
Dhugumatti, dachii keessa isinii mijeessinee ishee keessas waan ittiin jireenyaa isiniif gooneerra; Galateeffannaan keessan xiqqoodha.
Dhugumatti, isin uumneerra, Ergasiis isin bocne, Ergasiis maleykotaan "Aadamiif sujuudaa" jenne, Achumaan sujuudani; Ibliis malee, Inni warra sujuudan irraa hin taane. [2]
(Rabbis) "Yeroo ani si ajaju, sujuuduu irraa maaltu si dhorge?" jedhe, (Ibliis) "Anatu isa caala; Ibidda irraa na uumteetiin isa dhoqqee (biyyee) irraa uumte" jedhe.
(Rabbiin) "ishee irraa gadi bu’i; Ishee keessatti boonuun siif hin taane; bahi ati warra salphattoota irraayi" jedheen. [3]
(Ibliis) "Hanga guyyaa (qiyaamaa) isaan kaafamaniitti na tursiisi" jedhe.
(Rabbiin) "Ati warra tursiifaman irraayi" jedheen. [4]
(Ibliis) ni jedhe: "Waan ati na jallifteef, Dhugumatti, karaa kee qajeeloo irran isaaniif (ilmaan aadamiif) taa’a. (karaa keetirraa isaan jallisa).
Ergasii fuuldura isaaniitiin, duuba isaaniitiin, mirgaawwan isaaniitiin fi bitaawwan isaaniitiin isaanitti dhufa. Irra hedduu isaanii galateeffattoota ta'anii hin argitu." [5]
(Rabbiin) ni jedhe: "Ishee irraa arrabsamaa, fageeffamaa haala taateen bahi. Isaan irraa namoota si hordofe, isin hunda irraan Jahannama guuta.
Yaa Aadam! Atiifi niitiin tee jannata keessa taa'aa (qubadhaa); bakka feetan irraa nyaadhaa. mukattii tanatti immoo hin dhihaatinaa Miidhaa raawwattoota irraa taatu."
Shayxaanni isaan lamaanitti hasaase isaanitti mul’isuuf waan isaanirraa dhokate qaama saalaa isaanii irraa; nijedhe "Rabbiin keessan mukattii tana irraa waa isin hindhoorgine akka isin lamaan malaykota hin taaneef malee, yookiin akka isin lamaan (jannata keessatti zalaalam) hafoo hin taaneefi malee".
"Ani isiniif warra toltuu yaadan irraayi" (jechuun) isaan lamaaniif kakate.
Gowwoomsuun isaan jallise, Yeroma isaan mukattii dhandhaman, qaamni saalaa isaanii isaanitti mul'atte; isaanis (qaama isaanii) baala jannataatiin uf haguuguutti seenan, Gooftaan isaanii isaanitti lallabe "Sila Ani mukattii tana (nyaachuu) irraa isin hin dhorginee? shayxaanni isin lamaanif diina ifa ta’e isiniin hin jennee?" (jedheen).
"Gooftaa keenya! lubbuulee teenya miinee jirra. Yoo ati nuuf hin araaramneefi rahmata nuuf hin goone nuti Dhugumatti warra hoonga’an irraa taana" jedhan.
(Rabbiin) ni jedhe: "Gariin keessan gariif diina haala taataniin gadibu’aa, Isiniif dachii irra qubsumaafi qananii hanga yeroo murtaa’eetu jira." [6]
"Isheedhuma keessa jiraattu; ishee keessattis duutu (awwaalamtu); ishee irraas baafamtu (qabrii teessanirraa guyyaa qiyaamaa kaafamtu)" jedheen.
Yaa ilmaan Aadam! Nuti uffata qaama saalaa keessan haguuguufi (uffata) faayaa isin irratti buufnee jirra. Uffata sodaa Rabbii, saniitu caala. Kun mallattoowwan Rabbii irraayi; akka isaan yaadataniif (isaaniif himne).
Yaa ilmaan Aadam! akka shayxaanni (dilii isinii bareechuun) isin hin mokkorre, Akka abbaafi haadha keessan (dogoggorsiisee firii muka irraa dhoowwamanii nyaachisee) jannata irraa baasetti, uffata isaanii isaan irraa mulqee qaama saalaa isaanii isaanitti mul’isuuf. isaafi gosti isaa iddoo isin isaan hin agarre irraa isin argu. Nuti warra hin amanneef shayxaanota jaalalleewwan goonee jirra.
Yeroo waan fokkattuu hojjatan "abbootii keenya ishee irratti agarre; Rabbiinis isheetti nu ajaje" jedhu. jedhi "Rabbiin fokkatuuwwanitti hin ajaju, Sila isin waan hin beekne Rabbi irratti jettanii?".
Jedhi "Gooftaan kiyya haqatti ajaje. Masjida hunda biratti fuulleen keessan (ibaadaaf gara isaa) sirreessaa. Amantii keessan isaaf qulqulleessoo haala taataniin isa gabbaraa, Akkuma isin jalqabetti deebitu (du'a boodas Rabbiin isin kaasa)"
Garii ni qajeelche; garii immoo jallinni isaan irratti mirkanaa’e, isaan Rabbii gaditti shayxaanota jaalalleewwan taasifatan, Isaan qajeeltota uf sehan. [7]
Yaa ilmaan Aadam! Masjida hunda birattuu bareechifannaa (uffata) keessan qabadhaa. Nyaadhaa, dhugaa, daangaa hin dabrinaa, Inni daangaa dabritoota hin jaalatu.[8]
"Namni bareechifannaa (uffata) ishee Rabbiin gabroota Isaatiif baaseefi soorata irraas gaggaarii dhorge eenyu?" jedhi. Isheen jiruu addunyaa keessatti warra amananiifi Guyyaa Qiyaamaa dhuunfaa isaaniiti" jedhi, Akka kanatti keeyyattoota ummata beekaniif addeessina.
Jedhi: "wanti Gooftaan kiyya haraama godhe dilii fokkatoo, isherraa waan mul'ateefii waan dhokate, dilii, haqaan maletti roorrisuu, waan inni ragaa isaaf hin buusin Rabbitti qindeessuufi Rabbi irratti waan hin beekne jechuudha."
Ummata (dhaloota) hundaafuu yeroo murtaa’etu jira. Yeroo beellamni isaanii dhufe sa’aatii tokko (yeroo gabaabduu takka) booda hin aanfamanu; duras hin dabranu.
Yaa ilmaan Aadam! Yoo ergamtoonni isin irraa ta’an isinitti dhufan kan keeyyattoota kiyya isin irratti qara’an (itti amanaa jala deemaa). namni (Rabbiin) sodaatee hojii tolche, sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanus.
Warri keeyyattoota keenya kijibsiisanii ishee irraa boonan, isaan warra ibiddaati; isaan ishee keessatti hafoodha.
