The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesDefrauding [Al-Mutaffifin] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah Defrauding [Al-Mutaffifin] Ayah 36 Location Maccah Number 83
Salaabiiwwaniif (warra safara hir’isuuf) badiin haa ta’u! [1]
Isaan yeroo namoota irraa safaratan guuchisiifatan,
Kan Yeroo namootaaf safaran yookiin miizaanan immoo ir’isan.
Sila isaan sun kaafamuu isaanii hin yaadanii?[2]
(Qorannoo) Guyyaa guddaadhaaf.
Guyyaa namni Gooftaa aalamaatiif dhaabbatu.
Miti, galmeen badii hojjattootaa Sijjiin keessa taha.
"Sijjiin" maal akka ta'e maaltu si beeksise?
Kitaaba barreeffamaadha (dalagaa yakkamtootaatu irratti barreeffama).
Kijibsiiftotaaf Guyyaa san badiin mirkanaa’e.
Isaan guyyaa murtii kijibsiisaniif.
Daangaa dabritoota dilaawoo cufa ta’e malee namni isa kijibsiisu hin jiru.
Yeroo keeyyattoonni Keenya isaan irratti qara'amte "ogbarruu warra duriiti" jedha.
Haa dhorgamanu! Dhugumatti wanti isaan hojjataa turan onnee isaanii haguuge.
Haadhoorgamanii! Isaan guyyaa san Gooftaa isaanii irraa haguugamoodha.
Ergasii isaan ibidda seenoodha.
Ergasii "inni kun (azaabni) isa isin sobsiisaa turtan" isaaniin jedhama.
Miti, galmeen toltuu hojjattootaa Illiyyiin keessatti ta'aadha.
"Illiyyiin" maal akka ta'e maaltu si beeksise?
Kitaaba barreeffamaadha (hojii warra Rabbitti amaneetu irratti barreeffame).
Warra Rabbitti dhiheeffamantu isa arga.
Dhugumatti, toltuu hojjattoonni qananiilee keessa jiraatu.
Sireewwan irra (taa'anii) ilaalu.
Fuulleen isaanii keessatti ifina qananii ni beekta.
Dhugaatii qadaadamaa irraa obaafamu.
Dhumti isaa miskiidha; sana keessatti warri wal dorgoman wal haa dorgomanii. [3]
Makaan isaa ‘Tasniim’ irraayi.
(Tasniim) madda warri Rabbitti dhiheeffaman irraa dhuganiidha. [4]
isaan dilaawan(kaafiroonni) (qoosaaf) isaan amananitti kolfaa turan.
Yeroo isaan bira dabran wal akeeku.
Yeroo gara maatii isaanii deebi'an gammadaa deebi’u.
Yeroo isaan argan " isaan kun jallattoota" jedhan.
Haala to'attoota ta'anii isaan irratti hin ergaminiin.
ar’a (guyyaa kaafamiinsaa) isaan amanantu kaafirootatti kolfa.
Sireewwan irra (ta'anii) ilaalu.
"Sila kaafiroonni waan dalagaa turan mindeffamaniiruu?”.

