عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The night [Al-Lail] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah The night [Al-Lail] Ayah 21 Location Maccah Number 92

Halkaniin (nan kakadha); yeroo (inni) (dukkanaan dachii) haguuge.[1]

Guyyaanis (ninkakadhaa) yeroo inni mul'ate;

Dhugumatti, dalagaan keessan adda adda (wal dhaba) (kuun jallaa kuun qajeelaadha).

(Islaamummaa) bareedduu dhugoomse,

(Karaa) laaftuuf isa laaffisuuf jirra (hojii gaarii isaaf laaffifna).

Ammoo Nama dony'oomee (karaa Rabbii keessatti kennuu didee) of ga’e,

(Karaa) jabduuf isa laaffisuuf jirra (hamtuu hojjatuutu isaaf laafa).

Karaa qajeelaa ifa galchuun (mul'isuun) Nurra jira.

(Yaa ilmaan namaa) (Ani) Ibidda qabsiifamaa ta'e isin sodaachise.

Kan (islaamummaa) sobsiisee gara gale (malee).

Namni Rabbiin sodaatu ishee irraa fageeffamuuf jira. [3]

Haala isa bira nama tokkoof galanni galfamtu hin jirreen (kan kennatu).

Fuula Gooftaa isaa ol aanaa ta'e barbaachaaf malee (hin kennu).

Dhugumatti, inni fuulduratti (galata Rabbiin isaa galchuun) jaalachuuf jira.