Nama Rabbiin irratti kijiba kijibe yookiin keeyyattoota Isaa kijibsiise caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? (tokkolleenuu hinjiru). Sunniin qoodni isaanii kitaaba irraa haala ta'een isaan dhaqqaba; hanga Ergatmoonni keenya lubbuu isaanii kan fuudhan ta'anii isaanitti dhufan "Warri Rabbii gaditti gabbaraa turtan eessa jiru?" jedhu. "Nurraa badaniiru" jedhu. Isaan kaafiroota tahuu lubbuulee isaanii irratti ragaa ba’an.
(Rabbiin) ni jedha: "Isin ummatoota isin dura dabran keessa seenaa kan jinnootaafi namoota irraa ta’an ibidda keessatti (tahaa). " Ummanni kamuu dhawaata seentuun obboleettii ishee (kan ishee jallifte) abaarti, hanga hundi isaanii ishee keessatti walitti qabamanitti isheen boodaa ishee duraatiin "Gooftaa keenya! Isaan kun nu jallisanii jiru, azaabz dachaa ta’e ibidda irraa isaaniif kenni" jette. (Rabbiin) "Hundaafuu dachaatu jira, Garuu isin hin beektanu" jedhe. [9]
Warri dura isaanii (hoggantoonni) warra booddee isaaniitiin (hordoftootaan) ni jette "isiniif nurra caaliinsi wahii hin taane; Waan hojjachaa turtaniif jecha azaaba dhandhamaa".
Isaan keeyyattoota keenya kijibsiisaniifi ishee irraa boonan, hulaaleen samii isaaniif hin banamtu. Hanga gaalli qaawwa lilmoo keessa seenutti jannatas hin seenanu. Akka kanatti yakkamtoota (adabbiin) galata galchina. [10]
Isaaniif Jahannam irraa firaashiitu jira, gubbaa isaaniitii immoo haguuggiitu (jira). Akka kanatti miidhaa raawwattoota (adabaan) galata galchina. [11]
Isaannan amananii, gaggaarii hojjatan, Nuti lubbuu takkas dandeettii ishee malee hin dirqisiifnu; isaan sun warra jannataati, Isaan ishee keessatti hafoodha (zalaalm jiraatoodha).
(jannata keessatti) Jibbaarraa waan qomoota isaanii keessa jiru ni baafne, Laggeen jala (gamoo) isaanii yaati, "Faaruun kan Rabbii kanaaf nu qajeelcheeti, Odoo Rabbiin nu qajeelchuu baatee hin qajeellu turre; ergamoonni Rabbii keenyaa dhugaadhaan dhufte" jedhan. "Jannata tana dhaalchifamtan sababa waan (gaarii Rabbiin jaalatu) hojjataa turtaniitiif" (jechuudhaan) lallabaman.
(eega warri jannataatiifii warri ibiddaatis bakka isaa seenee qubate) Warri jannataa warra ibiddaatti lallabu "Nuti waan Gooftaan keenya waadaa nuuf seene dhugaa haala ta’een arganneerra. Isin waan Gooftaan keessan waadaa isiniif seene haala dhugaa ta’een argattanii jirtuu?" (jedhaniin). "Eeyyeen" jedhan. Lallabaan gidduu isaaniitti ta’e nilallabe "Abaarsi Rabbii miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu" (jedhe).
(Isaan) warra karaa Rabbii irraa deebisaniifi akka isheen jallattu fedhaniidha, Isaan Aakhiratti kafaroodha.
Gidduu isaanii haguuggaatu jira, A’araafirra dhiirota hundayyuu mallattoo isaanitiin beekantu jiru, Warra jannataatti lallabu "nageenyi isin irratti haa jiraatu" jechuun. Isaan (warri a’araaf) haala kan ishee kajeelan ta'aniin ishee hin seenne. [12]
Yeroo ijjoonni isaanii gara warra ibiddaa deebifamte "Gooftaa keenya Ummata miidhaa hojjattoota wajjiin nu hin taasisin" jedhu.
Warri a’araaf namoota mallattoo isaanitiin beekan (kaafiroota warra ibiddaarraa tahan) itti lallaban "(Qabeenya) walitti qabuun keessaniifi wanti isin boonaa turtan waa isin hin fayyanne" jedhu.
kuffaaraan nijedhame "Sila isaan kun warra Rabbiin rahmata isaaniif hin godhu jettanii kakattaniidhaa?" (mu'imintootaan nijedhame) "Jannata seenaa sodaan isin irra hin jiru, isin kan gadditanu hin taane.
Warri ibiddaa warra jannataatti lallaban "Bishaan irraa yookiin waan Rabbiin isinii hire (nyaata) irraa nurratti dhangalaasaa" (jedhan), "Rabbiin isaan lamaan kaafiroota irratti haraama taasiseera (homaa isinii hinkenninu)" jedhaniin.
(Isaan) (kaafiroonni) warra amantii isaanii qoosaafi tapha godhatanii jireenyi addunyaa isaan gowwoomsiteedha, har'aa isaan dhiifna Akkuma isaan walqunnamtii guyyaa isaanii kana irraanfatanitti (dhiisanitti). keeyyattoota keenya mormaa turan.
وَلَقَدۡ جِئۡنَٰهُم بِكِتَٰبٖ فَصَّلۡنَٰهُ عَلَىٰ عِلۡمٍ هُدٗى وَرَحۡمَةٗ لِّقَوۡمٖ يُؤۡمِنُونَ [٥٢]
Dhugumatti, Nuti kitaaba beekumsaa wajjiin isa addeessineen isaanitti dhufnee jirra, haala qajeelumaafi rahmata ummata amananiif ta'een. [13]
Sila ni eeganii xumura isaa malee? Guyyaa xumurri isaa dhufu warri san dura isa dagatan nijedhu "Dhugumatti ergamtoonni Gooftaa keenyaa dhugaan dhuftee jirti, Sila araarsitoonni nuuf araarsan nuuf jiruu? Yookiin (gara addunyaatti) deebifamnaa? dalagaa isa hojjataa turre malee kanbiroo hojjachuuf " (jedhu), Dhugumatti, lubbuulee isaanii hoongessanii jiru. Wanti isaan kijibaa turan isaan jalaa badeera.
Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbii Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee, ergasii Arshii irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’eedha. Haala daddaffiin isa barbaada ta'een halkaniin guyyaa haguugsisa. Aduu, ji’aafi urjiiwwan kan ajaja Isaatiin laaffifaman ta'anii (isaan uume). Dhagayaa! Uumuuniifi ajajnis kan Isaati. Rabbiin Gooftaa aalamaa ta’e barakaan isaa baay’ate.
