The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesSpoils of war, booty [Al-Anfal] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah Spoils of war, booty [Al-Anfal] Ayah 75 Location Madanah Number 8
Boojuu irraa si gaafatu, jedhi “Boojuun kan Rabbiifi ergamaa Isaati, Rabbiin sodaadhaa. Hariiroo gidduu keessan jiru tolchaa. Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajamaa Yoo mu’umintoota taatan". [1]
Mu’umintoonni (dhugaa) warra yeroo (maqaan) Rabbii dubbatamu onneewwan isaanii rifattu, kan yeroo keeyyatoonni Isaa isaan irratti dubbifamtu Iimaana isaaniif dabaltuu, kan Gooftaa isaanii irratti irkataniidha. [2]
Isaannan salaata (seera ishee guutanii) gad dhaabani, waan nuti isaaniif kennine irraa kennitaniidha.
Isaannan sun isaan qofatu dhugumatti mu’uminoota, Gooftaa isaanii biratti sadarkaa hedduutu isaaniif jira, araaramaafi hiree gaarii ta’etu (jannatatu) (isaaniif jiraaf).
Akkuma Rabbiin kee mana kee irraa dhugaan si baaseeti. gariin mu’uminootarraa (bahiinsa san) nijibban.
Siin falmu Dhugaa keessatti (jihaadaaf bahuu keessatti), erga inni ifa ta’ee booda, akka waan odoo argan gara du’aa oofamaa jiraniitti.
Yeroo tokkoon gareewwan lamaanii isiniif ta’uu Rabbiin waadaa isiniif seene, isinis isheen tan lolaa hin ta’in (gareen daldaalaa) isiniif ta’uu jaallattan, Rabbiin nifedha jechoota (waadaa) Isaatiin dhugaa mirkaneessuu. hidda kaafirootaa muruu (fedha).
(Wanti kana hojjateef) akka dhugaa mirkaneessee soba barbadeessuufi odoo kaafiroonni jibbanillee.
Yeroo isin Rabbii keessan irraa birmannaa barbaaddanii isiniif awwaate “Ani maleykoota kumaa wal hordofoo ta’an isiniif gargaarsa godhaadha” (jedhe) (yaadadhu).
Rabbiin gammachuu (keessanii)fi akka onneewwan teessan ittiin tasgabbooftuuf malee waan biraatiif isa hin goone, Injifannoon Rabbiin biraa malee hin taane. Rabbiin injifataa, ogeessa. [3]
(yaadadhaa) Yeroo Inni mugaatiin isin haguuge tasgabbii Isa biraa ta’ee (adda waraanaatti). samii irraa yeroo bishaan isin irratti buuse (roobse), isaan isin qulqulleessuf, waswaasa sheyxaanaa isin irraa deemsisuuf, onneewwan keessanirratti (obsaan) jabeessuuf, faanowwan (keessanis cirracha irratti) ittiin gadi dhaabuuf jecha (isiniif roobse).
(yaadadhu) Yeroo Gooftaan kee gara maleykotaatti beeksisa godhe “Ani (gargaarsaan) isin waliin jiraa, isaan amanan (miila isaanii) gadi dhaabaa, Ani onneewwan isaan kafaranii keessa sodaan buusa; Mormoowwan (isaanii) gubbaa dhawaa, Isaan irraas fiixa (qubaa) hunda dhawaa” (jedhee).[4]
Kun waan isaan Rabbiifi ergamaa Isaa faallessaniifi, Namni Rabbiifi ergamaa Isaa faallesse, (Rabbiin isa adaba) Rabbiin adabbiin isaa cimaadha.
Kun (adaba keessanii), isa dhandhamaa, Dhugumatti kaafirootaaf adabbii ibiddaatu jira.
Yaa warra amantan! (waraanaaf) kan walitti qabaman ta’anii yeroo warra kafaran qunnamtan, duuba keessan isaanitti gara hin galchinaa (hin dheeysisnaa) (gadi dhaabbadhaa gootummaan lolaa).
Namni guyyaa san duuba isaa isaaniitti garagalche, yoo mijjeeffannaa lolaatiif yookiin gara hoomaa (isaa) siquuf ta’e malee, inni dhugumatti dallansuu Rabbi irraa ta’een deebi’ee jira, Teessoon isaas jahannami, Deebiin (isaanii jahannam tahuun) waa fokkatee.
