The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Ascending stairways [Al-Maarij] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Ascending stairways [Al-Maarij] Ayah 44 Location Maccah Number 70
kadhataan kadhate Adaba (kaafiroota irratti) argamaa ta'e. [1]
Kan kaafirootatti (argamu kadhate); wanti isa (azaaba san) deebisu hin jiru.
Rabbii saahiba kortoowwanii ta'e irraa (argama).
Malaykonniifi Jibiriil gara Isaa ol koru guyyaa (qiyaamaa dheeraa) shallagni isaa waggoota kuma shantama ta'e keessatti.
Obsi obsa gaarii.
Isaan (azaaba san) fagoo taasisanii isa ilaalu.
Nuti immoo dhihootti isa argina.
Guyyaa (qiyaamaa) Samiin akka meeta baqee taatu.
(Guyyaa) Gaarreen akka jibrii iddamtee taatu.
(Guyyaa san) firri fira hin gaafatu.
Isaan agarsiifamu, Namni dilaawaan odoo ilmaan isaatiin azaaba guyyaa sanii uffuree jaalata.
Niitii isaatiifi obboleessa isaatiinis (odoo uf furee bilisa ba’ee jaalata);
Firoota isaa kan ofitti isa maxxanfattuunis (osoo uf furee jaalata);
Nama dachii keessaa hunda (kennee) ergasii (fidaan sun) nagaa isa baasuu (jaalata).
Dhorgamaa! isheen lazaadha (maqaa hulaa ibiddaati).
Buqqiftuu gogaa sammuuti.
Nama (amantii irraa) duubatti deebi'ee, gara gale ni waamti.
(Qabeenya) walitti qabee (zakaa odoo hin kennin) lakkaa’u (hunda waamti).
Dhugumatti, namni obsa dhabeessa (bololaa) ta'ee uumame.
Yeroo hamtuun isa tuqe mufataa (obsa dhaba).
Yeroo wanti gaariin isa tuqe immoo dhorgataadha.
Warra salaatan malee;[2]
Isaan salaata isaanii irratti gadi dhaabbatan (dawwaman);
Isaan qabeenya isaanii keessa qoonni beekamaan jiru, [3]
Hiyyeessa Kadhataafi kan hin kadhanneef,
Isaan Guyyaa Murtii dhugoomsan,
Isaan adabbii Gooftaa isaanii sodaatan (malee kan biroo obsa dhabaa dha).
Azaabni Gooftaa isaanii (nama tuquu dhabuun isaa) (sodaachisaadha) amanamaa miti.
Isaan qaama saalaa isaanii tiiksan,
Niitolii isaanii yookiin waan mirgi isaanii horatan irratti malee; (kanneen walqunnamurratti) isaan komatamoo miti.
Namni sanaan ala (fedhii guutachuu) barbaade immoo, isaan warra daangaa dabroodha. [4]
Ammas isaan amaanaa isaaniitiifi waadaa isaanii eegan,
Isaan ragaa isaaniitiin dhaabbatan (haqa qofa ragaa bahan),
Isaan salaata isaanii irratti tiikfatan. [5]
Warri sun jannata keessatti kabajamoodha.
Warra kafareef maaltu jiraayi sirratti xiyyeefatu (sikijibsiisuuf jarjaru)?
Garee gareen mirgaafi bitaa irra guutanii (sitti marsanii).
Sila namni isaan irraa ta'e hundi jannata qananii seensifamuu kajeelaa?
Haa dhorgamanu! Nuti waanuma isaan beekan (bishaan hormaataa) irraa isaan uumne.
Gooftaa Bahootaatiifi Dhihootaatiin kakadhaa! Nuti dhugumatti danda’oodha.
Namoota isaan irra caalan bakka buusuu irratti (danda'oo dha). Nuti dadhabsiifamoo hin taane.
Hanga Guyyaa isaaniif beellamame san qunnamanitti, (cubbuu keessa) seenanii haa taphatanii isaan dhiisi.
Guyyaa qabroota irraa arifataa ba'an isaan akka waan gara taabotootaatti dhangala'an fakkaatu. [6]
Ijjoonni isaanii xiqqaattuu salphinni isaan haguugdi. Sun guyyaa isaan isa sodaachifamaa turaniidha.