Gooftaa keessan gadi uf qabuufi dhoksaadhaan kadhaa. Inni daangaa dabritoota hin jaalatu.
Dachii keessa erga isheen toltee booda hin balleessinaa. Sodaafi kajeellaadhaan Isa kadhaa. Dhugumatti rahmanni Rabbii warra toltuu hojjatanutti dhihoodha (isaanirraa tahaa).
Inni Isa bubbeewwan gammachiisaa taasisee rahmata Isaa (rooba) dura erguudha. hanga Yeroo isheen duumessa ulfaataa baadhatte gara biyya (bonaan goggoydee) duuteetti oofna; bishaan isatti buusuun (roobsuun) fuduraalee hunda isaan baafne (magarsine), akka kanatti du’aa (awwaala irraa) kaafna.Akka isin gorfamtaniif jecha.
Lafti gaariin biqilaan isaa hayyama Gooftaa isaatiin baha, Inni bade immoo (biqilaan isaa) dadhabbiidhaan malee hin bahu, Akka kanatti keeyyattoota warra (Rabbiin) galateeffataniif addeessina. [14]
Dhugumatti Nuti Nuuhiin gara ummata isaatti erginee "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru, ani adabbii guyyaa guddaan isin irratti sodaadha" jedheen.
Qondaalonni ummata isaa irraa ta’an "nuti jallina mul'ataa keessatti si argina" jedhan.
(Nuuh) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Ani jallinni homaatuu natti hin jiru, Garuu ani ergamaa Gooftaa aalamaa irraa ta’eedha.
Ergaalee Gooftaa kiyyaan isinitti geessa; toltuus isiniifin yaada (isiniif hima), Rabbi irraa waan isin hin beeknen (Kan wahyiin inni nabarsiise) beeka.
sila ni dinqisiifattanii gorsi Rabbii keessan irraa ta’e isinitti dhufuu, nama isin irraa ta’e tokko irratti, akka isin akeekkachiisuuf, akka Rabbiin sodaattaniifi akka mararfatamtaniif (isaaniin jedhe).
Isa kijibsiisan, Isaafi warra doonii keessa isa waliin ta’an ni baraarre, Isaan keeyyattoota keenya kijibsiisan bishaaniin dhidhimsiisne, isaan ummata jaamaa turan. [15]
Gara Aad obboleessa isaanii Huud (erginee) "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa; Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru, Sila hin sodaattanii?" jedheen.
Ummata isaa irraa qondaalonni warra kafaranii "Dhugumatti nuti gowwummaa keessatti si argina, Dhugumatti, kijibdootaa irraa ta'uu kees yaanna" jedhaniin.
(Huud) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Ani gowwummaan homaatuu natti hin jiru, Garuu ani ergamaa Gooftaa aalama hundaa irraa ta'eedha.
Ergaalee Gooftaa kiyyaan isinitti geessa, Ani isiniif tola yaadaa amanamaadha.
sila nidinqisiifattanii gorsi Rabbii keessan irraa tahe isinitti dhufuu nama isin irraa ta'e irratti (bu'ee) akka isin diyniinuuf jecha. yaadadhaa Yeroo Inni ummata Nuuh booda bakka bu’oota isin taasiseefi uumama keessattis bal'ina isiniif dabale (yaadadhaa). qananiilee Rabbii yaadadhaa Akka milkooftaniif jecha ."
nijedhan "sila nutti dhuftee Akka nuti Rabbiin tokkichoomsinee Isaa gabbarruufi, wantoota abbootiin keenya gabbaraa turan akka dhiifnuuf? waan ittiin nu sodaachiftu (azaaba) san nutti fidi Yoo warra dhugaa dubbatu irraa taateef "
nijedhe "Dhugumatti, adabniifi dallansuun Gooftaa keessan irraa isin irratti bu’eera, Sila isin maqaalee (taabotoolee) keessatti na mormituu kan isiniifi abbootiin keessan ishee moggaaftan, kan Rabbiin isheedhaan ragaa hin buusin? Eegaa; ani isin wajjin warra eegan irraayii".
Isaafi (huudiifii) warra isa waliin turan (mu'imintoota) rahmata nurraa ta’een nagaa baafne, Warra keeyyattoota keenya kijibsiisan hundee isaanii murre. isaan mu’uminoota hin taane.
Gara Samuuditti obboleessa isaanii Saalihiin (ergine) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa. Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru. Dhugumatti, Gooftaa keessan irraa mallattoon ifaa taate isinitti dhuftee jirti. tun haala mallattoo isiniif taateen gaala Rabbiitii, ishee dhiisaa dachii Rabbii keessa haa nyaattu (haa dheedduu), Hamtuun ishee hin tuqinaa (yoo isii hamtuun tuuyxan) adabbii laalessaatu isin qabata.
Yeroo Inni (Rabbiin) Aadiin booda bakka bu’oota isin taasiseefi dachii keessa isin jiraachise yaadadhaa. Dirree ishee irraa gamoowwan ijaarrattu; gaarreen irraas qottaniitin manneen taasiftu. qananiilee Rabbii yaadadhaa; badii raawwataa taatanii dachii keessa hin balleessinaa."
Nijedhe qondaalonni warri boonan ummata isaarraa warra hacuucaman irraa warra amananiin "sila Saalih Rabbii isaa biraa ergamuu ni beektanii?". "(Eeyyeen) Nuti waan inni ittiin ergametti amanoodha" jedhan.
Isaannan boonan "Dhugumatti, nuti isa isin itti amantan sanatti kafarreerra" jedhan.
Gaalattii waraanan; ajaja Gooftaa isaanii irraa bahanii "Yaa Saalih! Yoo ergamtoota irraa taateef waan ittiin nu sodaachiftu (azaabarraa) nutti fidi" jedhan.
Sochiin (kirkirri) dachii isaan qabatte; manneen isaanii keessatti jilbeenfatanii (dhumanii) bariisifatan.
(Saalih) isaan irraa gara galee "Yaa ummata kiyya! Dhugumatti, ani ergaa Gooftaa kiyyaa isinin gayeera; tolas isiniif yaadeera (isinii himeera), Garuu isin nama toltu isiniif yaadu hin jaalattan" jedhe.
Luuxiinis, yeroo inni (haala kan isaan mormu taheen) ummata isaatiin jedhe (yaadadhaa): "Sila isin badii fokkataa aalama irraa (namni) tokkolleen isheedhaan isin hin dursin hojjattanii? [16]
Dhugumatti, isin fedhii saalaatiif dubartii dhiiftanii dhiiratti dhuftuu! Dhugumatti, isin ummata daangaa dabroodha."[17]
Deebiin ummata isaa "magaalaa keessan irraa isaan baasaa; isaan Dhugumatti, ummata qulqulleeffataniidha" jechuu malee homaa hin turre.