Isin isaan hin ajjeefne Garuu Rabbitu isaan ajjeese. Ati hin darbanne Yeroo darbatte Garuu Rabbiitu darbate. Mu’uminootaafis tola gaarii isa biraa ta’e akka kennuuf (kana hojjate). Rabbiin dhagahaa, beekaadha. [5]
Kun (dhugaadha) Rabbiin dadhabsiisaa tooftaa kaafirootati.
(Yaa warra kafartan!) Yoo murtii barbaaddan, dhugumatti murtiin isiniif dhufee jira. Yoo (badii irraa) dhorgamtan inni isiniif caalaadha. Ammas yoo isin (waraanatti) deebitan, nutis (mu'imintootaaf tumsa keenyaan) ni deebina.Tuutni teessan odoo baay’attellee homaa isin hin fayyadanu. Rabbiin (gargaarsaan) mu’uminoota waliin jira.
Yaa warra amantan! Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajajamaa, Odoo dhageessanuu Isa irraa gara hin galinaa.
Akka (kaafirootaa) isaan haala isaan hin dhageenyeen “dhageenyee jirra” jedhanii hin ta’inaa.
Dhugumatti irra badaan lubbu qabeeyyii Rabbiin biratti duudaa, arraba qabamaa, isaan aqlii hin qabneedha.
Rabbiin odoo isaan keessatti toltuu beekee silaa isaan dhageessisa ture. Odoo isaan dhageessisee, silaa isaan kan garagalan ta’anii irraa baqatu.
Yaa warra amantan! Rabbiif awwaadhaa, Ergamaa Isaatiifis; yeroo inni waan isin jiraachisutti (diin kanatti) isin waame (awwaadhaa). beekaa Rabbiin gidduu namichaatiifi onnee isaa nigolga. isin gara Isaatti walitti qabamtan.
Rakkoo (Fitnaa) isin irraa warra miidhaa hojjatan qofa kophaatti hin tuqne (ta nama nagayaaa hunda walgeessu) sodaadhaa. Rabbiin adabbiin isaa cimaadhaa beekaa.
Yaadadhaa yeroo isin (lakkoofsaan) xiqqoo, dachii keessattis hacuucamoo (taatanii), namoonni (saamichaafi ajjeechaan) isin bubbutuu sodaattan, (Rabbiin) isin qubsiisee, tumsa Isaatiin isin gargaare, gaggaarii irraa isii hire akka isin galateeffattaniif. [6]
Yaa warra amantan! Rabbiifi ergamaa Isaa hin ganinaa, amaanaa keessanis hin ganinaa odoo beektanii.
beekaa qabeenyaaleen keessaniifi ilmaan keessanis (fitnaa) mokkoroodha. Rabbiin mindaan guddaan Isa bira jira.
Yaa warra amantan! Yoo Rabbiin sodaattan, (beekkomsa) addaan baasaa (dhugaafi dharaa) isiniif godha. Badiilee teessan isin irraa haqa, Isiniif araaramas, Rabbiin saahiba arjummaa guddaati.
Yeroo isaan kafaran shira sirratti baasan (yaadadhu), si hidhuuf yookiin si ajjeesuf yookiin (biyya irraa) si baasuuf. Isaan shira baasu; Rabbiinis shira baasa (shira isaanii isaan irratti deebisa), Rabbiin irra caalaa warra tooftaa baasuuti.
Yeroo keeyyatoonni keenya isaan irratti qara’amtu nijedhan “Nuti (ishee) dhageenyee jirra, odoo feenee fakkaataa kanaa ni jenna; kuni ogbarruu warra duriiti malee waan biraatii miti”.
(yaadadhu) Yeroo isaan jedhan “Yaa Allaah! Yoo kuni dhugaa si biraa (bu’e) ta’e, samii irraa dhagaa nurratti roobsi; yookiin adabbii laalessaa nutti fidi”.
