The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe man [Al-Insan] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The man [Al-Insan] Ayah 31 Location Madanah Number 76
Sila barri hangi ta'e nama irra kan inni waan yaadatamu hin ta'in hin dhufnee?[1]
Nuti nama bishaan saalaa walitti makamaa ta'e irraa uumnee; isa qormaatuuf jecha Dhaga'aafi argaa isa goone.
Nuti haala (inni) galateeffataa (mu'imin) yookiin mormaa (kaafira) ta'een karaa isa qajeelchine (isaa ibsine).
Nuti kaafirootaaf (aakhiratti) shanshalata, sakaallaawwaniifi ibidda boba'aa qopheessinee jirra.
Warri gaggaariin khamrii makaan ishee kaafuuriin ta'e irraa dhugu.
(Kun) burqaa gabroonni Rabbii ishee dhuganiidha. (Karaa fedhanitti) dhangalaafachuu ishee dhangalaafatu.
Qodhaa (nazrii) isaanii ni guutu; guyyaa hamtuun isaa babal'atu ni sodaatu.[2]
Nyaata ofii jaallachuu wajjin hiyyeessa, yatiimaafi booji'amaas nyaachisu.
(Ni jedhu): "wanti nuti isin nyaachifnuuf Fuula Rabbii qofaafi; isin irraa mindaas ta'ee galata wahii hin barbaannu. [3]
Nuti Gooftaa keenya irraa Guyyaa fuula guuraa hammaataa ta'e sodaanna.”
Rabbiini hamtuu guyyaa gaafasii irraa isaan tikseeti (fuula isaaniis) ifaafi gammachuu qunnamsiise.
Sababa isaan obsaniif jannataafi hariira galata isaaniif galche. [4]
Ishee keessatti sireewwan irratti hirkatanii (jiraatu), ishee keessatti aduufi qorra hamaa hin argan.
Haala gaaddisni ishee isaan irratti gadi dhihoo, firiiwwan ishees isaaniif laaffifamuu laaffifamteen (jannata seenu).
Meeshota meeta irraa ta'aniifi kubbaayyawwan qaruuraa irraa ta'een isaan irra naanna'ama.
Qaruuraalee meeta irraa ta'een likki godhan likkii godhiinsa.
Ishee keessatti khamrii makaan ishee zinjibila ta'e obaafamu.
Burqituu ishee (jannata) keessa jirtu Salsabiil jedhamtee kan waamamtu (irraa obaafamu).
Ijoollee ishee keessatti hafoo ta’antu isaan irra naanna'a; yeroo isaan argitu (bareedinarraa) faaya bibittinneeffame isaan seeta. [5]
Yeroo achi keessa ilaalte qananiifi mootummaa guddaa argita.
Gubbaa isaanii irra uffata hariira qal'aa magariisa fi hariira furdaatu jira; gumeelee meeta irraa ta'es ni faayamu. Gooftaan isaanii dhugaatii qulqulleessaa isaan obaasa.
"kun galata isiniif ta'eera. Dalagaan keessanis (qeebalamaa) galateeffatamaa taheera" (isaaniin jedhama).
Nuti Qur'aana buusiinsa sirratti buusnee jirra.
Murtii Gooftaa keetiitiif obsi; isaan irraa nama dilaawaa yookiin kafaraa ta'eef hin ajajamin.
Ganamaafi galgalas maqaa Gooftaa keetii faarsi.
Halkan irraallee Isaaf sujuudi (salaati); halkan dheeraas Isaaf (salaata laylii) salaati.
Jarri kun (addunyaa) arifattuu jaalatu; guyyaa (qiyaamaa) ulfaataa duuyda duuba isaaniitti dhiisu (dagatu).
Nuti isaan uumnee qaama isaaniis jabeessine; yeroo feene (isaan balleessinee) fakkaatuma isaanii bakka buusinsa bakka buufna.
Tuni gorsa; namni fedhe gara Gooftaa isaatti karaa (isa geessitu) godhata.
Yoo Rabbiin fedhe malee isin homaa hin feetan. Rabbiin beekaa ogeessa ta’eera.
Nama fedhe (iimaana kenneefii) rahmata Isaa keessa seensisa. Miidhaa raawwattoota immoo isaaniif adabbii laalessaa qopheesse.