Isaafi maatii isaa nagaya baasne. Niitii isaa malee isiin warra (adabbii keessatti) hafan irraa taate. [18]
Rooba (adabaa) isaan irratti roobsifne, Booddeen yakkamtootaa akkam akka ta’e ilaali. [19]
Gara Madyan obboleessa isaanii Shu’aybiin (erginee) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa, Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru. Dhugumatti, ragaan ifa taate Rabbii keessanirraa isiniif dhuftee jirti, Safaraafi miizaanas guutaa, Namoota wantoota isaanii jalaa hin hir’isinaa. Dachii keessatti erga toluu isheetii hin balleessinaa, santu isiniif caala Yoo mu’uminoota taatan .
Karaa hunda irraa hin taa’inaa Namoota sodaachisuufi karaa Rabbii irraas namoota isatti amanan deebisuun, akka isheen jallattu kan barbaaddan taatanii. yaadadhaa yeroo (lakkoofsaan) xiqqoo turtanii isin baay’esse. Booddeen warra badii raawwatanii akkam akka ta’e ilaalaa. [20]
Yoo gareen isin irraa ta’e tokko waan ani ittiin ergametti amananii gareen biraa immoo hin amanin hanga Rabbiin gidduu keenyatti murteessutti obsaa, Inni irra caalaa warra murteessaniiti" (isaaniin jedhe).
Nijedhan ummata isaa irraa qondaalonni warreen boonan "Yaa Shu’aybi! nuti dhugumatti, sibaafana isaan si waliin amananis magaalaa teenya irraa (nibaafna); yookiin isin (hunduu) gara amantii keenyaa deebi’uu qabdu" jedhan. "Sila odoo kan jibbinus taanellee moo!" jedhe. [21]
" Dhugumatti Rabbiin irratti kijiba kijibne jirra yoo gara amantii keessanii deebine, erga Rabbiin ishee irraa nu baraarsee booda. ishee keessatti deebi’uun nuuf hin taane yoo Rabbiin Gooftaan keenya fedhe malee. Gooftaan keenya beekumsaan waan hunda bal'atee jira. Rabbi irratti hirkannee jirra, (Yaa) Gooftaa keenya! Gidduu keenyaafi gidduu namoota keenyaatti dhugaan murteessi; Ati irra caalaa warra murteessaniiti" (jedhe).
Nijedhan Ummata isaa irraa qondaalonni warra kafaranii "isin (yaa ummata keenya) yoo Shu’aybiin hordoftan, Dhugumatti, isin yeroo san hoonga’oodha".
Sochiin (kirkirri) dachii isaan qabatte; manneen isaanii keessatti jilbeenfatoo ta'anii (du'anii) bariisifatan.
Warri Shu’aybiin kijibsiisan akka waan ishee keessa hin turree ta’an, Warri Shu’aybiin kijibsiisan isaan hoongawoo ta’an.
(Shu’aybi) isaan irraa gara galee nijedhe "yaa ummata kiyya! Ani ergaalee Gooftaa kiyyaa isin dhaqqabsiiseera. Toltuu isiniif dhaameera. ummata kaafiraa irratti akkamittiin gadda!".
Nuti gara magaalaa takkaa nabiyyii kamuu erginee (yoo ummanni sun ajaja isaa fudhachuu didan), jiraattota ishee hiyyummaafi dhibeen isaan qabnu malee hin hafne akka isaan gadi of qabaniif jecha,.
Ergasii bakka hamtuu toltuutti jijjiirre, hanga isaan baay’atanii jedhanitti "Dhugumatti, abbootii keenyas rakkinniifi toltuun tuqxee jirti (kun waanuma yeroon fiduu dha)" Achumaan tasa isaan qabne, odoo isaan hin beekne.
Odsoo warri gandaa amananii Rabbiin sodaatanii, silaa samiifi dachirraa barakaawwan isaaniif banna, Garuu isaan ni kijibsiisan. waan isaan kan hojjata tahaniif isaan qabne. [22]
Sila jiraattonni magaalattii isaanii rafaa jiranuu azaabni keenya halkan isaanitti dhufuu (irraa) of amanii (sodaa dhabanii)?(haasodaatanii).
Yookiin jiraattonni magaalattii isaanii taphatanuu adabbiin keenya waaree isaanitti dhufuu of amanii (sodaa dhabanii)?
Sila tooftaa Rabbii amanii (sodaa dhabanii)? Tooftaa Rabbii ummata hoonga’aa malee eenyullee hin amanu (sodaa hindhabu).
Sila isaannan dachii (dhumiinsa) warra ishee boodaan dhaalanuuf ifa hin taanee? nuti odoo feenee diliilee isaaniitiin isaan adabna? Onneewwan isaanii irratti cufna, isaan hin dhagayan.
Magaalota kana (kan Nuuh irraa hanga ummata Shu’aybitti jiru) seenaalee isaanii irraa siif odeessina. Dhugumatti, ergamtoonni isaanii ragaawwan ifa ta’aniin isaanitti dhufaniiru, Waan san dura kijibsiisanitti kan amanan hin taane, Akka kanatti Rabbiin onnee kaafirootaa irratti cufa.[23]
Irra hedduu isaanii waadaa isaanii kanguutan hin argine; irra hedduu isaanii finciltoota ta’uu argine.
Ergasii isaan booda mallattoowwan keenyaan Muusaa gara Fir’awnaafi qondaalota isaatti erginee jirra, ishee morman, Booddeen (itti galli) balleessa hojjattootaa akkam akka ta’e ilaali.
Muusaan ni jedhe: "Yaa Fir’awna! ani ergamaa Gooftaa aalamootaa irraa ta’eedha.
(muusaan nijedhe) Rabbi irratti dhugaa malee dubbachuu dhiisuun koo dhugaadha; dhugumatti ani ragaa ifa galaa Gooftaa keessan irraa ta’een isinitti dhufeera. Kanaafuu Ilmaan Israa’iil na wajjiin gadi dhiisi (bilisoomsi)."
(Fir’awna) "Yoo mallattoon kandhufte taate ishee fidi, yoo warra dhugaa dubbatan irraa taateef" jedheen.
Ulee isaa darbe; isheen yeroma san bofa mul'ataa (guddaa) taate.
Harka isaa ni baase; isheen yoosuu warra ilaalaniif adii (calanqqisaa) taate.
Qondaalonni ummata Fir’awna irraa ta'an ni jedhan: "Inni kun Dhugumatti falfalaa beekaadha.
Dachii teessan (misra) irraa isin baasuu fedha; maal ajajjuree?" (jedheen).
(Isaan) ni jedhan: "isaafi obboleessa isaa tursiisi, Magaalota keessa walitti qabdoota ergi (akka saahirtoota walittiqabaniif jecha).
