عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Jinn [Al-Jinn] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah The Jinn [Al-Jinn] Ayah 28 Location Maccah Number 72

(Yaa Muhammad SAW!) Wahyiin natti godhameera jedhi Gareen jinnii irraa ta'an (Qur'aana) dhageeffatanii NI jedhan: “nuti Qur'aana dinqisiisaa dhageenye. [1]

Akkuma isin yaaddan isaanis Rabbiin nama tokkollee (erga du'ee) hin kaasu jechuu yaadaa turan.

Nutis samiitti ga'uu (feeneti) kan isheen eegdota jajjaboofi qaanqeen (urjii furguuggamtuu) guutamte ishee argine.

Nuti nurraa gaggaariin ni jiran. Ammas nurraa kan sanaan ala ta'antu jiru. Nuti warra karaalee adda addaati turre.

Odoo isaan karaa qajeelaa irra gadi dhaabbatanii, bishaan baay'ee (samii irraa) isaan obaafna (rooba guddaa isaanii roobsina) turre.

Isa keessatti isaan qormaatuuf jecha (obaafna ture). Namni yaadannoo Gooftaa isaa (Qur'aana) irraa garagale, (Rabbiin) azaaba jabaa isa seensisa.

Yeroo gabrichi Rabbii (Muhammad SAW!) Isa kadhachuuf dhaabbatu (jinnoonni) isa irratti tuuta ta'utti dhihaatu. [4]

(Yaa Muhammad SAW!) jedhi: "ani kan gabbaru Gooftaa kiyya qofa; Isattii waan tokkollee hin qindeessu."

Jedhi: "Ani miidhaa (isinirraa deebisuu) ta'ee qajelluma isiniif (fiduu) hin danda'u."

Rabbi irraa (wahyii)fi ergaawwan Isaa geessuu malee (hin danda'u). Namni Rabbiifi Ergamaa Isaa faallesse, dhugumatti ibidda jahannam kan zalaalam ishee keessatti hafutu isaaf jira.

Hanga (guyyaa qiyaamaa) waan ittiin sodaachifaman arganitti namni tumsaadhaan akkaan dadhabaafi lakkoofsaan daran xiqqaa eenyuun akka ta'e beekuuf jiru.

“Wanti isin sodaachifamtan (azaabarraa) dhihoo ta'uu yookiin Rabbiin kiyya beellama yeroo (dheeraa) isaaf godhaa hin beeku” jedhiin.

Ergamaa irraa nama jaalate malee (kan biraatti hin mul'isu) Inni fuuldura isaatiifi duuba isaatiin eegdota (malaykota) seensisa (erga).

Ergaawwan Gooftaa isaanii dhugumatti bakkaan ga'uu isaanii’ akka ifa baasuuf (eegdota kaa'e) waan isaan bira jiru hundatti marsee waan hundaayyuu lakkoofsaan walitti qabe (beeke) ‘