Rabbiinis odoo ati isaan keessa jirtuu kan isaan adabu hin taane, Ammas Rabbiin odoo isaan araarama kadhatanuu kan isaan adabu hin taane.
maaltu isaaniif tahe kan Rabbiin isaan hin adabneef, Haala isaan masjiida kabajamaa irraa (namoota) dhoorganiin. isaan jaalallee isaa hintaane. jaalalleewwan isaa Warra Rabbiin sodaatan malee kan biraa hin taane; garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.
Salaanni isaanii mana (Ka’abaa) biratti fiiysuu (siiksuu) fi harka dhahuu (shubbisuu) malee waan biraa hin taane, adabbii dhandhamaa waan kakafartan taataniif.
Dhugumatti, isaan kafaran (namoota) karaa Rabbii irraa dhorguuf jecha qabeenya isaanii kennu, Fuula duras ishee kennu, Sana booda isaan irratti gaabbii taati, Ergasii ni injifatamu; warreen kafaran gara jahannamitti walitti qabamu.
Rabbiin fokkataa gaarii irraa adda baasuufi, fokkataa garii isaa garii gubbaatti taasisa, hunda isaanii walitti tuulee, ergasii jahannam keessatti isaan taasisuuf (walitti qabamu). Warri sun isaanumatu hoonga’oodha.
Isaan kafaraniin jedhi, yoo (kufrii irraa) dhorgaman wanti dabre isaaniif araaramama, Yoo (itti) deebi’an immoo dhugumatti, karaan (adabbiin) warra duraanii dabritee jirti.
Hanga “fitnaan” (shirkiin) hin argamneefi amantiin hundi isaa Rabbiif ta’utti isaaniin lolaa; (kufrii irraa) yoo dhorgaman (dhiisaa), dhugumatti Rabbiin waan isaan dalagan argaadha.
Yoo isaan irraa gara galan, dhugumatti Rabbiin “gargaaraa keessanii beekaa, Tiksaan (Isa ta’uun) waa tole; tumsaan (Isa ta’uunis) waa tole.
Beekaa wanti isin boojitan kumiyyuu tokko shanaffaan isaa Rabbiifi, ergamaa Isaatiifi, firoota dhihootiifi, yatiimotaafi, hiyyeeyyiifi, kara deemaaf taha; yoo kan Rabbiifi waan Nuti gabricha keenya irratti guyyaa addaba’iinsaa (dhugaafi soba addaan baafne), guyyaa (Badrii kan) tuutti lamaan wal qunnaman buufnetti kan amantan taatan (sana beekaa), Rabbiini waan hunda irratti danda’aadha. [7]
Yeroo isin moggaa (Madiinaatti) dhihootti taatanii, isaan moggaa fagootti ta’an, daldaltoonni immoo jala keessan ta’an (waan ta’e yaadadhaa). Odoo waliif beellamtanii, silaa beellama keessatti wal dhabdu turtan, Garuu Rabbiin dhimma (beekumsa isaa keessatti) raawwatamaa ta’e raawwachuuf, namni bades ragaa mul'atarrat (osoo beekuu) akka baduuf, namni jiraatus ragaa mul'atarratti (osoo beekuu) akka jiraatuuf (beellama malee walitti isin qabe). Dhugumatti Rabbiin dhaga’aa, beekaadha.
Yeroo Rabbiin manaama kee keessatti (kuffaarri lakkoofsaan) xiqqoo ta’uu isaanii sitti argisiise (yaadadhu), Odoo baay’ee ta’anii isaan sitti agarsiisee silaa luynoomtan, dhimmicha keessatti wal mormitan turtan. Garuu Rabbiin nagaya (isin) godhe. Inni beekaa waan qoma keessa jiruuti.
Yeroo walitti dhuftanii (yeroo) isaan isin agarsiise ijoowwan keessan keessatti xiqqoo taasisee, isin ijoowwan isaanii keessatti kan xiqqeessu ta’e (yaadadhu). Rabbiin dhimma (beekumsa Isaa keessatti) hojjatamaa ta’e raawwachuuf jecha (kana hojjate), Wantoonni gara Rabbii deebifamti.