Falfalaa beekaa hundaan sitti dhufu."
Saahiroonni gara Fir’awni dhufanii "yoo nuti kan (sihriidhaan muusaa) injifannu taane mindaan nuuf jiraa?" jedhan.
(Inni) "Eeyyeen (mindaa niqabdan, akkasuma) Isin warra (natti) dhiyeeffamu irraayi" jedheen.
"Yaa Muusaa! yookaa ati (dura) darbachuu yooka nuti darbattoota tahuu (keessaa filadhu) " jedhan.
(muusaan) "Darbadhaa" jedhe, Yeroma (funyoofii ulee isaanii) darbatan ija namootaa falfalanii isaan shoorarkeesan, Sihrii guddaan dhufan.
Gara Muusaatti "ulee tee darbi" (jechuun) beeksisa goone, yoggusuma isheen waan isaan kijiban ni liqimsiti. [24]
(Muusaan injifatuudhaan) Dhugaan ni mirkanaa’e; wanti isaan hojjataa turan ni bade.
Achitti ni injifataman; salphattoota ta’anii deebi’an.
Saahiroonni (Rabbiif) kan sujuudan ta'anii kufan.
Ni jedhan: "Gooftaa aalamootaatti amanneerra.
Gooftaa Muusaafi Haaruunitti."
Fir’awna ni jedhe: "odoo ani isiniif hin hayyamin isatti amantanii? Dhugumatti, kun shira isin magaalattii keessatti xaxxaniidha jiraattota ishee isii irraa baasuuf jecha. Fuulduratti beekuuf jiraattu (adabbii ani isin adabu).
Dhugumatti, ninmura harkoowwan keessaniifi miilleen keessan wal faallessuudhaan, eegasii hunda keessaniiyyuu nan fannisa."
"Nuti gara Gooftaa keenyaa deebi’oo dha" jedhan.
"Mallattooleen Gooftaa keenyaa yeroma nutti dhuftu itti amanuu (keenya) malee wanti nurraa haaloo bahattu hin jiru, (eegasii Rabbi kadhatanii nijedhan) Gooftaa keenya! obsa nurratti dhangalaasi, Muslimoota godhii nu ajjeesi" (jedhan).
Ummata Fir’awna irraas qondaalonni nijedhan "sila ati Muusaafi ummata isaa akka dachii keessa balleessaniif dhiiftaa? (Muusaan) sihiifi gabbaramtoota keetis akka dhiisuuf (isaan) (dhiiftaa?)". (fir'awna) ni jedhe: "Nuti ilmaan dhiiraa isaanii ni ajjeefna, Dubartoota isaanii immoo ni jiraachifna, (nidhiifna). nuti isaan irratti moo’attoota."
Muusaan ummata isaatiin nijedhe "Rabbiin gargaarsifadhaa; obsaa, Dhugumatti dachiin tan Rabbiiti, Gabroota Isaa irraa nama fedhe ishee dhaalchisa. Booddeen gaariin tan warra Rabbiin sodaataniiti".
Nijedhan "Nuti rakkifamnee jirra odoo ati nutti hin dhufin duraafi erga nutti dhuftee boodas ". nijedhe " nimala Gooftaan keessan diinota keessan balleessee, dachii keessatti bakka isin buusee, ergasii akkam akka dalagdan isin ilaaluun". [25]
Dhugumatti ummata Fir’awnaa caama waggootaaf tureefi hir’ina oomishaatiin isaan qabne. akka isaan gorfamaniif jecha.
Yeroo toltuun wahii isaanitti dhufte "tun nuuf malti" jedhu, Yoo hamtuun isaan tuqxe immoo Muusaafi warra isa waliinii irratti hooddatu, Dhagayaa! Dhugumatti hooddannaan isaanii Rabbiin biratti tahe. Garuu irra hedduun isaanii hin beekan. [26]
Isaan (Muusaan) ni jedhan: "Yoo ati raajii irraa waan feeteen isheedhaan sihrii nutti godhuuf nutti dhufte, nuti siif kan amannu hin taane."
Achumaan nuti lolaa (bishaan) dachii walga’e, awaannisa, injiraan, raachaafi dhiiga (bishaan isaanii dhiigatti jirjiirre) mallattoowwan addababaafamaa haala ta'aniin isaan irratti erginee jirra. Isaan garuu ni boonan, (Isaan) ummata yakkamtoota turan.
Yeroo azaabni isaan irratti bu'u ni jedhan: "yaa Muusaa! Gooftaa kee nuuf kadhu waan Inni si biraa waadaa qabuun , yoo ati azaabicha nurraa saaqxe, Dhugumatti, nuti siif amanna; Ilmaan Israa’il si waliin ergina (nibilisoomsina)."
Yeroma nuti isaan irraa adabicha Hanga beellama isaan dhaqqabanuutti deebifnu achumaan isaan waadaa isaanii diigu.
galaana (bahra) keessatti isaan dhidhimsiifnee haaloo isaan irraa ba’hanne, Sababa isaan keeyyattoota keenya sobsiisanii ishee irraayis dagattoota ta’haniif .
Nuti namoota hacuucamaa turan Bahaafi Dhiha dachii (biyya shaam) dhaalchifne, ishee barakaa keessa goonee. jechi Rabbii keetii toltuun Banii Israa’iil irratti guutamte Sababa isaan obsaniif. Waan Fir’awniifi ummanni isaa dalagaa turaniifi waan isaan ijaaraa turanis ni barbadeessine.
Ilmaan Israa’iil bahara ceesifne, ummata taabotoowwan isaanii (gabbaruu) irra taa’aa jirutti dhufanii "yaa Muusaa gabbaramaa nuuf godhi akkuma isaan gabbaramtoota qaban " jedhan, (Inni) ni jedhe: "Isin ummata wallaaloodha.
Isaan kun wanti isaan keessa jiran mancaafamaadha. Wanti isaan dalagaa turanis dhara."
"Sila ani Rabbiin malee gabbaramaa biraa isiniif barbaadaa odoo Inni aalama hunda irra isin caalchisee jiruu?" jedhe (muusaan ummata isaatiin).
Yeroo Nuti (adabbii) ummata Fir’awni irraa nagaa isin baafnes (yaadadhaa). kan hamtuu adabaa isin dhandhamsiisan, kan ilmaan keessan ajjeesanii dubartoota keessan jiraachisan (dhiisan). Kana keessas balaa (qormaata) guddaa Gooftaa keessan irraa ta’etu jira.
Muusaaf halkan soddoma waadaa seenne. Kudhaniin ishee guunne. Beellamni Gooftaa isaa halkan afurtama guute. Muusaan obboleessa isaa Haaruunin ni jedhe: "Bakka na bu’i ummata kiyya keessatti tolchi, Karaa warra balleessaa hojjatanii hin hordofin."
