The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe cloaked one [Al-Muddathir] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The cloaked one [Al-Muddathir] Ayah 56 Location Maccah Number 74
Yaa mammarataa! [1]
Ka'ii (ummata azaaba Rabbiirraa) akeekkachiisi.
Gooftaa kee guddisi
Uffata kee qulqulleessi
Taabotaan oodi.
Baay'ifannaa barbaachaaf hin arjoomin.
Gooftaa keetiif obsi.
Yeroo xurumbaa keessa afuufame.
Sun, guyyaan gaafasii guyyaa rakkisaadha.
Kaafiroota irratti (guyyaa) laafaa miti.
Nama ani kophaa isa uumee wajjin (walitti) Na dhiisi.
Kan Ani qabeenya bal'aas isaaf godhe.
Ilmaan dhiiraa kan isa biratti argamanis.
Bal'isuus kan Ani isaaf bal'ise;
Ergasii akka Ani isaaf dabalu kan kajeela tahe;
Haa dhorgamu! Inni keeyyattoota Keenya mormaa ture.
Rakkoo (azaabarraa tahe) guddaattin isa dirqa.
Inni ni xiinxale; ni tilmaames.[2]
Abaarame! Akkamumatti tilmaame?
Ergasiis abaarame! Akkamumatti tilmaame?
Ergasii ni ilaale
Ergasii fuula guure; akkaan jijjiirame.
Ergasii (iimaanarraa) gara gale; ni boone.
Ni jedhes: "(Qur'aanni) kun falfala (nama biraa) irraa waraabame qofa.
Kun jecha namaa malee hin taane."
Saqar isa seensisuufin jira.[3]
Saqar maal akka ta'e maaltu si barsiise?
(Foon) hin hambiftu (lafees) hin dhiiftu.
Gogaa gubduudha.
Ishee irra (waardiyyaa) (malaaykaa) kudha sagaltu jira.
Eegdota Ibiddaa malaykota malee kan biraa hin goone. Lakkoofsa isaaniis warra kafaraniif qormaata malee hingoone, warri kitaaba kennaman akka mirkaneeffatan, warri amanan iimaana akka dabalatanuuf, warri kitaaba kennamaniifi mu'uminoonnis akka hin shakkinee, fi akka warri onnee isaanii keessa dhukkubni jiruufi kaafiroonni ‘Rabbiin (lakkoofsa) kanaan fakkeenya maalii fedhe’ jedhaniif (kana goone). Akka kanatti Rabbiin nama fedhe jallisee nama fedhe immoo qajeelcha. (Baay'ina) waraana Gooftaa keetii Isa malee homtuu hin beeku. Isheen namaaf gorsa malee waan biraatii miti.
Haa dhorgamu! Ji'attin kakadha!
Halkaniinis; yeroo inni deeme.
Bariidhaanis yeroo inni ife.
Isheen (saqar) tokkoo (rakkoolee) gurgurddooti.
Namaaf akeekkachiiftuudha.
Nama isin irraa (iimaanaafii hojii gaariidhaan) fuulduratti deemuu, yookiin (kufriifii jallinaan) duubatti hafuu fedheef (akeekkachiistuu dha).
Lubbuun hundi waan hojjatteen qabamtuudha.
Warra mirgaa malee.
(Isaan) jannata keessatti wal gaggaafatu.
Yakkamtoota irraa (wal gaafatu).
"Maaltu Saqar keessa isin seensise?" (kaafirootaan jedhan).
Ni jedhan: "nuti warra salaatan irraa hin turre.
Hiyyeeyyii kan nyaachifnus hin turre;
Warra (oduun) (hamtuu) keessa seenu wajjin seenaa turre;
Guyyaa galataa kan sobsiifnu turre;
Hanga (duuti) mirkanaayaan nutti dhufutti (haala kana irra turre)" (jedhan).
Jaarsummaan (araarri) warra araarsanii isaan hin fayyaddu.
Maaltu isaaniif jiraayi gorsa (Qur'aanaa) irraa gara galoo ta'u?
(Yeroo akeekkachiisa Rabbii irraa dheessan) akka harree diidoo dammaqanii (gugatanii) fakkaatu.
Leenca irraa kan dheessan.
Inumaa namni isaan irraa ta'e hundi kitaabota banamoo kennamuu fedha.
Haadhoowwamanii (hin kennaman) isaan Aakhirumaayyuu hin sodaatanu.
haadhoowwamanii inni (Qur'aanni) gorsa.
Nama fedheetu isaan gorfama.
Yoo Rabbiin fedhe malee hin gorfaman. Inni (Rabbiin) kan sodaatamuu haqa godhatuufi Abbaa Araaramaati.

