The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesNooh [Nooh] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah Nooh [Nooh] Ayah 28 Location Maccah Number 71
Nuti Nuuhiin gara ummata isaatti ergineerra "odoo adabbiin laalessaan isaanitti hin dhufin dura ummata kee sodaachisi" jechuun. [1]
(Nuuh) ni jedhe: "yaa ummata kiyya! Ani isiniif akeekkachiisaa ifa bahaadha.
Rabbiin gabbaraa; Isa sodaadhaa; anaafis ajajamaa" jechuun.
"Diliilee teessan irraa isiniif araarama; hanga yeroo murtaa'eettis isin tursiisa. Beellamni Rabbii yeroo dhufe booda hin aanfamu. Odoo kan beektan taatanii (silaa isa malee hin gabbartanu).
(Nuuh) ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Ani ummata kiyya halkaniifi guyyaan (gara sigabbaruutti) waame.
Waamichi kiyya (dhugaa irraa) dheefa malee homaa isaaniif hin daballe.
Akka Ati isaaniif araaramtuuf dhawaata ani isaan waamuun qubbeen isaanii gurroowwan isaanii keessa kaa’anii uffata isaanii haguuggatanii (badii) itti fufan; booniinsa boonan. [2]
Ergasii ani lallabeen isaan waame.
Eegasii ani isaan beeysise; hasaasuus isaanittin hasaase.
Nin jedhe ‘Gooftaa keessan araarama kadhaa; Inni Akkaan Araaramaadhan’.
Rooba baay'ee deddeebi'aa isin irratti erga. (rooba guddaa isiniif roobsa).
Qabeenyaafi ilmaanis isiniif dabala. Ashaakiltii isiniif godha laggeenis isiniif taasisa.
Maaltu isiniif jiraayi guddina Rabbii hin sodaanne?
Dhugumatti, sadarkaa sadarkaadhaan isin uumeera.
Sila isin hin arginee akkamitti Rabbiin samii torban wal jalaa gubbaatti akka uume ?
Isaan keessatti ji'a ibsaa taasisee; aduus madda ifaafi ho'aa (siraaja) taasise.
Rabbiin biqilchuu (uumuu) dachii irraa isin biqilche.
Ergasii (duutanii awwaalamtanii) ishee keessatti isin deebisa, (guyya qiyaamaa isin kaasuudhaan) baasuus isin baasa.
Rabbiin dachii afata isiniif godhe.
Akka isin ishee irraa karaalee babal'aa seentaniif.
Nuuhiin ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Isaan ajaja kiyya didanii, nama qabeenyi isaatiifi ilmaan isaa hoonga’iinsa malee homaa isaaf hin daballe hordofan.
Shira gurguddaa shiran.
‘Gabbaramtoota keessan hin dhiisinaa; waddi, suwaa'i, yaghuus, ya'uuqiifi nasriinis hin dhiisinaa' (waliin) jedhan.[3]
Dhugumatti, (namoota) baay'ee jallisaniiru. Miidhaa raawwattootaaf jallinna malee hin dabalin.”
Diliiwwan isaanii irraa kan ka'e, (addunyatti) bishaaniin nyaachifaman, (aakhiratti) ibidda seensifaman. Rabbiin malee tumsitoota isaaniif hin arganne.
Nuuhiin ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Kaafiroota irraa nama tokkollee dachii irratti hin dhiisin.
Yoo Ati isaan hambifte gabroota Kee jallisu; dilaawoo akkaan kaafira ta'e malees hin dhalan (hin horan).
Gooftaa kiyya! Anaaf araarami abbaafi haadha kiyyaafis, nama mu’umina ta'ee mana kiyya seeneefis, mu'uminootaafi mu'umintittiifis (araarami). Kaafirootaaf badii malee hin dabalin.”

