The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe tidings [An-Naba] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The tidings [An-Naba] Ayah 40 Location Maccah Number 78
[Warri hin amanin] maal irraa wal gaaggaafatan? [1]
Oduu guddaa irraa [wal gaafatu] [2]
Isa isaan isa keessatti wal dhaban [irraayi].
Haa dhowwamanii! fuula dura beekuuf jiru.
Ammas haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru.
Sila Nuti dachii firaasha hin goonee?
Gaarreen shikaaloowwan [hin goonee]?
Cimdii goonee isin uumne.
Hirriba keessan boqonnaa goone.
Halkan uffata goone.
Guyyaas yeroo jireenyaa (keessa hojjatan) goone.
Gubbaa keessanitti [samii] jajjaboo torba ijaarre.
(aduu) Ifaa boba'aa uumne.
Duumessoota irraa bishaan dhangala'aa baay'ee buufne.
Isaan fuduraafi marga baasuuf (magarsuuf) jecha [buufne].
Ashaakiltii damee wal keessa seensifattes.
Guyyaan adda bahiinsaa (qiyaamaan) yeroo beellamamaa ta'e.
[Guyyaan sun] guyyaa Garriin (xurumbaan) afuufamee isinis garee gareen dhuftanuudha.[3]
[Guyyaa] samiileen banamtee hulaalee taatuudha.
Gaarreenis deemsifamtee siribii (siribduu) taate.
Dhugumatti jahannam keellaa taateetti.
jallattootaaf iddoo deebiiti.
Yeroo dheeraaf ishee keessa turu.
Ishee keessatti qabbanas ta'ee dhugaatii hin dhandhamanu.
Bishaan akkaan danfaafi malaa malee [dhugaatii biraa hin argatanu].
Mindaa wal madaalu [mindeeffaman].
Isaan qormaata hin sodaatanu turan.
Keeyyattoota keenya kijibsiisuu kijibsiisan.
Wanta cufaayyuu haala barreeffameen walitti qabne.
“Dhandhamaa; azaaba malees isiniif hin daballu” [isaaniin jedhama].
Warra Rabbiin sodaataniif milkiitu jira.
Ashaakiltiifi inabatu [jira].
Dubartoota harma guntuttuu hiriyaa ta'antu [jiru].
Geeba (xoofoo) guutamtuu.
Achi keessatti dubbii badaafi wal kijibsiisuu hin dhaga'anu.
(kuni hundinuu) Mindaa Gooftaa kee irraa ta’e kennaa ga’aa [mindeeffaman].
Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaanii jiru, mararfataa kan ta'e [irraa mindeeffaman]. Isaa wajjin dubbachuu hin danda'anu.
Guyyaa Jibriiliifi Maleykonni haala hiriiraniin dhaabbatan nama Rabbiin eeyyameefi dhugaa dubbate malee hin haasawan.
Sun guyyaa [dhufaatiin isaa] haqaati. Namni fedhe [hojii gaarii hojjachuun] gara Gooftaa isaatti deebii tolfata.
Nuti adabbii dhihoo tahe isin sodaachifne. kan guyyaa namni waan harki lamaan isaa dabarfatte argu, kan kaafirri jedhu "yaa hawwii kiyya! odoon biyyee ta’ee".