Yaa warra amantan! Yeroo garee (diinaa) wahii qunnamtan, gadi dhaabbadhaa (lolaa hinsodaatinaa); (faaruu) baay’ee Rabbiin faarsaa (isa kadhadhaa) akka milkooftaniif. [8]
Rabbiifi ergamaa Isaatiifis ajajamaa; wal hin morminaa; luynoomtanii humni keessan (isin irraa) deemtii; obsaa, Rabbiin obsitoota wajjin jira. [9]
Akka isaan manneen isaanii irraa bahanii hin ta’inaa boonaa, namootatti argisiifataa. kan karaa Rabbii irraa (namoota) dhorgan (hiintahinaa). Rabbiin waan isaan dalaganitti marsaadha.
(yaadadhu) Yeroo sheyxaanni dalagaalee isaanii (gadhee) miidhagsee, nijedhe “har’a nama irraa injifataan isiniif hin jiru, Ani isiniif gargaaraadha”. Yeroma gareen lamaan wal argan, of duuba deebi’ee nijedhe “ani isin irraa qulqulluudha; ani waan isin hin agarren argaa, Ani Rabbiinin sodaadha, Rabbiin adabbiin Isaa cimaadha”. [10]
Yeroo munaafiqoonniifi warri onneewwan isaanii keessa dhukkubni (kufrii) jiru jedhan (yaadadhu) “warra kana amantii isaaniitu isaan gowwoomse”. Namni Rabbirratti irkate (ni moohata), Rabbiin injifataa ogeessa.
odoo gartee Yeroo maleeykonni warra kafaran fuulleen isaaniitiifi duuydoowwan isaanii tumaa lubbuu baasan “azaaba gubu dhandhamaa” (jedhaaniin) (silaa dubbii cimaa argita).
”Kun waan harkoowwan keessan dabarfatteefi. Rabbiin gabroota miidhaa miti” (isaaniin jedhama)
(Haalli ummata kanaa) Akkuma haala warra Fir’awniifi warra isaan dura turaniiti. keeyyattoota Rabbiitti kafaranii Rabbiin badiiwwan isaaniitiin isaan qabeeti. Rabbiin jabaa, adabbiin Isaa cimaati.
Kun waan Rabbiin qanani ummata irratti oole kan jirjiiru hintahiniifi hanga isaan waan lubbuulee isaanii keessa jiru jijjiirinitti. Rabbiin dhagayaa beekaadha. [11]
Akka haala warra Fir’awnaafi warra isaan duraati. keeyyattoota Gooftaa isaanii kijibsiisan, ergasii badiiwwan isaaniitiin isaan balleessine; ummata Fir’awnaa bishaaniin dhidhimsiifne; hundumtuu miidhaa hojjattoota turan.
Irra badaan lubbu qabeeyyii Rabbiin biratti warra kafarani; isaan hin amananu.
(Isaan) warra ati waadaa wajji seente, eegasii marsaa (waadaa seenan) hunda ahdii isaanii nidiigan, isaan Rabbiin hin sodaatan.
Yoo lola irratti isaan argite (akka hamatti isaan dhawii) namoota isaan boodaa isaaniin addaan facaasi (jiilchi), akka isaan gorfamaniif jecha .
Garuu yoo namoota irraa ganiinsa sodaatte ifaan ifatti (walqixatti) (waadaa isaanii) gara isaanitti darbi, Rabbiin warra (waadaa) gantoota hin jaalatu.
Isaan kafaran (adaba Rabbii jalaa) miliqan uf hinsehin., isaan (Nu) hin dadhabsiisanu.
Waan dandeessan isaaniin (Loluuf) qopheessaa, Humnaafi faradoo hidhaman irraa kan tahee, kan ittiin adawwii Rabbii fii adawwii keessan sodaachiftaniin. (akkasuma kan) ummattoota biraa kan isaan hin tahin, kan isin isaan hin beekne, Rabbiin isaan beeku ittiin akka sodaachiftaniif. Wanti karaa Rabbii keessatti (isin) arjoomtan kamillee (mindaan isaa) (guutamee) isiniif kennama, Isin hin miidhamtanu. [12]
Yoo gara araaraatti daban, atis gara isheetti dabi; Rabbi irratti irkadhu, Inni dhaga’aa, argaadha. [13]
Yoo isaan si ganuu fedhan, dhugumatti gayaan kee Rabbuma, Inni Isa si jabeesse tumsa Isaatiifi mu’uminootaan.
