The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Fig [At-Tin] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Fig [At-Tin] Ayah 8 Location Maccah Number 95
Tiiniifi Zaytuuniiniin (kakadha). [1]
Gaara (Tulluu) xuuri Siiniinaatiinis. [2]
Biyya nagaa kanaanis (nin kakadha). [3]
Dhugumatti, Nuti nama dhaabbata irra gaarii ta'e keessatti isa uumne.
Ergasii bakka warra jalaa hundarra gadi aanaa ta'etti isa deebifne.
Isaan amananii gaggaarii dalagan malee isaaniif mindaa addaan hin cinnetu jira.
Kana booda maaltu galata [guyyaa Qiyaamaa] si kijibsiisisa (yaa ilma namaa) (kijibsiisutti si kaase)?
Sila Rabbiin irra murteessaa murteessitootaa hin taanee?(tahe).

