The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Sundering, Splitting Open [Al-Inshiqaq] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Sundering, Splitting Open [Al-Inshiqaq] Ayah 25 Location Maccah Number 84
Yeroo samiin dhodhoote [1]
(Yeroo isheen ajaja) Gooftaa ishee dhaggeeffatte; (wanti kana godhu waan itti argameef) dhugaa qabdi.
Yeroo dachiin diriirfamte,
Waan ishee keessa jiru ol darbitee, duwwaa taate, [2]
(Yeroo isheen ajaja) Gooftaa ishee dhaggeeffatte; (wanti kana godhu waan itti argameef) dhugaa qabdi.
Ati Yaa ilma namaa! Ati gara Rabbii keetii (dhaqqabuuf) hojiin laffa'aadha laffa'iinsa, isa qunnamaadhasi. [3]
Ammoo Namni kitaaba isaa mirga isaatiin kenname;
Qormaata salphaa qoramuuf jira.
Gammadaa gara maatii isaa deebi’a.
Namni kitaaba isaa dugdaisaa duubaan (harka bitaatiin) kenname immoo;
Badii yaamuuf jira (Yaa badii tiyya jedhee) (uf abaara).
Ibidda boba’aa (jahannam) seena.
Inni maatii isaa keessatti (adduniyatti) (diliifii kufrii isaarratti) gammadaa ture.
Inni (gama Rabbii) hindeebi’uu (hinkaafamuu) yaade.
Lakki! (ni deebi’a) Gooftaan isaa isa argaadha.
Miti! Diimina galgalaattin (kan seensa aduu boodaa) kakadha.
Halkaniifi waan inni walitti qabeenis (nan kakadha).
Ji'attis yeroo inni guuteenin (goobana taheen) (kakadha).
Isin sadarkaa tokko irraa gara sadarkaa biraatti ceetu.
Maaltu isaaniif jiraayi hin amanne?
Yeroo Qur'aanni isaan irratti qara'amu hinsujuudan. [4]
Dhugumaatti, warri kafaran ni kijibsiisu.
Rabbiin beekaa waan isaan (onnee isaanii keessatti) walitti qabaniiti.
Adaba laalessaadhaan isaan gammachiisi.
Isaan amananii gaggaarii hojjatan malee isaaniif mindaa hin cinnetu jira. [5]

