The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Sun [Ash-Shams] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Sun [Ash-Shams] Ayah 15 Location Maccah Number 91
Aduufi waaree (ifa) isheetiinin (kakadha). [1]
Ji’aanis (kakadhe) yeroo inni ishee hordofe.
Guyyaanis (kakadhe) yeroo inni ishee (waan lafarra jiru) mul’ise;
Halkaniinis (kakadhe) yeroo inni ishee haguuge (dachii dukkaneesse);
Samiifi kan ishee ijaareenis (kakadhe);
Dachiifi kan ishee diriirseenis;
Lubbuufi kan ishee uumeenis;
Kan jall’ina isheefi qajeeluma ishee ishee barsiise.
Namni ishee qulqulleesse dhugumatti milkaa’e. [2]
Namni ishee xureesses dhugaatti hoonga’e.[3]
Samuud (nabi saalihiin) daangaa dabruu isheetiin kijibsiifte.
Yeroo irra jallaan ishee ka’u (kijibsiifte).
Ergamaan Rabbiis (Saalih) isaaniin “gaala Rabbiitiifi dhugaatii ishee (eeggadhaa, hintuqinaa)” jedhe.
Isa kijibsiisanii, ishee waraanan, Rabbiin isaanii Sababa badii isaanii isaan balleessee, ishee wal qixxeesse.
Haaloo ishee hin sodaatu.

