The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Most High [Al-Ala] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Most High [Al-Ala] Ayah 19 Location Maccah Number 87
Maqaa Gooftaa kee olaanaa ta'ee qulqulleessi. [1]
Isa (waan hunda) uumee guute.
Isa murteessee qajeelche.
Isa marga baase,
Goggogaa gurraacha isa taasise.
Si qaraasisuuf jirraa hin dagattu. [2]
Waan Rabbiin fedhe malee Inni mul’ataafi dhokataas ni beeka.
Nuti karaa laaftuu taateef si laaffifna.
yaadachiisi Yoo yaadachiisni fayyadde.
Namni Rabbiin sodaatu (muslimni) gorfamuuf jira.
Hoongawaan (kaafirri) ishee irraa fagaata.
Inni ibidda guddoo seenu sun.
Ergasii ishee keessatti hin du'u; (jiruu nagayaa) hin jiraatus.
Dhugumatti, namni of qulqulleeffate milkaa’e. [3]
Maqaa Gooftaa isaa dubbatee (faarsee) kan salaate.
Inumaa isin jiruu addunyaa filattu.
Odoo Aakhiraan caaltuufi haftuu taatee jirtuu [addunyaa filattu].
Kun barreeffamoota duraanii keessa jira.
Barreeffamoota Ibraahiimifi Muusaa [keessa jira].