Yeroo Muusaan beellama keenyaaf dhufee Rabbiin isaa isaan dubbatu "Yaa gooftaa kiyya (uf) na argisiisi sin ilaalaa!" jedhe. (Rabbiin) "Nan argitu; garuu gara gaaraa ilaali; yoo bakka isaatti ragga'eef Na argitaa" jedhe. Yeroo Rabbiin isaa gaaraaf mul’atu caccaphaa isa godhe. Muusaan gaggabee kufe, Yeroma bayyanatu (bayfatu) nijedhe "ati qulqulloofte; ani gara keetti (tawbaa) deebi’e, ani jalqaba mu’uminootaati (ummata kiyyarraa)". [27]
(Rabbiin) ni jedhe: "Yaa Muusaa! Ani ergaa kiyyaafi haasa’a kiyyaan namoota irra si filadheera, Waan Ani siif kenne qabadhu, Galateeffattoota irraa tahi."
Loowhiwwan keessatti waan hunda irraa gorsaafi ibsa waan hundaa isaaf barreessine. "Ishee ciminaan qabadhu, ummata keetis akka toltuu ishee qabatan ajaji. Ani biyya finciltootaa (akka itti halaaku) fuuldurattin isinitti agarsiisa" (jedheen).
Ani warra haqa malee dachii keessatti boonan keeyyattoota kiyya irraa garan galcha, Yoo mallattoolee hunda arganis isitti hin amanan, Yoo karaa qajeelaa argan isa karaa hin godhatan, Yoo karaa jallinaa argan isa karaa godhatan, Kun waan isaan keeyyattoota keenya kijibsiisaniifi ishee irraas dagatoo turaniifi.
Warri keeyyattoota keenyaafi qunnamtii Aakhiraa kijibsiisan, dalagaaleen isaanii badde, Sila waan hojjataa turan malee nigalateeffamani?
Ummanni Muusaa (deemsa) isaa booda faaya isaanii irraa jibicha qaama (lubbuu hinqabne) tolfatan, kan sagaleen (akka koqiinsaa) isaaf taate. Sila akka inni isaanitti hin dubbanneefi gara karaa (sirriis) isaan hin qajeelchine hin arganii? (Gabbaramaa) isa godhatan; miidhaa hojjattoota ta’an. [28]
Yeroo gaabbanii (dhama'anii) jallachuu isaaniis argan, (tawbataniitin) jedhan: "odoo Gooftaan keenya rahmata nuuf godhuu baateefi nuuf hin araaramnee, dhugumatti silaa nuti hoonga’oo irraa taana ture."
Muusaan yeroma dallanaa gaddaa gara ummata isaa deebi’u "wanti isin ana booda na bakka buuftan waa fokkate; sila ajaja Gooftaa keessanii jarjarfattani moo?" jedhe. Loohiiwwan darbee mataa obboleessa isaa qabe, kan ufitti harkisu ta'ee. (Obboleessis) nijedhe "Yaa ilma haadha tiyyaa! Ummanni na hacuucanii na ajjeesuuf dhihaatani, Kanaafuu diina natti hin gammachiisin, Ummata miidhaa raawwattoota wajjinis na hin godhin" jedhe.
قَالَ رَبِّ ٱغۡفِرۡ لِي وَلِأَخِي وَأَدۡخِلۡنَا فِي رَحۡمَتِكَۖ وَأَنتَ أَرۡحَمُ ٱلرَّٰحِمِينَ [١٥١]
(Muusaan) nijedhe "Gooftaa kiyya! Anaafi obboleessa kiyyaaf araarami, Rahmata kee keessas nu seensisi, Ati irra rahmata godhaa warra rahmata godhaniiti".
Dhugumatti isaannan jibicha (gabbaramaa) godhatan, Gooftaa isaanii irraa dallansuufi salphinni jireenya addunyaa tanaa keessatti isaan argata፣ Akka kanatti kijibdoota (adabaan) galata galchina.
Isaannan dilii heddu hojjatanii ishee booda tawbataniifi amanan, Dhugumatti, Gooftaan kee sana booda araaramaa, rahmata godhaadha.
Yeroma dallansuun Muusaa irraa qabbanaa’u loohiwwan fuudhe, Barreefama ishee keessa qajeelfamaafi rahmatatu warra Gooftaa isaanii sodaataniif jira.
Muusaan ummata isaa irraa namoota torbaatama beellama keenyaaf filate, Yeroo sochiin (kirkirri) lafaa isaan qabattu, (Muusaan) ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Odoo feetee kana dura isaaniifi anas ni balleessita ture. Sila waan gowwoonni nurraa ta’an dalaganiin nu balleessitaa? Isheen (fitnattiin) mokkoroodhuma keeti malee waanbiraatii miti, Isheedhaan nama feete jalliftee nama feete immoo qajeelchita. Ati gargaaraa keenya, Nuuf araarami, Rahmatas nuuf godhi, Ati caalaa araaramtootaati.[29]
Jireenya addunyaa kana keessattiifi kan Aakhiraa keessattis toltuu nuuf katabi, Nuti gara kee deebineerra." (Rabbiin) ni jedhe: "(kun) azaaba kiyya; naman fedhen isaan tuqa, Rahmanni kiyya waan hundaaf ballatte (adduniyatti hunda walgeessi), Ishee fuulduratti nin barreessa warra Rabbiin sodaataniif, zakaa kennaniifi warra keeyyattoota keenyatti amananiifin.[30]"
(Isaan) warra ergamaa nabiyyii hin barreessineefi hin dubbifne hordofani (sun nabi muhammad), isa isaan biratti Tawraatiifi Injiiliin keessatti barreeffamee isa argan, kan toltutti isaan ajajuufi hamtuu irraa isaan dhorgu, kan gaggaarii halaala isaaniif taasisu (isaaniif hayyamu), fokkataawwan immoo haraama isaan irratti taasisu (isaan dhoowwu), kan ba’aa isaaniitiifi hidhaa isaan irra tutre isaan irraa lafa kaayu. (hordofaniidha). Isaannan isatti amananii isa kabajan, isa gargaaraniifi ifaa isa waliin bu’e (qur'aana) hordofan, isaan isaanumatu warra milkaa’oodha.
Jedhi: "Yaa ilmaan namaa! ani ergamaa Rabbii Isa mootummaan samiileefi dachii kan Isaa ta’e irraa gara hunda keessaniitti (ergamee dha). Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ni jiraachisa; ni ajjeesas, Rabbiifi ergamaa Isaa, kan nabiyyii hin dubbifneefi hin barreessine ta’eetti amanaa, kan Rabbiifi jechoota Isaatti amanu sanitti, isa hordofaa akka qajeeltaniif jecha."