Gidduu onneewwan isaanii wal taasise (walitti araarse). odoo (wal taasisuuf) waan dachii keessaa hunda arjoomteeyyuu gidduu onneewwan isaanii wal taasisuu hin dandeessu, Garuu Rabbitu gidduu isaanii wal taasise. Inni injifataa, ogeessa. [14]
Yaa nabiyyii (kiyya)! Rabbiin siif gahaadha, mu’uminoota irraa namoota si hordofaniifis (gayaadha).[15]
Yaa nabiyyii (kiyya)! Mu’uminoota lola irratti kakaasi, Isin irraa obsitoonni digdamni yoo jiraate, dhibba lama (adawwii kuffaaraarraa) haa injifatanu (haaloluunii), Isin irraa dhibbi tokko yoo jiraate isaan kafaran irraa kuma haa injifatanu (haaloluunii), waan isaan ummata hin hubanne ta’aniif. [16]
Amma Rabbiin isin irraa laaffiseera, Isin keessa dadhabbiin akka jirus beekeera, Isin irraa obsitoonni dhibbi tokko yoo argame, dhibba lama haa injifatu (haa loluunii), Isin irraa kumni tokko yoo argame, kuma lama haa injifatu (haaloluunii), hayyama Rabbiitiin. Rabbiin obsitootaa wajjin jira. [17]
Nabiyyii kamiifuu booji’amtoonni isaaf ta’uun isaaf hin malu, hanga lafa irratti injifatutti (ajjeechaa isaanii bakkaan gahutti). Isin meeshaa (faa’idaa) addunyaa feetu; Rabbiin immoo Aakhiraa (isiniif) fedha, Rabbiin injifataa, ogeessa.
Odoo murtiin Rabbi irraa dabre ta’uu baatee, silaa waan isin fudhattan keessatti adabbiin guddaan isin mudata ture.
Haala hayyamamaafi gaarii ta’een waan boojitan irraa nyaadhaa, Rabbiin sodaadhaa, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
Ati Yaa nabiyyicha Booji’amtoota irraa namoota harka kee keessa jiraniin jedhi: “yoo Rabbiin onneewwan keessan keessatti toltuu wahii beekee, waan isin irraa fudhatame waan caalu isiniif kenna, isiniifis ni araarama, Rabbiin araaramaa rahmata godhaadha. [18]
Yoo isaan si ganuu fedhan, dhugumatti kana duras Rabbiin gananii jiru; isaan irraa (ajjeesuufi booji’uun) (siif) mijjeessee jira, Rabbiin beekaa, ogeessa.
Isaannan amananii godaananii, karaa Rabbii keessattis qabeenyaafi lubbuulee isaanitiin qabsaa’aniifi isaannan (isaan) qubsiisanii, gargaarsas (isaaniif) godhan, jarri sun gariin isaanii jaalallee gariiti. Isaan amananii hin godaanin immoo hanga godaananitti jaalala isaanii irraa homtuu isiniif hin taane. Yoo amantii keessatti tumsa isin gaafatan isaan tumsuun isin irratti dirqama. -namoota gidduu keessaniifi gidduu isaanii waadaan jiru irratti (yoo ta’e) malee- Rabbiin waan isin hojjattan argaadha.
Isaannan kafaran gariin isaanii jaalallee gariiti. Yoo isin isa (mu’uminoota jaallattanii kaafiroota jibbuu) hojjachuu baattan dachii keessatti balaa (shirkii)fi badii guddaatu argama.
Isaan amananii, godaananii, karaa Rabbii keessatti qabsaa’aniifi isaan (isaan) qubsiisanii, gargaarsa (isaaniif) godhan, warri sun isaanumatu mu’uminoota dhugaati, Isaaniif araaramaafi hiree gaariitu jira.
Warri sana booda amananii, godaananiifi isin waliin qabsaa’an, isaan isin irraayyi. (Dhaala ilaalchisee) warri firaa gariin isaanii garii (dhaaluu)tti irra caalaadha kitaaba Rabbii keessatti, Rabbiin waan hunda beekaadha.

