The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Dawn [Al-Fajr] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Dawn [Al-Fajr] Ayah 30 Location Maccah Number 89
Bariinin (kakadha). [1]
Halkan kurnaniinis, [2]
Cimdiifi qarattis;
Halkanittis; yeroo inni deeme. [3]
Sila sana keessa abbootii sammuutiif kakuun quubsaan jiraa? (ee ni jira)!
Sila akkam akka Gooftaan kee Aaditti hojjate hin arginee? [4]
Iramiin warra dhedheerootti, [5]
Ishee fakkiin ishee biyyoota keessatti hin uumamin san.
Samuudittis (ummata nabi saalih) warra laga (Hijri) keessatti dhagaa uran (mana irraa tolfatan).
Fir'awniinis abbaa shikaalaatti;
Isaan biyyoota keessatti daangaa dabran.
Kan ishee keessatti badii baay'isan.
Gooftaan kee gosa azaabaa isaan irratti buuse.
Gooftaan kee keellatti tahaadha. [6]
Ammoo Namni yeroo gooftaan isaa isa qorate, isa kabajee, isa qanansiise nijedha “Gooftaan kiyya na kabaje”.
Yeroo inni hiree isaa itti xiqqeessee isa qorate immoo “Gooftaan kiyya na xiqqeesse” jedha.
Haa dhorgamu! Dhugumatti, isin yatiima hin kabajjan.
Hiyyeessa nyaachisuu irrattis hin kakaaftan.
Qabeenya dhaalaa, nyaata [halaalaafi haraama] walitti qabate (nyaata hamaa) nyaattan.
Jaalala baay’ee qabeenya jaalattu.[7]
Dhorgamaa! Yeroo dachiin waliin dhawamiinsa jabaa waliin dhawamte (sossoote).
(Yeroo) Gooftaan kee dhufee maleykonnis hiriira hiriiran [dhufan]. [8]
Guyyaa san jahannamis ni fidama Guyyaa san namni ni yaadata Yaadannoon (guyyaa sanii) maal isaaf godha ree? (homaa isa hinfayyadu) [9]
Ni jedha: "yaa gaabbii tiyya odoon jiruu tiyyaaf dabarfadhee." [10]
Guyyaa san adabbii (akka adabbii isaa) Isaa tokkolleen hin adabu.
Hidhaa (akka hidhaa) Isaas tokkolleen hin hidhu.
(lubbuu mu'imintootaatiin nijedhama) “Ati Yaa lubbuu tasgabbooftuu!
Gara Gooftaa keetii deebi'i Jaalattuu, jaalatamtuu tahaadhaa .
Gabroota kiyya keessas seeni.
Jannata kiyyas seeni” (jedhamti)