Ummata Muusaa irraa ummata dhugaan qajeelaniifi ittiin haqa murteessantu jira.
Ummata gosa kudha lama goonee isaan qoqqoodne, Gara Muusatti yeroo namoonni isaa dhugaatii isa gaafatan "Ulee teetiin dhagaa dhayi" jechuu beeksifne, Isa irraas burqituu kudha lamatu maddite, Namoonni hunduu iddoo irraa dhugan beekan, Duumessa isaan irratti gaaddiseessine, Mannii'fi salwaas isaan irratti buufne: "Gaggaarii waan nuti isiniif kenninee irraa nyaadhaa" (jenneen). Isaan Nu hin miine; garuu isaan lubbuu isaanii miidhaa turan. [31]
Yeroo isaaniin jedhame (yaadadhaa) "magaalattii tana (beytal maqdas) keessa jiraadhaa; ishee irraa bakka feetanii nyaadhaa, (kan nu feenu Badiin nurraa) harca'uudhas' jedhaa, Balbalas sujuuda godhaa seenaa, Badiiwwan keessan isiniif dhiifna, (galata) warra toltuu hojjataniis ni daballa"
Isaan irraa warri miidhaa hojjatan jecha isaanin jedhameen ala isa biraa jijjiiran,azaaba samii irraa isaan irratti ergine Waan miidhaa hojjataa turaniif jecha.[32]
isaan gaafadhu Waa’ee magaalattii bahra cinaatti taatee, yeroo isaan sanbata keessatti (qurxummii al'ooluudhaan) daangaa dabran, yeroo qurxummiin isaanii guyyaa sanbataa mul’attuu taatee isaanitti dhuftu; guyyaa isaan hinsanbateessine (hin guddifne) (guyyaa biroo) isaanitti hin dhuftu, akka kanatti isaan qormaanna waan isaan fincilaa turaniif.
(yaadadhu) Yeroo ummanni isaan irraa taate jette "ummata Rabbiin isaan balleessuuf yookiin adabbii cimaa isaan adabuuf jiru maaliif gorsitu?" (Gorsitoonn) nijedhan "Gooftaa keessan biratti sababa nuuf haa ta'uufi akka isaan Rabbiin sodaataniifi" jedhan. [33]
Yeroma isaan waan ittiin gorfaman dagatan, isaan hamtuu irraa (namoota) dhorgan nagaa baafnee, isaan miidhaa hojjatan immoo adabbii hamaan isaan qabne waan isaan fincilaa turaniif jecha. [34]
Yeroma isaan daangaa wantoota irraa dhorgamanii dabran isaanin jenne "jaldeessa salphattoota ta’aa" (achumaan jaldeessa tahan).
Yeroo Gooftaan kee hanga Guyyaa Qiyaamatti nama adabbii laalessaa isaan dhandhamsiisu akka isaan irratti ergu beeksise (yaadadhu.) Dhugumatti, Gooftaan kee adabbiin isaa arifataadha; Inni akkaan araaramaa akkaan rahmata godhaadha.
Nuti (Ilmaan Isaraa’iil) dachii keessatti ummatoota adda addaa taasifnee isaan kukkunnee jirra, Isaan irraa gaggaariitu jira, Isaan irraa san maleetu jira, toltuuwwaniifi hamtuuwwaniin isaan qormaannee jirra Akka isaan deebi’aniif jecha.
bakka bu’oonni badaan kitaaba dhaalan bakka bu’an booda isaaniitii. Meeshaa dhihoo (adduniyaa)(hoosa) kana fudhataa, "fuulduratti nuuf dhiifama" jedhu, Yoo meeshaan san fakkaatu isaanitti dhufe ni fudhatu. Sila waadaan kitaabaa akka isaan Rabbiin irratti dhugaa malee hin dubbanne isaan irraa hin fuudhamnee? Waan isa keessa jiru dubbisanii jiran. Manni Aakhiraa isaan Rabbiin sodaataniif caalaadha, Sila isin hin xiinxaltanuu?
Isaannan kitaabicha qabatanii, salaata sirnaan dhaaban, Nuti mindaa tolchitoota hin balleessinu.
Yeroo Nuti gaara (xuur) gubbaa isaanii irratti akka duumessaa ta’ee ol fuunee, jarri isaanirratti kufaa dhugoomsan "Waan nuti isiniif kennine ciminaan qabadhaa, Akka (Rabbiin) sodaattaniif jecha waan isa keessa jiru hubadhaa" (jenne yaadadhu).
(yaadadhu) Yeroo Gooftaan kee ilmaan Aadam irraa, dugdaalee isaanii irraa sanyiilee isaanii baase, lubbuulee isaanii irratti ragaa isaan godhee "Ani Gooftaa keessanii mitii?" (jecheen), (Isaanis) "Eeyyeen; ragaa baanee jirra" jedhan, (Kun) akka isin Guyyaa Qiyaamaa "nuti kana irraa dagatoo turre" hin jenneefi.
“Yookiin abbootii keenyatu duraan (Rabbitti) qindeessani; nuti sanyii isaaniin boodaa turre, Sila waan balleessitoonni hojjataniin nu balleessitaa?” akka isin hin jenneef (ragaa isin goone).
Akka isaan (badirraa karaa Rabbii) deebi’aniif jecha akka kanatti keeyyattoota keenya addeessina.
isaan irratti dubbisi oduu isa keeyyattoota keenya isaaf kenninee, ishee irraa luqqa'e, sheyxaana isa hordofsiise, jallattoota irraa ta’e. [35]
Odoo feenee, isheedhaan (keeyyattoota keenyaan) ol isa fuuna ture, Garuu inni gara dachiitti gadi dide; fedhii lubbuu isaa hordofe, Fakkeenyi isaa akka fakkii sareeti yoo ariite arraba baasee harganu, yoo dhiiftes arraba baasee harganuuti, Kuni fakkeenya ummata keeyyattoota keenya kijibsiisaniiti, seenaalee odeessi akka isaan xiinxalaniif jecha.
Fakkeenyi ummata keeyyattoota keenya kijibsiisanii waa fokkate! lubbuulee isaanii kan miidhan tahan.
Namni Rabbiin qajeelche, isatu qajeelaadha, Namni Inni jallise immoo isaan warra hoonga’oodha.
Dhugumatti Nuti jahannamiif jinnootaafi namoota irraa heddu uumnee jirra, Isaaniif onneewwantu tahe, isiin hinhubatan. isaaniif ijoowwantu tahe, isiidhaan hinargan. isaaniif gurroowwantu tahe, isiin hindhagayan. Warri sun akka beyladootaati, Inumaa jarri irra jallatoodha, Isaan isaanumatu dagattoota. [36]
Rabbiif maqaalee gaggaariitu jiru, Isheedhaan Isa kadhaa, Warra maqaalee Isaa keessatti jallisan dhiisaa, Waan dalagaa turan fuulduratti galata galfamu.[37]
Warra Nuti uumne irraa, ummata dhugaan qajeelaniifi isaanis haqa murteessantu jiru.
