The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Cleaving [AL-Infitar] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Cleaving [AL-Infitar] Ayah 19 Location Maccah Number 82
Yeroo samiin dhodhoote, [1]
Yeroo urjiiwwan harcaate,
Yeroo galaanonni (bahri) walitti makaman,
Yeroo qabroonni gara gaggalfamtee du’aa ishee keessa jiru ol baafte,
(Yeroo san) lubbuun hundi waan dabarfatte (hojjattee)fi booda aansite ni beekti.
Ati Yaa ilma namaa! Gooftaa kee kan Arjaa ta'etti (amanuu irraa) maaltu si dage?
Isa si uumee, ergasii si guutee, si sirreesse,
Boca fedhe keessatti walitti si qabe (sanarraa maaltu si gowwoomse)? [2]
Dhorgamaa! Dhugumatti, guyyaa murtii ni sobsiiftu.
Isin irra to’attootatu jiru.
Kabajamoo, barreessitoota kan ta’an.
Waan isin dalagdan ni beeku. [3]
Dhugumatti, warri toltuu hojjatan (guyyaa qiyaamaa) qananii (jannata) keessa jiraatu.
Warri hamtuu hojjatan immoo ibidda keessa jiraatu.
Guyyaa murtii ishee seenu.
Isaan ishee irraa hin fagaatanu. [4]
Sila guyyaan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise?
Ergasii guyyaan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise?
(Inni) guyyaa lubbuun takka lubbuu biraatiif homaa gochuu hin dandeenye. Guyyaa san amriin (hundi) kan Rabbiiti.