Isaannan keeyyattoota keenya kijibsiisan, Nuti karaa isaan hin beekne irraan suuta suutaan isaan qabna.
Yeroo isaaniifin kenna; Dhugumatti tooftaan kiyya cimaadha.
Sila isaan saahiba isaaniitti (Muhammaditti) maraatummaan akka hinjirre hin xiinxalanii? Inni akeekkachiisaa ifa galaa malee hintaane.
Sila mootummaa samiileefii dachiifi, keessatti hinlaalanii? waan Rabbiin wantoota irraa uumes, akkasumas beellamni (yeroon du’a) isaanii Dhugumatti kan dhihaate ta’uu (hin ilaalanuu?). Sila booda isaatii (Qur’aanaatii) haasa’a kamitti amanu?
Nama Rabbiin jallise qajeelchaan isaaf hin jiru. Jallina isaanii keessatti dhama'oota ta'anii isaan dhiisa.
Waa’ee Qiyaamaa irraa yoomi dhaabbatiinsi isii (dhufti isii) (jedhanii) si gaafatu. jedhi "Beekumsi ishee Gooftaa kiyya qofa biratti tahe. Isa malee tokkolleen yeroo isheetiif ishee hin ibsu, Samiileefi dachii keessatti ulfaatte, Isheen tasa (daguutti) malee isinitti hin dhuftu" (jedhi). Akka waan ati ishee sirritti beektuutti si gaafatu, jedhi Beekumsi ishee Rabbiin bira qofa jira, Garuu irra hedduun namootaa hin beekan". [38]
Jedhi "Ani lubbuu tiyyaaf faayidaas ta’ee miidhaa fiduu (faaydaa fiduufii miidhaa deebisuu) hin danda'u waan Rabbiin fedhe malee, Odoon kanin waan fagoo (ghaybii) beeku ta'ee, silaa toltuu irraan baay'ifadha; hamtuun na hin tuqu ture, Ani ummata amananiif akeekkachiisaafi gammachiisaa malee hintaane".
Inni Isa lubbuu takka irraa isin uumee ishee irraa qindii isii taasisee, akka isheetti booharuuf (mukuu bahuuf). Yeroo inni ishee qunnamu ulfa salphaa ulfoofte, (salphina isaa irraa bakka feete) ittiin deemte, Yeroma isheen ulfaattu Rabbiin Gooftaa isaanii kadhatan "yoo Ati (ilma) gaarii nuuf kennite, dhugumatti nuti warra Si galateeffatan irraa taana" (jechuun). [39]
Yeroo Inni (ilma) gaarii isaaniif kennu waan Inni isaaniif kenne (maqaa) keessatti Isaaf shariika taasisan, Rabbiin waan isaan Isa waliin gabbaran irraa ol ta’eera.
Sila waan waa tokko uumuu hin dandeenye Rabbitti qindeessanii? kan isaan uumamoo ta’an.
Isaan gargaaruu hin danda’an, lubbuulee isaaniis hingargaaran.
Yoo isin gara qajeelumaa isaan waamtan isin hin hordofan, Isaan waamtanis yookiin cal’iftoota taatanus isin irratti walqixa.
Dhugumatti, warri isin Rabbii gaditti gabbartan gabrootuma fakkiiwwan keessaniiti, mee isaan kadhaa isiniif haa awwaatanuu Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif.
Sila isaaniif miiloowwantu tahee kan isiidhaan deeman? moo isaaniif harkoowwantu tahee kan isiidhaan qabatan? moo isaaniif ijoowwantu kan isiidhaan argan? moo isaaniif gurroowwantu tahee kan isiidhaan dhagayan? jedhi shariikota keessan (warra Rabbii waliin gabbartan) waamadhaa, Ergasii tooftaa natti baasaa, Yeroos naaf hin kenninaa (isaan hin sodaadhu). [40]
Jaalalleen kiyya Rabbii Isa kitaaba buuseedha, Inni warra toltuu hojjatan ni gargaara" (jedhiin).
وَٱلَّذِينَ تَدۡعُونَ مِن دُونِهِۦ لَا يَسۡتَطِيعُونَ نَصۡرَكُمۡ وَلَآ أَنفُسَهُمۡ يَنصُرُونَ [١٩٧]
Warri isin Isaa gaditti gabbartan isin gargaaruu hindandayan, lubbuulee isaaniitis hingargaaran.
Yoo gara qajeelumaa isaan waamtan hin dhaga'an. Kan isaan gara kee ilaalanu (waan laalan fakkaatan) argita isaan hinargan.
Haala (namootaa irraa isa) laafaa qabadhu; (dhiifama godhi) toltuutti ajaji; wallaaltota irraa gara gali.
وَإِمَّا يَنزَغَنَّكَ مِنَ ٱلشَّيۡطَٰنِ نَزۡغٞ فَٱسۡتَعِذۡ بِٱللَّهِۚ إِنَّهُۥ سَمِيعٌ عَلِيمٌ [٢٠٠]
Yoo garagalchaan (butaan) shayxaana irraa ta’e tokko (ajaja Rabbii irraa) si bute Rabbitti maganfadhu, Inni dhagayaa, argaadha.
Isaan Rabbiin sodaatan yeroo naanna'aan shayxaana irraa ta’e isaan tuqe (dilaawan), (Rabbiin) yaadatu, Achumaan isaan argoodha (haqarratti gadi dhaabbatoodha).
Obboleeyyan isaanii jallina isaaniif dabalu, Ergasii (jallisuu irraa) hin gabaabbatanu.[41]
Yeroo ati raajii wahiitiin isaanitti hin dhufin "Maaliif ishee hin finne (hin uumne)?" jedhu. jedhi "Wanti ani hordofu waan Gooftaa kiyya biraa gara kiyyatti beeksifame qofa. (Qur’aanni) kun ragaa ifa bahaa Gooftaa keessan irraa ta'e, qajeelfamaafi rahmata ummata amananiif ".
Yeroo Qur’aanni qara’ame isaaf dhageeffadhaa; cal’isaa (hinhaasayinaa) akka rahmanni isiniif godhamuuf.
Gooftaa kee faarsi lubbuu tee keessatti gadi uf qabaa sodaataa, jecha ol fuudhamaa gaditti taheen, ganamaafi galgala keessatti (Gooftaa kee faarsi). (faaruu Rabbii) Dagattootarraa hin tahin.
isaannan Gooftaa kee bira jiran Isa gabbaruu irraa hin boonan; Isa qulqulleessan; Isaaf sujuuda godhn.[42]

